Taphataa Cimaa Kubbaa Miilaa BBC kan bara 2018: Kaadhimamtoonni ifa ta’aniiru

Medi Benaatiyaa(Morokoo), Kaalidu Kulibaali(Senegaal), Saadiyo Maane (Senegaal), Tomaas Paartey (Gaanaa) fi Mohaammad Saalah (Gibxii)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kaadhimamtoonni bitaati gara mirgaa Medi Benaatiyaa, Kaalidu Kulibaali, Saadiyo Maane, Tomaas Paartey fi Mohaammad Saalah

Taphattoonni dhiiraa shan badhaasa Taphataa Cimaa Kubbaa Miilaa BBC kan bara 2018'f kaadhimaman ifa ta'aniiru.

Kaadhimamtoonni waggaa baranaa Medi Benaatiyaa (Morokoo), Kaalidu Kulibaali (Senegaal), Saadiyo Maane (Senegaal), Tomaas Paartey (Gaanaa) fi Mohaammad Saalah (Gibxii) dha.

Sagalee kennuun Sadaasa 17 2018 kan eegale yoo ta'u Muddee 2 2018 akka sa'aatii Itoophiyaatti halkan keessa sa'aati 5:00'tti cufama.

Bu'aan sagalee kanaas Muddee bultii 14 2018 halkan sa'aatii 1:30 irratti sagantaa 'BBC World News' irratti ni beeksifama.

Kaadhimamtoonni kunneen ekispartoota ykn beektota kubbaa miilaa Afrikaan filaman.

Badhaasa bara darbee jifataan Livarpuul Mohaammad Saalah kan irra-aane yoo ta'u, isa dura immoo taphattoonni kanneen akka Jey-Jey Okkochaa, Maayikil Iseen, Didiyeer Diroogbaa, Yaayyaa Turee fi Riyaad Maahirez badhaafamaniiru.

Dorgomtoonni

Taphataan sarara ittisaa gidduu Juventuus Benaatiyaan, 31, bara kanas walitti aansee waancaa liigii yeroo afraffaaf ol kaaseera. Lama Baayer Muunik waliin lama immoo Juventuus waliin kan irra-aane. Waancaa Addunyaa 2018 irrattimmoo dursaa taphattootaa garee kubbaa miilaa Morookoo ture.

Ittisaan Naappolii Kulibaali,27, tapha waancaa liigii Xaaliyaanii irratti Juve morkateera. Inumaa tapha tokko irratti Juventuus yeroo mo'atan hiriire ture. Waancaa Addunyaa irratti daqiiqaa 270 Senegaalif taphateera.

Jifataan Livarpuul Maane,26, Senegaal bakka bu'uun waancaa addunyaa biyyattin qabdu mara taphateera. Tapha lama dursaa taphattootaa ta'un kan taphate yoo ta'u Jaappaan irratti lakkoofsiseera. Tapha xumuraa Riyaal Maadiridiin 3fi 1'n injifataman irratti isa galche dabalatee, Chaampiyeens Liigii bara darbe irratti galchii 10 Livarpuulif kan galche yoo ta'u, walmorkii sana irratti taphataa lammaffaa galchii hedduu galchedha.

Utubaan Atileetikoo Maadirid Paartey, 25, tapha waancaa Yurooppaa Liigii Maarsee walin taphatan irratti boodarra jijjiirame seene dabalatee, garee jalqabaa Diyaago Simoniin hiriirsan keessaa tokko ta'u danda'eera. Tapha michummaa irratti Jappaaniifi Aayislaand irratti Gaanaaf galcheera.

Jifataan Liivarpuul Saalah, 26, galchii 32 galchuun Caamsaa darbe kophee warqii Pirimiyeer Liigichaa kan fudhate yoo ta'u akkuma Maane Chaampiyoons Liigii irratti galchii 10 galcheera. Galchiiwwan lamaan Gibxiin Waancaa Addunyaa irratti galchite isumatu galche. Kunis, galchii biyyattin Waancaa Addunyaa irratti galchite keessaa %40 dha.

Taphataa Kubbaa Miilaa Afrikaa Bara 2018
Ibsa waa'ee suuraa, Taphataa Kubbaa Miilaa Afrikaa Bara 2018