Monokseewwan Koptikii Masirii luba ajjeesan jedhaman irratti murtoon du'aa darbe

Madda suuraa, Getty Images
Monokseewwan Koptik Kiristiyaanaa Masirii duraanii lama luba ajjeesaniiru jedhaman irratti murtoon du'aa darbe.
Abuna Ipifaanus umuriin ganna 64 kan tahan bara darbe gadaamii gammoojjii Kaaba Lixa Kaayiroo jiru keessatti ajjeefamuun argaman.
Qondaaltotni ajjeechaa raawwate balaaleffatan lubootaa fi Abuunota gidduu garaagarummaan bakka hin jirretti gochichi raawwachuu hin qabu jedhan.
Murtoon kun jalqaba ji'a Guraandhalaa keessa darbuun booda qaama Muftiitti dabarsuun murtoon kun akka ragga'u taasifame.
Gaafa Roobii darbe manni murtii yakkaa Damanhuur murtoo ajjeechaa namoota lamaanii mirkaneesse.
Monokseewwan keessaa tokko Waa'el Saad abbootii alangaatti akka jedhetti sibiilaan Lubicha rukutuun akka ajjeesee fi namni biraa Reemon Raasmii jedhamus akka isa gargaare hime.
Saadii fi Rasmiin maqaa Monoksee Ashiyaa fi Faaltos jedhamuun beekaman murtichaaf ol iyyachuu akka danda'an himameera.

Madda suuraa, Getty Images
Murtoon kun Kiristaanota Masir rifaasiseera. Masir [Gibtxi] keessaa lakkoofsi Kiristaanotaa 10% baay'ina uummata biyyachaa taha.
Dursaan Waldaa Kiristaanaa Phaaphaas Tawaadiroo II jedhaman naamusa monokseewwanii sirreessuuf akka dhaabbataatti hojii bal'aa hojjechuu himan.
Monokseewwan haaraa filachuun akka turuu fi monokseewanis miidiyaalee hawwaasaa isaanii akka cufan murteessuu himaniiru.
Warri Koptikii amantaan keenya waggoota 2000 akka ture yoo himan Kiristaanota kaan waliin bara 451 adda bahan.
Warri Koptikii Baha Gidduu Galaa keessatti hordoftoota baay'ee kan qabudha.












