Joorji Filooyiid: Minesootaatti mormiin sababa ajjeechaa lammii gur'aachaaf jalqae cimee itti fufeera

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaa Kutaa Biyyaa Miniyaapoolisiitti, namoonni gocha ajjeechaa nama gurraacha irratti raawwate mormuun bahaniifi poolisii gidduutti guyyaa lammaffaaf walitti bu'insi itti fufeera.
Lamiin Ameerikaa gur'aacha ta'e poolisiidhaan mormarraa jilbeeffatamuun ukkaamfanee du'e nama harki duubatti hidhamee tureefi meeshaa hidhatee hin turredha.
Namoonni morniidhaaf bahan poolisiitti dhagaa darbannaan poolisiin ammoo gaazii imimmaaneessaa itti dhukaasaa oolan. Manneen daldalaas saamamuun dhaga'ameera.
Joorji Filooyiid gaheessa waggaa 46 yoo ta'u, guyyaa Wiixataa osoo inni 'maaloo haruufa baafachuu dadhabe' jedhee kadhatuu akkuma harki isaa duubatti hidhameen poolisiin adii mormasaarra jillbeeffatee akka ajjeefame viidiyoon mullisu qoodamee ture.
Gochicha raawwataniiru kan jedhaman poolisoonni afur hojiirraa ari'amaniiru. Kantiibaan bulchinsichaa gochicha balaaleffachuun gurraacha ta'uun ''murtee du'aa miti,'' jedhaniiru.
Walitti bu'iinsi mormitootaafi poolisii Roobii kunis kan akka haaraatti umamee, erga kantiibaan magaalichaa miseensa poolisiichaarratti himannaan yakkaa haa banamu jedhee sa'aatiiwwan muraasaan booda ture.
Bakka hiriirri mormii gaaggeeffametti hanniifi qabeenyaa barbadeessuun kan raawwatame yoo ta'u, gamoonis ibidaan gubateera.
Taateen kun ajjeechaa Eriik Gaameer kan bara 2014 keessa Niiw Yoorkiitti poolisiin raawwatame yaadachiise.
Ajjeechaan sunis gara jabeenya poolisoonni agarsiisan kan dheekkamsa kaasisee ture yoo ta'u, 'Sochii Lubbiin Gurraachaa Nu Galcha' jedhuuf ka'umsa qabsoo uumeera.
Namoota beekamoofi ateletoota kan akka Joon Booyegaa, LeBron Jeems, Beyoonseefi Justiin Biber dabalatee, gocha jibba sanyii kanrratti dheekamsa isaanii ibsaniiru.
Mormiin attamiin itti fufee?
Mormiin kutaa biyya Miniyaapooliis keessatti gaggeefamu guyyaa Kibxataa sa'aa boodee eegale. Hiriirrichis kan eegale erga namoonni dhibbaan lakkaa'aman bakka namtichi itti ajjeefameetti wal gahanii booda ture.
Qindeessitoonni moriimiichaa garuu durarratti haala nagaa qabeessa ta'eefi koronaavaayirasiif jecha walirraa fageenyi haaluma eegameen akka gaggeefamuuf yaadanii ture.
Mormiitoonnis dhaadhannoo ''afuura baafachuu hindanda'u'' fi ''Ana ta'uu danda'ayyuu'' jedhu qabatanii deemaa turan.

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni dhibba hedduun lakkaa'amanis gara bakka poolisiin ajjeechaa raawwate jedhame sun ni hojjata jedhameetti qajeelaa turan.
Mormii halkan guyyaa lamaffaatiif itti fufeen namoota hiriiraaf bahan keessaa tokko tokkoos dhagaafi wantoa harkaa qaban poolisooa gaaza imimmaanessu itti dhukaasaa turanitti daddarbaachaa turan.
Alkan guyyaa lamaaffaa ammoo namoonni hiriiraa bahaan gara kuma hedduuttti baayyataa dhufan. Isaanis fuldurra buufata poolisii dhaabbachuun dheekkamsa isaanii dhageessisaa turan.
Jiddugalli daldalaa dhiheenyatti argamuus barbadaa'eera. Akkasumas, namoonni meshaa hatanii wayita fiigan mullataa ture.
Dhaabbanni daldalaa kan biroo ammoo gutummaan guutuutti kan barbadaa'an yoo ta'u tokko, ibiddi itti qabatee mullataa ture.
''Mormiin harraa kan halkaan duraatiin baayyee addaa,'' jechuun dubbi himaan pooliisii Niiw Yoorki Taayimsitti himeera.
Kaantiibaa Miniyaapooliis Jaakoob Fireeyiin erga mormii booda deegarsa garee biyyaaleessaa gaafatan.
Isaan duras: ''Hiriira naga-qabbeessa ta'ee gaggeeffachuu ni dandeenya. Garuu nagaan jiraattoota magaalaa keessa jiraatanii eeguu narra jiraata,'' jedhee ture.

Madda suuraa, Reuters


Madda suuraa, Getty Images
Gocha kanarrattis deeggarsi hiriiraa Chiigaagoo, Illinoo'is, Loos Ajalas, Kaaliforniyaafi Meempiis, Tenneesee irraatti gaggaafamaa jira.

Madda suuraa, Darnella Frazier













