Moo Saalah: Taphataa arjaa Masirii guddaa leellifame

Mohaammad Saalah

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mohaammad Saalah

Booda kana Masiriin miidiyaa gubbaatti dhimmoota Siyaasaafi shororkessummaan maqaan ka'a ture. Kana garuu kan jijjiiraa jiru taphataa tokkodha - Mohaamad Saalah.

Jifataan lammii MasiriiLiivarpuulif taphatu Mohaammad Saalah bara darbe dirree irratti milkaa'inaan dabarse.

Pirimiyeer Liigii irratti galchii hedduu galchuun, seenaa Livarpuuliif keessatti 50 galchuuniifi kilabii isaa Waancaa Chaampiyeens Liigii Xumuraaf dhaqqabsiseera.

Dirreen alas seenaa himamu danuu qaba. Leenjisaan isaa duraa kilaba isaa 'Arab Contractors'tti isa leenjise, Hambi Nooh, waan isin hinbeenne isinitti hima jedhu.

''Yero umuriin isaa 10, ijoollee ta'us saree dhaltee ijoollee qabduuf guyyaa guyyaatti nyaata manaa fideefi soora ture. Kennuu jalaata.''

Waa'ee arjummaa isaa wanti dubbatamu hedduudha. Abbaan ilma isaanii 'kaansarii dhiigaa' qabu yaala baqaqsanii hodhuuf baasi bahe taphataan kuni gargaareera.

Qe'ee dhaloota isaa Basyuunitti jaarmiyaa amantii ijaaruun daa'imman keessatti barataa jiru.

Taphattoota kubbaa miilaa duraanii Masiriillee gargaaruuf dolaara kuma 30 arjoomeera.

Dabalataanis, dinagdeen Gibxii bara darbe rakkoo godhate jennaan dolaara kuma 300'tti siqu kenneera.

Qe'eedhuma isaatti Dhaabbanni Gargaarsaa Mohaammad Saalah hundaa'e kan jiru yoo ta'u maatiiwwan 450 ji'a ji'aan qarshii kennuun akka of jiraachisan taasisa.

''Taphattoonni yeroo qarshii horatan maatii fi qe'ee isaanii dagatu. Saalah garuu nama duuba isaa dagatu miti,'' jedha qondaala miidiyaa Garee Biyyaalessaa Gibxii kan ture Inaas Mazhar.

Saalah qe'ee dhaloota isaa kanatti namoota deeggarsa fedhanif harka hiixata. Kanammoo abbaa isaatu hordofa jedhu.

''Fakkeenyaaf, nama cidha qabu abbaa isaa dhufe gargaarsa gaafata. Yoo dhukkuba ta'es abbaan isaa faana bu'e yoo dhugaa ta'e kaffaltii barbaachisu kenna.''

Yoo illee qarshii kennuu baate Saalah karaa biraan gargaarsaa taasisa. Kana dura, duula araada qorichaa irratti hirmaate jennaan jijjiirama guddaa akka fide qondaaltonni ragaa bahu.

Miidhamni Waancaa Addunyaa irratti rakkoo itti uumuus Saalah tapha lamaan galchii lamaan galcheera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Miidhamni Waancaa Addunyaa irratti rakkoo itti uumuus Saalah tapha lamaan galchii lamaan galcheera

Maaliif namoota gargaaruu barbaade

''Namoonni akka isa jajanif miti kan inni kana godhu. Garuu, waan ofiifuu rakkoo keessa darbeefi.''

Qe'ee magaalaa guddoo Kaayiroo irraa adeemsa konkolaataan sa'aatii shan fagaattee kan argamtu kan dhalate Saalah, taphataa Gibxii maqaa guddaa qabu - Mohaammad Abutarikaa fakkeenya godhate.

Abutaarikaan bara 2008 taphata Cimaa Afrikaa ta'un kan filatame yoo ta'u innis dursaa taphattoota garee biyyaalessaa Ahmad Hasan waliin namoota gargaarsa fedhanif harka hiixataa ture.

Haa ta'u malee, akkiti Saalah dalage namoota kaaniifu fakkeenya ta'e namuu waan qabuun nama gargaaruu akka qabu hubatuu eegaleera.

Leenjisaan namoonni akka of guddisan gargaaru Amir El Selukii illee ''Saalah waan haaraa barsiise'' jedhu.

''Dhihoo kana Afrikaa Kibbaa, Porchugaal, Ispeen, Yunaayitid isteet fi Morokootti imala taasiseen namoonni lammii Gibxii ta'uukoo baran waa'ee piraamidii ykn Fara'oonotaa osoo hintaane hunduu waa'ee Moo haasa'a.''