Ajjeechaawwan 11 gara-jabina poolisiin US gurraachotaaf qaban agarsiisan

Madda suuraa, Twitter/Ruth Richardson
Gocha gara jabinaa poolisiin Ameerikaa lammilee gur'aachotaafi saboota biyyattii keessatti lakkoofsaan xiqqaa ta'anirratti raawwataa jiru balaaleffachuun daran jabaataa dhufeera.
Erga poolisiin lammii gurraacha Ameerikaa hidhannoo hin qabne tokko dheengadda harka duubatti hidhee mormarra jilbeeffachuun ajjeesee lammileen Ameerikaa kutaawwan biyyattii akka Miiniyaapoolisiifi Loos Anjalas daandiitti bahanii mormaa jiru.
Namni poolisiin ajjeese umuriin isaa waggaa 46 ta'e kun Joor Filooyid jedhama. Miiniyaapoolis keessatti mana nyaataa tokkoof hojjetaa eegumsa nageenyaa ture.
Gaafa Caamsaa 25 galgala poolisoota nama yakka hojii waliin dhahuu [foorjidii] naannoo sanarraa gabaafame osoo sakkatta'aa jiranii isas yaaman.
Akka viidiyoon daqiiqaa 10 namni ijaan arge waraabe mul'isutti, Filooyiid hudhamee irra deddebiyuun "hafuura baafachuu hin danda'u," jechuun poolisicha adii jilbaan morma isaarra jilbeefatetti dubbachaa ture.
Gochi kun guyyuma viidiyoon dubartii adii namichi gurraachi saree kee hidhadhu naan jedhe jettee poolisii waamte sana uumame.
Bara 2019 keessa poolisiin namoota 1000 dhukaasaan ajjeessera
Duuti Filooyiid lakkoofsa ajjeechaa Ameerikaa keessatti raawwatuuf fakkeenayadha.
Ragaan gaazexaa Waashingitan Poost akka agarsiisutti bara 2019 namooti 1,014 poolisiidhaan ajjeefamaniiru kanneen, keessaa baayyeen namoota gurraachadha.
Akka ragaan dhaabota miti-mootummaa agarsiisutti immoo namooti sanyiin gurraacha ta'an dachaa sadii warra adii caalaa ajjeefamu.
Dararaan poolisiin dhaqqabsiisu warraaqsa kanneen akka #BlackLivesMatter jedhamaniif sababa taheera.
Namoonni beekamoo Ameerikaa kanneen akka Biyoonsee fi taphataan kubbaa kaachoo Leebroon duula kanaaf beekamtii kennaniiru.
Namooti armaan gaditti tarreefaman poolisiin ajjeefamuun isaanii mormii kaaseera
Tireevoon Maartiin Guraandhala 26,2012
Tireevoon Maartiin nama ganna 17 yoo tahu barataa sadarkaa 2ffaa ture. Poolisii Joorj Ziimeermaan jedhamuun Saanfoord,Filooriidaatti ajjeefame.
Maartiin yeroo inni firootasaa dubbisuuf naannoo namooti sanyii Hispaanik jiraatan deemee turetti dha poolisiin kan atakaaroo isa qabe.
Bara 2013tti manni murtii poolisiin ajjeechaa kan raawwate of eeggannoof jecha jechuun bilisaan isa gadhiise. Maatiin gurbaa garuu ajjeechaa suukaneessaa ture jedhaniiru.
Ajjeechaan kun kan dhiibbaa guddaa uumeefi warraaqsa hawaasaa kaase ture.

