Miidhaa dubartii: 'Lubbuu kiyyaafan sodaachaa jira amma'

Dr Zalmai inspecting Zarka's wounds

Madda suuraa, Dr Zalmai Khan Ahmadzai

Maqaanshee Zaarkaa jedhamti. Torbee kudhaniif dararaa keessa dabarsitee reefu ifa abdii arguu akka eegalte akkasiin seenaashee dubbatte.

‘’Amma gammadduudha. Funyaan koos deebisee argadheera. Bareedaadha,’’ jechuun hakiimota yaalii baqaqsanii wal’aanuu isheef taasisanitti haasofti.

Funyaan ishee hodhameefi dhiiga uffate daawwitii harka isheen qabatteen ilaalti.

Afgaanistaan keessatti haleellaan mana keessaa dubartoota irra gahu bal’aadha.

Qorannoon Mootummota Gamtoomaniin hojjetame tokko dubartoonni biyyattii harka 87 tahan bara jireenya isaanii keessatti haleellaan saalaa, qaamaa yookiin xiin-sammuu irraa gaha.

Yeroo dubbiin hammaattu abbaan warraa yookiin firri dhiiraa duabrtootaa asiidii fi haduu dhaan miidhaa irraan qahu.

Abbaan warraa Zaarkaa yeroo darbe albeedhaan funyaan ishee irraa mure.

‘’Abbaan warraa koo nama hundumaa shakka,’’ waa balleessiteetti jedhee yoo yaade na dhaanuu hin dhiisu jetti, kun waanuma guyyuu raawwatudha jetti.

‘’Nama safuu hin qabnedha naan jedha, animmoo lakki kun dhugaa mitin jedhaani,’’ jetti.

Zaarkaan bultii erga dhaabdee waggaa kudhan yoo tahu ilma ganna jahaa qabdi.

Shamarreen ganna 28 reebicha abbaa warraa ishee dhaqna godhattee jirti, sadarkaa kanarra gaha jettee garuu hin yaadne.

Zarka having a look at her face

‘Bayyanachuu…’

‘’Yoon fuula koo daawwitii keessatti ilaalu funyaan koo iddootti deebi’aa jira,’’ jechuun BBC’tti himti. Otoo wal’aansi kun naa hin kennamiin dura namatti hin tolu ture jetti.

Dr Zalmayii Kahaan Ahmadzaayiin hakiimota muraasa fuula deebisanii suphuun dhinsan keessaa isa tokkodha.

‘’Wal’aansi isheef kennine gaarii ture. Infeekshinii hin qabdu-xiqqoo akka diimachuu tahee ture inni immoo rakkoo miti,’’ jedha hakimtichi.

Waggoota kurnan darbaniif Dr Zalmaayiin dubartoota Afgaan fuulli isaaanii abbaa waarraa, abbaa fi obbolessa isaaaniin akka malee tahe wal’aaneera.

Fuula namaa akkanatti muranii balleessuun Seera Islaamaan dhorkaa tahus, dararichi itti fufeetu jira.

Karaa dheeraa

Zaarkaan maatii harka qalleeyyii naannoo Kaaheerkoot, Kaabuul irraa km250 fagaattee argamtu daangaa Paakistaanitti dhalatte. Barreessuufi dubbisuu hin dandeessu.

Ganda isheen keessa jiraattu Taalibaanitu guutummaan guutuutti to’ata. Marii abbootii siyaasaa fi finciltoota gidduutti taasifameen Kaabuul dhuftee wal’aansa kana kan argachuu dandeesse.

Dr Zalmaayi yeroo wal’aansa kana Zaarkaaf kenne reefu haadha warraa isaa Covid-19 duute awwaalee deebi’uu isaati.

‘’Yeroo na bira dhufte haallishee gaarii hin turre. Funyaanshee miishameera,’’ hakiimichi. Erga qorannoo wal’aansaan duraa taasiseefin booda hanqina dhiigaa illee ijaa qabduuf vaayitaamiinii ajajeefii.

