Dhoohinsa Libaanan: Dhohiinsa Beeyiruutiin namoonni du'an 135, kan miidhaman 5000 ol gahe

Madda suuraa, EPA
Balaa dhoohiinsaa Magaala guddoo Libaananiitti Kibxata kaleessa galgala mudateen lakkoofsi namoota du'anii 135 gahuu, namoonni 5,000 ol ta'an immoo miidhamuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksise.
Biyyattiin labsii yeroo muddamaa torbee lamaa kan labsitee yoo ta'u, dhohiinsa kana hordofuun qondaalonni buufata doonii Beeyiruut mana keessaatti hidhamanii jiru.
Pirezidaantiin Libaanon Mikaa'eel Aowun maddi dhohinsichaa Amoniyem Naayitireetii toonii 2,750 nam-kuusaa buufata doonii keessa olkaa'amee tureedha jedhaniiru.
Hojjattoonni garee lubbuu baraartootaa Libaanon namoota dhohiinsa hamaa Kibxata Magaalaa biyyattii Beeruutiitti qaqqabeen eessa buuteen isaanii dhabamee barbaachuutti jiru.
Dhohinsa qaqabeenis magaalaa gutuun kan raafamte turte yoo ta'u, aarrii bakka dhohiinsi itti qaqabee Sanaa bahuus samiirratti faca'ee mullata ture.
Wanti amma dhoohiinsichaaf sababa jedhame kunis qonnaaf akka xaa'ootti kan itti fayyadamaniidha.
Biyyattiin guyyoota dhufan sadiif guyyoota gaddaa biyyaaleessaatiiin kanneen lubbusaanii dhaban yaadachuuf.

Madda suuraa, Reuters
Maaltu mudatee?
Ibidda naannoo buufata dooniitti jalqabee dhohinsa dhalateen magaalaa guutuutu raafame.
Pireezidantiin biyyattii Maayikil Awoon keemikaala amooniyam naayitireetii toonii 2,750 tahutu eegannoo malee man-kuusa keessa waggaa jahaa tahee ture jedhan.
Walgahii kaabinota isaanii Roobiif beellamuun, labsii yeroo muddamaa torbee lamaaf turus ajajaniiru.
Biyyattiin Roobii irraa jalqabee guyyoota sadiif yeroo gaddaa biyyaalessaa keessaa turti.

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantichi deeggarsa yeroo hatattamaaf tahu doolaara miiliyoona 66 akka ramadanis dubbataniiru.
‘’Waan argaa jirruu balaa guddaa dha,’’ ‘’namoota du’an iddoo hundatti argita,’’ jedha hogganaan Fannoo Diimaa Libaanan Joorji Keetaanii.
Qondaaltonni sababiin dhohinsa kanaa maal akka ture qorachaa turan. Manni Maree Olaanaa illee warreen kana keessaa harka qaban ‘’adabbii isa olaanaa’ argatu jedheera.
Amooniyem naayitireetiin buufatichatti dooniirraa bara 2013 buusamee mana kuusa keessa kaa’ame.
Dhohinsi yeroo hamaa Libaanan rakkoo diinagdee fi koroonaavaayirasii waliin waldhaanso wal qabaa jirtu kanatti dhalate.
Ajjeechaa minstira mummee duraanii Raafiik Haraarii bara 2005 wal-qabatee murtoon gaafa Jimaataa kennamuuf illee biyyattiin muddama keessa jirti.

Madda suuraa, EPA
Maaltu Dhalate?
Dhohinsi Kibxata kaleessaa sa’atii 12:00tti tahe. Gaazexeessaan BBC iddootti argame sababii reeffa namootaa lafa jiruufi meeshaalee buufata doonii Beeruut sanatti barbadaa’aniif socho’uun illee rakkisaa ture jedheera.
Miidiyaaleen biyya keessaa namoota meeshaalee jalatti danqamanii hafan agarsiisaa turan. Namni naannoo sana ture dhohinsi kan ‘gurra namaa duuchu’ ture jedheera. Viidiyoowwan garaagaraa konkolaataawwan caccaban, gamoowwan akka hin taane tahanii jijjigaa turan agarsiisaa turan.
‘’Gamoowwan naannoo jiran akka jiruun kukkufaniiru. Halkan daawwitii fi miya caccabaa keessa adeemta,’’ jechuun namni ijaan arge AFPtti himeera.
Hospitaalonni namoota miidhamaniin guutamanii turan,gamoowwan baayyees unkutaa’aniiru.
Dhohinsichi hanga km240, odola Saaypiras baha Meditaraaniyaaniitti dhagahamee ture, namoonni achi jiran kirkira lafaa nutti fakkaatee ture jedha.

Madda suuraa, EPA
Libaananitti amma haalli attam?
Libaanan biyya muddama siyaasaa keessa jirtu dha.Mootummaa rakkoo diinagdee waraana walii waliinii bara 1975-1990tti booda jiru sirreessuu hankaaketti hiriirri nagaa bahamaa oola.
Namoonni baayyeen hayyoota diinagdee fi siyaasa biyyattii to’achuun haaromsa taasisuun rakkoo furuurra qabeenya ofii isaanii kuufatan komatu.
Hanqina humna elektiriikii, bishaan dhugaatii, fi eegumsa fayyaa fa’iitu gaaffii uummataati.
Kanamalees daangaa Israa’el waliin jiru irrattis muddamni jira. Haa tahu malee qondaalotni Israa’el dhohinsicha waan wal nu hidhachiisu hin jiru jedhaniiru.
Dhohinsi kun naannoo konkolaataan boombii ministira mummee duraanii Haraarii ajjeese jirutti dhalate.
Silaa gaafa Kibxataa kana namoonni haleellaa ministira mummichaa qindeessan mana murtii addaa Nezarlaanditti dhiyaatu ture.












