Baqqalaa Garbaa: "Siyaasa keessatti akka hin hirmaanneef 'shira nurratti xaxamedha'"

Madda suuraa, Yadi Pictures
Obbo Baqqalaa Garbaa yeroo lammataaf kaleessa mana murtiitti dhiyaatanii, manni murtii guyyaa qorannoo dabalataa 14 poolisiin gaafate hayyamuuf beellama biraa qabateera.
Obbo Baqqalaa fi Jawaar Mohaammad reeffa Haacaaluu humnaan gara Finfinneetti deebisuu, sanaan wal qabatee hokkora ka'eenis lubbuu poolisii tokkoo darben shakkamanii to'annoo jala oolan.
Ijoollee isaanii lama waliin mana murtiitti kan dhiyaatan Obbo Baqqalaan, "uummanni akka karaa cufuufi mormii gaggeessu ergaa dabarsaa turan" jechuun akka shakkee poolisiin mana murtiif ibseera.
Wiixata mana murtiitti dhiyaachuun jecha isaanii kan kennan Obbo Baqqalaan yakka poolisiin ittiin shakkee to’ate bilbilaanis tahe kallattii biraan hin raawwanne jechuun jecha kennuu isaanii abukaatoon isaanii Obbo Tuulii Baayisaa BBCtti himan.
Waan oolmaa dhaddachaa irra ture yoo dubbatan Obbo Tuuliin, "Ani yeroon mana kootii bahu reeffi gara magaalaa Ambootti akka gaggeeffamuuf na dursee baheera. Reeffi kan gaggeeffamaa ture karaa daandii Buraayyuu irra keeessani. Animmoo karaa Ashawaa Meedaa qaqqabachuuf osoo deemaa jirruu bakka Gafarsa Noonnoo jedhamutti reeffi nutti dhufe' jechuun Obbo Baqqalaan dubbatan jedhan .
Obbo Baqqalaan reeffi gara magaalaa Finfinneetti erga deebi’ee poolisii Oromiyaa fi qondaalota Oromiyaa waliin haala sirni awwaalchaa gaggeeffamu irratti mari’achaa turre jechuunis dubbataniiru.
Kunis gidduu gala aadaa Oromootti akka taheefi bakka Itti aanaan kantiibaa magaala Finfinnee injiinar Taakkalaa UUmaa jiranitti akka tahe jecha kennan jedhan abukaatoon isaanii kun.
Erga irratti waliigalaniis injiinar Taakkalaa Uumaa firiijii reeffi keessa turuu fi anbulaansii reeffa baattu fiduuf akka deeman himan jedhan.
Kana gidduutti osoo isaaniin eegaa jiranii miseensonni raayyaa ittisa biyyaa dhufanii reeffa akka fudhachuu barbadaniifi haadha manaa Haacaaluu Hundeessaa waliin fuudhanii akka deeman himan jedhan.
Yeroo kana wal dhabdeen homaatuu kan hin uumamne tahuus himaniiru. Yeroo gara mana keenyaatti galuuf jennu asuma turaa jechuun hogganaan poolisii Oromiyaa tokko akka isaanitti dubbateefi booda karuma nagaa to’annoo jala akka oolan mana murtiitti dubbataniiru jedhan Obbo Tuuliin.
Obbo Baqqalaan yakka poolisiin ittiin shakke karaa bilbilaas tahe, ergaa gabaabaas tahe ‘E-mail’ gama kamiinuu akka keessaa hin qabne himuu ibsan.
Kun nuyi siyaasa keessatti akka hin hirmaanneef ‘shira nurratti xaxamedha’ jechuun mana murtiitti himuu Obbo Tuuliin BBCtti himan.
Poolisiin Maal Jedhe?
Obbo Baqqalaa Garbaa fa’a waliin namootni biroo waliigalaan 35 ol tahan to’annoo jala ooluu guyyuma isaan hidhaman poolisiin ibsee ture.
Kaleessa poolisiin namoota 25 tahan irraa jecha ragaa fuudhuufi shakkamtoota biroo 36 tahan irraa immoo jecha isaanii fuudhuu ibsee jedhan Obbo Tuuliin.
Poolisiin qorannoo namoota kanneenii hunda galmee sadiin qindeessee xalayaa tokkoon qofa dhiyeesse jedhan Obbo Tuuliin.
Galmeen tokko Obbo Baqqalaa Garbaa, kan 2ffaa galmee Arafat Abubakarii fi kan 3ffaa galmee Alifuu Tolasaa tahuu himan.
Obbo Baqqalaa Garbaa irrattis poolisiin qorannoo gaggeessee argadheera kan jedhe mana jireenyaa isaaniitii shugguxii lama argachuu fi badii dhaaqabes qoratee adda baasuu hime jedhan Obbo Tuuliin.
Poolisiin raga irratti dhiyeesse hin qabu jedhanii yakka ittiin shakkes mataa mataatti adda baasuun dhuunfaan dhiyeessuu qaba malee waan ittiin shakke bakka tokkotti dhiyeessu hin qabu ture jechuun mana murtiitti falmuu isaanii himu.
Dabalataan poolisiin ragaa yakka ittiin shakkaman agarsiisu hin dhiyeessine jedhanii mormuu himan.
Poolisiin qorannoo dabalataaf guyyaa qorannoo 14 gaafachuun manni murtiis galmee dhiyaatu irratti qorannoo gaggeessee murtoo kennuuf A.L.I Adoolessa 9 bara 2012 beellama kennan jedhan.
Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa booda hookkara ka’een wal qabatee namootni 4,700 ol tahan bakka garaagaraatti to’annoo jala ooluu poolisiin ibseera.