Zaarkaan torbee shan booda deebitee dhufteetu gaafa Adoolessa 21 Kaabuulitti wal’aansa ishee argatte.

Zaarkaan abbaan warraa ishee nama umrii isheetti argamuufi loon namootaa tiksuun galii akka argatu himti.

‘’Abbaa warraa kootti kan na kaadhime eesuma koo dha. Yeroos xiqqoon ture, umriin koo meeqa akka ture illee hin yaadadhu. Waa’ee gaa’elaa waanin beeku hin jiru turre,namni eeyyama koo gaafates hin turre,’’ jetti.

Zarka covered in face mask

Madda suuraa, BBC

‘’Geeddaraa gaa’elaa…’’

Waggoota boodadha eesumni ishee obboleettii abbaa warraa ishee tokko fuudhuuf jedhee akka ishee isaaf kenne kan barte.

‘’Eesumni koo gabbara maatii kaffaluu ijaa hin dandeenyeef anaan na gurgurate,’’ jetti.

Maatii Afgaanistaan keessa jiran muraasni yoo intala isaanii heerumsiisan maatii dhiiraa irraa qarshii fudhatu. Gochi kun seeraan ala tahus, biyyattii keessa bal’inaan jira.

Erga heerumteen booda abbaan warraashee obbolota isaa illee akka dhaanu barte. Maaliif akka tahe garuu hin beektu.

‘’Araada hin qabu,sammuun isaa illee nama fayyaa qabudha,’’ jetti.

‘Lubbuu koof nan sodadha’

Abbaan warraa koo na faana taheetu dubartii biraa fuudhu barbaada ture. Naannichatti Dubartoota tokkoo ol fuudhuun waan baramaadha.

‘’Akka na hin jaalanne fi nama biraa akka fuudhu natti hima. Animmoo fuudhi nan jedhaan,’’ jetti Zaarkaan.

Haa tahu malee abbaan warraashee qarshii gahaa gabbara kaffaluuf tahu hin qabu. ‘’Aarii fi soda isaa narratti baha,’’ jetti.

Abbaan warraa ishee dhaanuu itti fufnaan baatii Caamsaa keessa maatii itti baqattee abbaan ishee akka isarraa bilisa ishee baasuuf kadhatte.

Haa tahu malee abbaan warraa ishee barbaacha ishee mana maatii isheee dhufe. Manaa baddeet deemte malee abbaa warraa ishee hin eeyyamsiisne ture.

‘’Halkan tokko booda mana maatii koo dhufee, albee guddaa qabatee abbaan koo akka deebisee na kennu gaafachaa ture.

Abbaan koo akkanni miidhaa narraan hin geenye yoo kakate malee akka na hin kennine itti hime.’’ Mana yoo deebi’u garuu dubbiin cirumaa itti hammaate jetti.

‘’Yoon mana kootti deebi’u ammas ana dhaanee, haaduu natti aggaamee.’’

‘’Kanaan funyaan kee mura jennaan warra ollaattin baqadhe, warri ollaa yeroof nu araarsani.

Mana warra isheettin deebisa jedhee ammas manatti na deebisee jetti.

Cabaa fi dhiigni dhangala'u

Yaadni manatti ana deebisuun edaa kiyyoo turee jetti.

‘’Lafa biqiltuu jiru tokko keessatti na qabeetu eessatti baqachaa jirta jedhee funyaan narraa mure,’’ jetti

Hayyama isaa malee mana warrashee gatii deemteef funyaan irraa akka mure itti hime, kana gochuu na salphiiftee naan jedhe jetti.

Erga funyaan ishee mureen booda dhiigni otoo irra yaa’uu ishee dhiisee deeme.

‘’Hafuura baafachuu illee nan dadhabe, baayyee dhiigaan ture,’’ jetti. Ollaan iyya naa birmadhaa ishee dhagahanii dhufan funyaan irraa murame argatan.

