Dubartii Masrii mirga dhaalaa seera shari'aan kaa'ame falmitee mo'atte

Coptic church keessatti wayita tajaajilli godhamu
Ibsa waa'ee suuraa, Hordoftoonni amantii kiristaanaa Masirii keessatti muraasa

Masirii keessatti dubartiin dhiira waliin walqixa dhaaluu qabdi jettee falmaa kan turte mo'atte.

Dubartiin maqaanshee Hudaa Nasrallaah jedhamu kun amantii 'Coptic Christian' hordofti.

Obboloota ishee dhiiraa waliin mirga dhaala walqixa argachuu akka qabdu karaa seeraa falmaa turtee dhumarratti injifatte.

Akka seera shari'aatti dubartiin dhaalli argachuu dandeessu walakkaa kan dhiirotaati.

Dubartiin umurii waggaa 40 Huda Nasrallah dhimma kana mana murtiitti dhiyeessuun amanummaa seera shari'aa qormaata keessa galchiteetti.

Mirga dhala namaaf falmuun kan beekamtu Huda Nasrallah seera amantii kiristaanaa kan dhaala irratti mirga walqixaa kennu dhiyeessuun falmiishee dhiyeessaa turte.

Hanga ammaatti manneen murtii biyyattii lama seera shari'aa irratti hundaa'uun himata ishee kuffisaniiru.

Masirii keessatti amantii fedhan hordofanillee seerri shari'aa nama hundarratti hojjeta.

Huda Nasrallah falmii gaggeessaa turte irra aanuunshee tarii seerri kun akka jijjiiramu dhiibbaa uumuu danda'a jedhameera.

Akka seerri murteesseefitti dubartiin kun obboloota ishee dhiiraa waliin qabeenya abbaashee walqixa ni dhaalti.

"Dhugaadhumatti waa'ee dhaalaa miti kan na dhiphise. Abbaan keenya paawondii baay'ee nuuf kaa'ee miti kan deeme. Obboloota kiyya dhiiraa waliin wal qixa ilaalamuun qaba jedhee gaafachuuf mirgan qaba.''

Masirii keessa kiritaanota miiliyoona kudhantu jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Masirii keessa kiritaanota miiliyoona kudhantu jiru

Huda Nasrallaah hordoftoota amantii 'Coptic Christians' miiliyoona 10 Masirii keessa jiran keessa tokko.

'Coptic Church' dhimmoota gaa'ilaa fi walhiikuu irratti hordoftoota isaarratti ni murtessa, dhimmi dhaalaa garuu shari'aadhaan murtaa'a.

Dhaala irratti dubartii fi dhiirri mirga walqixaa dhabuun biyyoota Arabaa hedduu keessatti atakaaroo uumeera.

Keessattuu erga bara darbe Tuuniziyaan dhiirri fi dubartiin walqixa akka dhaalan murteessitee as gaaffiin biyyoota arabaa keessatti heddummaateera.