Joord Filoyiid: Namoonni ajjeefamuu lammii Ameerikaa gurraachaa mormuuf bahan poolisii waliin walitti bu'an

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaa magaalaa Miniyaapoolisiitti poolisiin adiin lammii Ameerikaa gurraacha tokko kufisee mormasaarra jilbaan dhaabbachuun erga du'ee booda Ameerikaatti dheekkamsi umameera.
Bulchiinsa Mineesotaatti poolisiin magaalaa Miniyaapooliisifi namoonni mormiif bahan walitti bu'aniiru. Namoonni dheekkamsaan mormiidhaaf bahan pooliisiirratti dhakkaa yoo darbatan, poolisoonni ammoo haar'a imimmaaneessu itti dhukaasuun namoota hiriiraaf bahan bittinsuu yaalaa turan.
Viidiyoo karaa midiyaa hawaasumaatiin ballinaan qoodame tokko irratti, poolisiin adiin tokkoo nama lammii Ameerikaa gurraacha harkisaa gara duubaatti hidhame cibsee jilbasaatiin marmasaarra dhaabbachuun wayita fuula mantichaa lafatti ukkaamsee qabu mullisa.
Namtichi lafatti ukkaamfamee qabame sunis gamasaatiin ''maaloo na hinajjeesiin, afuura baafachuu hindandeenyee,'' jechuun wayita kadhatu ni dhagahama ture.
Poolisiin adiin sun wayita gocha kana raawwatuuttis poolisoonni adiin biroo sadii dhaabbatanii ilaalaa turan.
Namni ajjeefame kun gaheessa waggaa 46 fi maqaansaa Joord Filooyiid jedhama. Taatee sanaan boodas, poolisoonni arfan hojiirraa arii'atamunsaanii himameera.
Wanti sukkanneessaan kun kan kana dura gocha gara jabiinaa miseensoota poolisii adiitiin ajjeefamee Eriik Gaarnar'tiin walfakkaata.
Namni kana dura ajjeefame Eriikis poolisiidhaan mormiisaa udhamee ''maaloo afuura baafachu hindanda'u'' osuma jedhu ture kan ajjeefame.
Hiriira mormiirratti maaltu mudatee?
Mormiitoonni hiriira kan eegalan guyyaa Kibxataa waaree booda ture. Namoonnis mormiidhaaf lafa poolisii adiin sun lammii Ameerikaa gurraacha sana itti miidhe sanatti walitti qabaman.
Qindeessitoonni mormichaas namoonni fageenya isaanii akka eeggataniifi mormichi akka nagaan gaggeeffamu yaalaa turan.
Namoonni mormiif bahaniif dhaadannoowwan ''afuura baafachuu hundandeenyee'' jedhuufi ''ana ta'uu mala ture,'' jedhu irra dedeebiin dhageessiisaa turan.

Madda suuraa, Getty Images
Dubartiin hiriiraaf baate tokkoos '' Dhimma baayyee fokkataadha. Dhimma kanas kan uumee poolisiin mataasaa ta'u beeku qaba, jechuun midiyaa CBS tti himte jirti.
Namni hiriiraaf bahe kan biraan ammoo ''osoon jilbeenfadhee mallattoo nagaa itti agarsiisaa jiruu rasaasaa imimmaaneessaa natti dhukaasee,'' jedha.
Poolisiinis namoota mormiidhaaf bahan keessaa tokko rasaasaan rukkutamuu kan beeksiise yoo ta'u, miidhaan nama kanarra gahees kan balaaf saaxilu miti jechuun alatti dhimmicharratti ballinaan hin dubbannee.
Maaltuu umamee turee?

Madda suuraa, Darnella Frazier
Taatee guyyaa Wiixataa poolisii adii tokkoon Miiniyaapoolisiitti raawwatame kan namni arge tokko waraabee viidiyoon daqiiqaa 10 akka mulliseetti, poolisichi akka miilasaa morma shakkamaa irraa kaasuu osoo gaafatamuu agarsiisa.
Namtichi ajjeefamees ''maaloo afuura baafachuu hindandeenyee, na hin ajjeesiin,'' jechuun irra deddebbiin kadhaataa akka turees mul'iseera.
Namni ijaan arge kan biraa ammoo, ''Maaloo funyaansaa dhiigaa jira,'' jechuun poolisiicha kadhaataa ture.
Poolisichii garuu deebii tokkollee hinkenne. Poolisiin gara biraa ammoo warraabbiin kun akka hinraawwatamneef wayita dhorkuuf yaalu mullata.
Namni taatee sana ijaan arge kan biraa ammoo viidiyicha irratti ''Amma waan ajjeeste sitti fakkaata. Garuu gochi kee kunis bara jireenyaa kee guutuutti si hordofa,'' wayita jedhuun dhagahama.

Madda suuraa, Twitter/Ruth Richardson
Isaan boodas shakkamaan sochii dadhabuun ofi walaala. Ambulaansinis dhufee fudhatee sokke. Tarii namni kun wayita sanatti du'uu isaatii kan shakkan.
Poolisiin garuu erga hospitaala gaheen booda du'uu hima.
Deebiin keennamee hoo maal ture?
Kantiibaa Jaakoob Firey ''qondaaltoota kanneen hojiirraa hari'uun tarkkaanfii sirriidha,'' jedheera.
Itti-dabaluunis ''Ameerikaa keessatti gurraacha ta'uun murtee du'aa miti. Nutis wayita poolisii adiin sun morma nama gurraachaa keessa ukkaamsee qabeetti daqiiqaa shaniif ilaallee jirra. Daqiiqaa shaniif. Wayita namni gargaarsaafi si gaafatu dhaggeessu, gargaaruutu sirraa eegama ture.''
FBI haala ajjeechaa nama gurraacha kanaa qorachuun waan irra gahees himannadhaaf mana murti bulchuunsa Minesotaatiif dhiyeessa jedhameera.
Kaadhimamaan Pireezidantii paartii Dimookraatotaa Amiiy Kiloobuchaar ''haqni nama kanaafi maatii isaaf kennamuu qaba, hawaasni kun haqa argachuu qaba, biyya keenya haqni jiraachuu qaba,'' jedhan.
Qondaaltoonni kuunis akka ajjeechaan himatamaniif waamichi dhiyaataa jira.
Ajjeechaa Filooyid kan hordofee namoonni hedduun hiriira bahuun mormiifi dheekkamsa, akkasumas gadda isaanii ibsaa jiru.
Miidiyaa hawaasaarrattis namni hedduun gocha kanatti dheekkamuun barreessaa jiru.