Madda suuraa, Getty Images
Eriik Gaarnar, Adoolessa 17, 2014
Gaarnar immoo Niiw Yoorkitti tamboo hin saamsamne gurgurteetta jedhamuun erga qabameen booda ukkaamfameetu ajjeefame.
Poolisiin Gaarnariin morma hudhee yeroo isaan lafarra gangalatan, Gaarnaris ''hafuura baafachuu hin dandeenye,'' jedhee yoo aadu viidiyoo mudannoo kana agarsiisurraa mul'ateera.
Manni murtiii Ameerikaa poolisii Daani'eel Paantaaliyoo jedhamu kanarratti adabbii otoo hin dabarsiin hafuun magaalota Ameerikaa garaagaraatti mormii cimaa kaasee ture.
Gochi kuni raawwatee waggaa shan booda poolisichi hojiirraa arii'ameera.
Maayikil Biraawon, Hagayya 9 2014
Warraaqsi Black Lives Matter ija addunyaa kan argate dargaggoon ganna 18 Biraawon erga poolisii Daaran Wiilsan waliin falmii keessa galee ajjeefameen booda dha.
Ergasii Fargusan, Mizuuriitti mormiin cimaan ka'e namni tokko du'uun baayyeen immoo hidhaa fi miidhamni irra gaheera.
Ammas manni murtii poolisii kanarratti adabbii dabarsuu didnaan mormiin wagguma sana keessa deebi'ee ka'ee ture.
Wooltar Iskoot,Ebla 4,2015
Wooltar nama ganna 50 yoo tahu poolisii otoo baqatuuti dugdarra al sadii qawween dhahamee du'e. Kunis poolisii Maayiki Islaagar jedhamuun Kaarolaayinaa Kibbaa,Chaarlistanitti raawwate.
Poolisiin ibsaan konkolaataa kee cabeeraa jechuun karaatti isa dhaaba,dabalataan Iskoot kaffaltii ijoollee isaaf kennamu yeroon hin kaffala jedhamuun himatamees ture
Poolisichi bara 2017tti adabbiin waggaa 20 irratti murtaa'e.Maatiinsaas beenyaa doolaara miiliyoona 6.5 mo'ataniiru.
Fireedii Gireey, Ebla 12 2015
Kunimmoo ajjeechaa Wooltar torbee tokko booda Baaltimoor Meeriilanditti kan dhalate dha.
Fireedii Gireey nama ganna 25 yoo tahu kiisii keessatti albee qabatteetta jedhamuun qabame.
Viidiyoon waraabame akka agarsiisutti konkolaataa poolisiin erga fudhatamee booda,dugugguruu isaarra dhahameetu hoospitaala gale.
Torbee booda lubbuun darbinaan,mormiin cimaa ka'ee poolisooti 20 miidhamanii turan.
Poolisoonni sadii dargaggoo kana to'annoo jala oolchan du'a isaan booda balleessaa qabdu hin jedhamne-kaan sadiin immoo mana murtiitti iyyuu hin dhiyaanne.
Saandiraa Bilaand, Adoolessa 13,2015
Bilaand immoo nama ganna 28 yoo taatu Teeksaasitti poolisii Biraayaan Insiniyaa jedhamuun seera tiraafikaa cabsiteetta jedhamuun akka dhaabattu taasifamte.
Yeroo poolisiin itti siqu tamboo xuuxuutti kaate, dhaamsi jedhamnaan didde, poolisii qoccoluu dhaan himatamtee to'annoo jala oolte.
Guyyoota sadiin booda mana hidhaatti of ajjeefte. Poolisiin ajjeefamuu baattus duuti ishee garuu uummata akka malee dheekkamsiisee ture.
Warraaqsi guddaan #SayHerName (maqaashee dhahi) jedhu dubartootni poolisiin akkatti ajjeefaman hubannoo kennaa ture.
Fiilmii dookimantarii Ameerikaa dhaabbata HBO jedhamuun bara 2018tti hojjetame seenaa ishee giddugaleessa kan godhate ture.

Madda suuraa, Getty Images
Fiilaandoo Kaastaayil Adoolessa 6, 2016
Kaastaayilis poolisii Jeroonimoo Yaaneez jedhamuun Meenisootaa iddoo Faalkoon Heeyits jedhamuutti ajjeefame. Boodarra gochaa kana jaalallee dargaggoo kanaatu viidiyoon gadhiise.
Poolisichi ajjeechaa sadarkaa lammaffaan haa himatamuyyuu malee, waggaa tokkoo booda garuu bilisaan gadhiifameera.
Bootaam Jiin,Fulbaana 6, 2018
Jiin nama ganna 26 yoo tahu mana jireenyaasaa keessatti ajjeefame. Poolisii guyyaa boqonnaa irra turte kan Ambar Gaaygar jedhamtuun ajjeefame.
Poolisittiin mana koo natti fakkaateen kan isaa seenee, yeroon isa argu na saamuu yookiin na miidhuuf kan gale see'en itti dhukaase jetteetti.
Waggaa tokko booda poolisiin kun hidhaa waggaa kudhaniin adabamteetti.
Ataashiyaanaa Jafarsan Onkololeessa 13, 2019
Shamarreen ganna 28 kutaa ciisichaa ishee Foorz Woorz, Daalaas argamutti poolisii Aroon Diin jedhamuun ajjeefamte.
Ollaanshee balbalishee banaa dha jettee poolisiitti himnaan, poolisiin karaa foddaa itti dhukaase.
Poolisiin kun ajjeechaan haa himatamuyyuu malee murtii hin arganne.

Madda suuraa, Facebook
Biriiyoonaa Teeylar, Bitootess 13,2020
Biriiyoonaan immoo shamarree ganna 26 yoo taatu,ogeettii fayyaa yaalii hatatamaati. Poolisiitu mana jireenyaashee Keentaakiitti argamu keessa seenee ajjeese.
Poolisootni qoricha sammuu namaa hadoochu sakkatta'uuf manashee haa seenaniyyuu malee qorichi akkanaa hin argamne ture.
Maatiinshee poolisiin ishee otoo hin taane nama silumaa to'annoo jala ooleefi sana dura naannicha jiraatu barbaadaa turan jedhan.
Poolisiin muddama achitti uumameen poolisiin tokko duunaan qawwee dhukaasuun sababa du'a shamarree kanaa tahe.
