Hakiima naannoo jiru bira geessinaan funyaan ishee itti deebisuun akka hin danda’amne itti hime.

Zarka with her mutilated nose

Madda suuraa, Dr Zalmai Khan Ahmadzai

Waamicha haaloo bahuu

Zaarkaan ‘lapheen ishee cabe, ‘fokkistuu’ akkan tahetti natti dhagahama jetti.

Abbaanshee fi firoonni ishee haaloo bahuuf abbaa warraashee barbaannaan isa argachuu hin dandeenye.

‘’Boodarra poolisiin maatii ishee dursuun abbaa warraashee qabatee mana hidhaa isa galche,’’

Dhiiga fuularra yaa’u

Wal’aansa naannoo jiruun funyaan ishee iddootti deebisuun dubbii hin taane ture.

‘’Bifa fi boca kamiyyuu haa qabaatu kan ani barbaadu funyaa qofa dha,’’ jechaa turte Zaarkaan.

Fuula Zaarkaa dhiiga uffate namni baayyee argee waan tureef, qalbii Dr Zaalmaayis harkise. Dhimma ishee miidiyaa hawaasummaa irra baasuun wala’aansa isheef kennuu akka barbaadu dubbate.

Qondaalota naannoo waliin tahuun gara Kaabuul akka dhuftu gochuun yaalii kana hakiimota kaan waliin taasiseef.

Wala’aansa

‘’Jalqaba gidduu funyaan ishee haaduu dhaan murame sanarratti hojjenne,tishuu gogaa naannoo funyaan isheerra jirurraa fudhanneetu deebisnee funyaan isheetti suphine,’’ jedha Dr Zaalmaay.

Qoricha qaama hadoochu funyaanuma ishee qofarra kennameef. Zaarkaan wal’aansa koo yoo xumura funyaan koo deebisee akkaan argadhu natti hime hakimichi anis baatii lamaaf kanin barbaadaa ture kanuma jetti.

Hakimichi haala ishee hordofaa jira,’’yoo yaaliin olaaanaa barbaachisaa tahe ni kennamaaf, garuu narvii fi dhiigni funyaan keessa yaa’ullee haala gaariirra jira,’’ jedha.

Akka hakiimichi jedhutti yaalii akkasii argachuuf doolaara 2000 nama basisa. Dabalataan qoricha doolaara 500 tolaan kenneef.

Waan inni gochuu hin dandeenye xiinsammuu ishee deebisuudha.

Zaarkaa ohospitaala osoo jirtuu

Madda suuraa, Dr Zalmai Khan Ahmadzai

‘’Yaada mucaa koo…’’

Zaarkaan ammallee ilma ishee maatii abbaa warraashee waliin jiruuf yaaddofti.

‘’Mucaa koo baatii sadiif hin agarre, baayyeen jaaladhaani. Mucaa koo waliin tahuun fedha,’’ jetti.

Waan anarra gahe otoo hin argin hafuu isaatti baayyeen gammada. Zaarkaan ilmi ishee maatii abbaa warraa ishee waliin jiraachuu malee eessa akka jiru hin beektu.

Isheen galii gatii hin qabneef maatiin abbaa warraa ishee akka mucaa eeganiif seerri eeyyameef.

‘’Baayyeen isa yaada, yoo waa nyaadhullee ija koo dura deema,’’ jetti.

Maatiinshee abbaan warraashee ishee miidhaa nurraan gahuu danda’a jechuun sodaataniitu ilma ishee hamabisuufachuu sodaatan.

Ta’us kana booda abbaa warraasheetti deebi’uu akka hin barbaanne fi isarraa bilisa bahuu akka feetu himiti.

Garuu yoon isa hiike akka mucaa koo akka naa hin kennine beeka, sodaan fi yaaddoon koo isa jetti.