Qorannoon Obbo Baqqalaa Garbaa goolabamee 'galmeen qorannoo duraa' baname

Madda suuraa, Yadi Pictures
Obbo Baqqalaa Garbaa irratti galmeen qorannoo duraa banamuu abbaan alangaa fi qorattootni poolisii Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa dhaddacha ramaddii Araadaa beeksisaniiru.
Beellamni yeroo qorannoo guyyoota saddeetii kennameefii kan ture poolisiin hojiilee qorannoo garaagaraa hojjechaa ture akka xumure hiimuun galmeen haaraa 'galmee qorannoo duraa' Obbo Baqqalaa irratti banamuu isaa mana murtiitti hime.
'Galmeen qorannoo duraa' ykn 'Preliminary Inquiry' odoo himatni hin banamiin dura ragaalee abbaa alangaa fuudhanii kaa'uudhaaf galmee banamudha jechuun Abukaatoon Obbo Baqqalaa Obbo Gammachuu Guutamaa dhaddacha booda BBC'tti himaniiru.
Galmeen kun waan banamee jiruuf galmeen beellama yeroo qorannoo hanga har'aa ture cufame gara dhaddacha galmee qorannoo duraa ilaaluutti akka dabarfamu poolisiif abbaan alangaa mana murtichaa gaafataniiru.
Abukaatoowwan Obbo Baqqalaa Garbaa gama isaaniitin amma dura poolisiin jecha ragaalee fuudhuuf jedhee qorannoo guyyoota dabalataa gaafataa waa tureef, ammas jecha ragaalee fuuna jedhanii 'galmee qorannoo duraa banuun' dhimmicha harkifachiisuuf akka ta'e falman.
Galmeen qorannoo duraa osoo himatni hin banamiin dura dhaddachi ragaalee sanadaa fi kan namaa fuudhee akka ol kaa'u kan ittiin taasifamu yoo ta'ugaaffii abbaa alangaa bu'uura godhachuun yeroo dheeraa fudhachuu mala.
Adeemsa seeraatiin poolisiin ykn Abbaan Alangaa galmee beellama yeroo qorannoo akka cufamu yoo gaafate ni cufama kan jedhan Obbo Gammachuun, abukaatonni galmee kanarratti poolisiin qorannoo taasisaa akka ture, jechi ragaallee fuudhamaa akka ture eeruun qorannichi maal akka agarsiisu ifa akka qa'u gaafachuu himan.
Qorannoo poolisiin taasise keessatti wanti maammilli isaanii yakka raawwachuu qabatamaan agarsiisu dhiyaate yoo kan hin jiru tahe maamilli isaanii mirgi wabii akka eeggamuuf gaafataniiru.
Obbo Baqqalaa Garbaa immoo yakki ittin shakkaman mirga wabii kan isaan dhorkisiisu akka hin taane himuun "mirgi wabii naaf yaa kabajamu" jechuun gaafataniiru.
Yakka ittin shakkaman ilaalchisuun yeroo dubbatanis "ani nama siyaasaati malee nama raayyaa bobbaasuu danda'u miti" jechuun yakkoota ittin shakkaman irraa bilisa ta'uu dubbatan.
Bu'aa Qorannoo Poolisii
Yeroon qorannoo guyyoota saddeetii kennameefii kan ture poolisiin, hookkara magaala Finfinnee fi naannawaashee akkasumas magaala Shaashamanneetti uumameen damee geejibaan walqabatee qabeenyi birrii miiliyoona 37 ol barbadaa'uusaa ragaa sanadaa Ministeera Geejibaarraa argachuusaa himeera.
Kana malees hookkara ka'een lubbuun namoota 32 darbuu, hoteelootni 110 fi manneen jireenyaa 239 gubachuu akkasumas suuqiwwan 56 fi konkolaataawwan dhuunfaa fi kan mootummaa 82 gubachuu isaanii ragaalee sanadaa walitti qabachuus poolisiin himeera.
Dabalataan abbootiin warraa 1128 buqqa'uu mirkaneeffachuu fi jecha ragaalee namootaa 27 sassaabuu isaas poolisiin beeksiseera.
Obbo Baqqalaa Garbaa fi abukaatoowwan maal Jedhan?
Yakki Obbo Baqqalaa Garbaan ittin shakkaman reeffa artiist Haacaaluu Hundeessaa ugguruun gara Finfinneetti akka deebi'u taasisuu fi hookkarri akka ka'uuf gara Shaashanmaneetti bilbiluun ajaja kennuu kan jedhu ta'uusaa kan yaadachiisan abukaatoon Obbo Baqqalaa Garbaa, maammilli isaanii gochaalee kunneen raawwachuu isaaniif ragaan dhiyaate kan hin jirre ta'uu dubbatan.
Qoratootni poolisii ragaalee Obbo Baqqalaa Garbaa yakkoota jedhaman raawwachuu isaanii agarsiisan kan hin dhiyeesine ta'uus himan.
Haaluma kanaan beellamni yeroo qorannoo waan xummurameef manni murtichaa Obbo Baqqalaa Garbaa wabiidhaan akka gadi lakkisu yookin immoo guyyoota 15 keessatti himatni akka banamuuf ajaja akka kennuuf mana murtichaa gaafataniiru.
Obbo Baqqalaa Garbaa gama isaaniitin yakka hoomaayyuu akka hin raawwanne fi wanti ta'aa jirus ta'e jedhamee siyaasa keessaa isaan baasuu fi deeggartoota isaanii irratti dhiibbaa uumuuf rawwatamaa kan jiru ta'uu dubbatan.
Abbootiin Alangaa maal jedhan?
Abbootin alangaa dhaddacha har'aa irratti argaman yakki Obbo Baqqalaa Garbaa ittin shakkaman kan lubbuun namootaa itti darbe waan ta'eef mirgi wabii eeggamuufii hin qabu jechuun morman. Kana malees galmeen qorannoo duraa ragaalee eegsisuuf waan isaan fayyaduuf manni murtichaa galmee beellama yeroo qorannoo cufuun gara dhaddacha galmee qorannoo duraatti akka ergu gaafataniiru. Manni murtichaas galmeen qorannoo poolisiin hanga har'aa akka dhiyaatuuf ajajee galmee kana erga xiinxalee booda mirga wabii Obbo Baqqalaa Garbaa abukaatonni gaafatan irratti ajaja kennuuf Adoolessa 30 bara 2012ti beellama qabateera.












