Miniyaapoolis: Poolisoonni afur du'a nama gurraachaa sababa ta'an ari'aman

Madda suuraa, DARNELLA FRAZIER
Poolisoonni Mineesotaa afuur nama gurraachaa poolisootaan mormarra ejjetamee to'annoo jala osoo oolfamuu lubbuun darbe keessaa harka qaban hojiirraa ariyaman.
Hoogganaan Poolisi Miniyaapoliis Medariyaa Aradoondo amma poolisiinni afran ''hojjettoota duraanii'' jedhamu jechuun ariyatamuu isaanii ibsan.
Guyyaa kaleessaa viidiyoon poolisoonni nama gurraacha maqaan isaa Joorji Filooyid jedhamu to'annoo jala oolchuuf jedhanii poolisiin aadiin inni tokko morma Joorji irra jilbaan daqiiqaawwan murtaahaniif yoo dhaabbatu fi Joorji ''afuura baafachuu hin dandeenye'' yeroo jedhu waraabame miidiyaalee hawaasarratti gadhiifameera.
Namoota daandiirra dhaabbatan poolisiin gocha kana akka dhaabu watwaachaa jiran keessa tokkoon ture viidiyoon kun kan warraabame.
Guchi ajjeechaa poolisii kun ajjeechaa Eriik Gaarneer kan bara 2014'tti Niiwyoork keessaatti bifa walfakkaatuun du'e yaadachiiseera.
FBI taatee Mineyaapoliis Wiixataa kana akka qoratu eegaluu beekiseera.
Poolisiin Mineesotaa namni gurraachi ganna 46 Filooyid hojii bodiigaardii(eegumsaa) mana nyaataa tokkoo ta'uun kan jiraatu ta'uufi Poolisii waliin dubbii uumameen rakkoo fayyaa isa mudateen lubbuun isaa darbe "medical incident in a police interaction" jechuun ibseera.
Kantiibaan magaalichaa Jaakoob Fireey gocha kana hadheeffatanii kan balaaleffatan yoo ta'u, tarkaanfii hojiirraa ari'uu poolisoota adii du'a isaa keessaa harka qabaniinis murtee sirrii jedhaniiru.
Wanta nama gurraacha kanarratti poolisoota adiin raawwatame arguu isaanii himanii sadarkaa kamiittuu wanti ta'e dogoggoraa jedhan. Itti dabaluunis ''Ameerikaatti gurraacha ta'uun adabbii du'aa ta'uu hin qabuu'' jedhan.
Maaltu ta'e?
Taatee Mineyaapoliis kanaaf sababa kan ta'e tajaajilamaan tokko $20 kan sobaan waa shamatuu yaaluu isaatiin poolisoonni waamaman.
Bakka poolisoonni argaman sanitti ammoo namni eenyummaan isaa adda hin baane konkolaataarra ta'ee ture. Poolisiin Konkolaataarraa isa buusee harka hidhuuf yoo jedhu namni kun diduu jalqabee jedha ibsi poolisii.
Viidiyoo daqiiqaa 10 namni karaarra dhaabbatu waraabe kanaan namni gurraachi kun poolisii tokkoon lafarra yeroo ciibsamu ''na hin ajjeesinaa'' jechaa ture.
Namoonni haalicha ilaalaa turan Poolisiin kun jilba isaa morma nama gurraacha kanarraa akka kaasu irra deddeebiin gaafachaa turan.
Namni inni tokko ''funyaan isaa dhiigaa jira'' yoo jedhu kan biroon ammoo ''morma isaarraa ka'i'' jechaa akka turan viidiyoorraa ni dhagaahama.
Booda namni gurraachi kun socho'uu dadhabe, boodas ambulaansiin dhufee fuudhamee deeme.
FBI haala ajjeechaa nama gurraacha kanaa akka qoratuu fi bu'aa isaas ifa akka godhu beeksiseera.
Kaadhimamaan Pireezidantii paartii Dimookraatotaa Amiiy Kiloobuchaar ''haqni nama kanaafi maatii isaaf kennamuu qaba, hawaasni kun haqa argachuu qaba, biyya keenya haqni jiraachuu qabaa'' jedhan.
Ajjeechaa Filooyid kan hordofee namoonni hedduun hiriira bahuun mormiifi dheekkamsa akkasumas gadda isaanii ibsa jiru.
Miidiyaa hawaasaarrattis namni hedduun gocha kanatti dheekkamuun barreessaa jiru.












