Dubartii adii namicha gurraacha ‘sareekee hidhadhu’ jedhetti poolisii waamte

Kiristaan Kuupper Amii Kuupper yeroo isheen saree ishee dhorkuu diddutti viidiyoo waraabde

Madda suuraa, Christian Cooper

Ibsa waa'ee suuraa, Kirittaan Kuupper Amii Kuupper yeroo isheen saree ishee dhorkuu diddutti viidiyoo waraabde

Dubartiin adii Ameerikaa namichi gurraachi 'sareekee hidhadhu' ittiin jedhetti poolisii waamuusheetiin Niiw Yoorkitti hojii ishee irraa dhorkamteetti.

Namni 'simbirroo jaalata' jedhame kun paarkii dubartiin kun turte keessa lubbuu qabeeyyii jiran sareen akka hin miine jedheetu akka hidhattuuf itti dubbate.

''Namni hidda sanyii Afrikaafi Ameerikaa qabu na doorsisaa jira jedhee poolisttii hima,'' jechuun itti deebisti.

Viidiyoon mudannoo kana agarsiisu guyyaa kaleessaa miidiyaa hawaasummaa irratti bal'inaan qoodamaa ture.

Dubartiin Emii Kuupar jedhamtu 'anatu dubbii jabeesse,'' jechuun dhiifama gaafatteetti.

Emii Kuuppar hamminaa'uun erga himatamteen booda saree ishee gara kunuunsa sarootaatti galchiteetti.

Namichi Kiristaan Kuuppar jedhamu sareen dubartii kanaa naannoo Seentaraal Paark biqiloota gidduu yoo fiigun arge itti dubbadhe jedhe.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

''Haadha koo Paarkii Raambil kana keessa saroonni yeroo hunda hidhamuu qabu. Mallattoon kana agarsiisu kuunnoti,'' jennaan dubartittiin sareesheetti funyoo kaa'uu didde jedhe.

Kiristiyaan sareen lafa jireenyaa shimbirroon keessa galan akka hin balleessine jedheeni jedheera.

Yeroo inni bilbilasaan Emii waraabuu jalqabu dhaabi isaan jechaa turte.

Viidiyoon miidiyaa hawaasummaa irratti maxxanfame kun osoo jiraachuu baatee silaa hireen namicha sanaa ajjeefamu ta'a jechuun namni hedduun ajjeechaa dhiirota gurraachaa Ameerikaa keessatti babal'achuu himaniiru.

Kaan immoo dargaggeessa gurraacha ganna 25 Ahmuud Arbarii baatii lama dura otoo daandiirra fiiguu namoota lamaan ajjeefamellee kaasaa turan.