Shamarree Afgaan hidhattoota maatiishee ajjeesan haaloo bahuun leellifamte

Shamarreen Afgaan

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA

Shamarreen Afgaan torban darbe hidhattoota Talibaan maatiishee ajjeessan ofirraa loluun ajjeesuusheetiin midiyaa hawaasummaa irratti 'gootummaan' leellifamte.

Shammarreen kun qawwee AK-47 kan maatiishee fudhachuun hidhattoota lama ajjeeftee kaan hedduu madeessuushee aanga'oonni bulchiinsa Goor dubbataniiru.

Talibaanonni gara mana isaanii kan deeman abbaa shammarree kanaa deeggaraa mootummaa waan ta'eef jedhu.

Suuraan shammarree kanaa qawwee qabattee jirtu yeroo agarsiisu miidiyaa hawaasummaa irratti hedduminaan qoodamaa tureera.

Boodarra hidhattonni dabalataa gara mana jireenyaa isanii, ganda Giriwaa keessa jirutti deebi'anis, jiraattoota gandichaafi hidhattoota mootummaan haleelamanii baqataniiru.

Anga'oonni akka jedhanitti shamarreen ganna 14 fi 16 gidduu taatuufi obboleessi ishee quxisuu nageenya isaaniif bakkaa biraatti geeffamaniiru.

Fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasummaa shamarree kana faarsaniiru.

"Jabinashee nan dinqisiifadha," jechuun Najiibaa Rahmii Feesbuukii gubbaatti barreessuu AFP gabaaseera.

"Maatiikee bakka buufachuu akka hin dandeenyee beekna, garuu haloo ba'uun nagaa amma tokkoo siif kenna, " jechuun Mohaammad Saaleeh Feesbuuki gubbatti maxxanseera.

Akka gabaasa biyyattitti, Bulchiinsi Goor bulchiinsota Lixa Afgaanistaan hiyyummaan beekamtuufi kan haleellaan dubartoota irra ga'u guddaa itti ta'edha.

Taalibaan Guraandhala keessa US waliin waliigaltee nagaa mallateessus , miseensoti isaa hedduu garuu mootummaa Afgaaniifi heeraa amma jiru fonqolchuu fedhu.