Mootummaan UK lammiilee Afgaanistaan loltoota Biriitish gargaaraa turan 3,000 ol qubsiisuuf

Loltoota Biriteen, Afgaanistaan

Madda suuraa, PA Media

Karoorri lammiilee Afgaanistaan dhibbaan lakkaa'aman kanneen waraana Biritiish fi mootummaa UK gargaaraa turan qubsiisuu ibsame.

Lammiileen kunneen harki caalaan isaanii afaan hiikuun loltoota Biriteen warra gargaaraa turanidha.

Karoora ifoome kanaan maatii namoota kanaa dabalatee lammileen Afgaanistaan 3,000 ol UK qubachuun namoota duran Afgaanistaanii baafaman 1,300tti dabalamuuf jiru.

Kunis kan murteeffame loltoonni idil-addunyaa Afgaanistaan gadhiisanii bahuuf wayita qophiirra jiranittidha.

Ministirri Ittisaa Ben Waalaas karooricha saffisiisuu akka qaban kaasan.

Waalaas akka jedhanitti, kanneen Afgaanistaanii baafaman haaloo bahinsa Taalibaaniif ''tarii saaxilamuu danda'u'' jedhameeti jedhan.

Humnoonni Biritiish bara 2014 tarkaanfii waraaana Heelmaaditti fudhatan erga goolabanii as dhimmi namoota loltoota achitti bobbaafaman gargaaraa turanii yaaddoo uumee ture.

Jalqabarratti kanneen UK jiraachuuf gaafachuu danda'an ulaagaa turtii yeroo hangamiifi gahee maaliin akka tajaajilan ilaalcha keessa kan galche ture. Fakkeenyaaf turjumaanota loltoota UK wajjiin Heelmaanditti ganna tokkoo oliif hojjataniif dursi kennama ture.

Amma garuu imaammanni mootummaa haaraan baase kanneen amma hojiirra jiranis ta'e, duraan kan hojjataa turaniifi lubbuusaaniif yaadda'an UK qubsiifamuuf dursi kennamaafi jedhame.

Kunis yeroo tajaajilaafi gahee hojiisaanii giddugaleessa kan godhate miti.

Mootummaan akka jedhutti, haalli nageenyaa Afgaanistaan geeddaramuufi kanneen biyyattii keessatti mootummaa UK fi waraana Biritiish wajjin ganna 20'n darban hojjataa turan balaarra buusuu akka malu beeksisuuf ta'uun himameera.

Sagantaa lammilee Afgaanistaan mootummaa UK fi waraana Biritiish wajjjin hojjatan iddoo biraa qubsiisuufi gargaaruu kun Ebla darbe eegale.

Lammiilee Afgaanistaan meeqaatu UK qubsifama dhimmi jedhu ammatti adda bahee ifatti hin beekamne, taatullee mootummaan namoota 3,000 ol ni qubsiifamu jedhamee eegama.

Loltoota Biriteen, Afgaanistaan

Madda suuraa, PA Media

Akka Waalaas BBCtti himanitti, ''humnoonni biyyootaa Afgaanistaanii baafamuun walqabatee, haleellaa Taalibaan qaqqabsiisuf yaaddoon dabalaa jira.''

Waalaas kanneen Biritishiif hojjatan ''nu kunuunsuuf aarsaa kaffalaniiru, yeroon isaan kunuunsinu amma'' jedhan.

Ministirri Dhimma Biyya keessaa Piriitii Pataal, ''shororkeessummaa qolachuu keessatti balaaf saaxilamuusaanii baruufin dirqama keenya, tattaffiisaaniif beekamtii kennina'' jedhan.

Pataal akka jedhanitti, maatiisaanii wajjin jiruu haaraa biyya keenyatti akka jalqabaniif carraa kenninaaf jedhan.

Amma jalqaba bara kanaatti loltoota Biritiish 750 ta'anitu Afgaanistan keessa ture. Harki caalaan isaanii Kaabul keessatti nagaa eegumsarratti bobba'ani turan.

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden loltoota Ameerikaa biyyattii keessaa baasuuf erga murteessanii asitti loltoonni biyyattii keessaa bahuurratti argamu.

Haaluma walfakkaatuun humnoonni NATO loltoota biyyattii keessaa baasuuf waliigalaniiru.

Haata'u malee qondaalli olaanaa Biritiish murtoo kanatti hin gammadne.

Ameerikaanis lammilee Afgaanistaan biyyattii keessatti qacartee hojjachiisaa turte biyyattii keessaa baasuuf karoora walfakkaaturratti hojjataa jiraachuun himameera.

Lammileen Afgaan dhibbaan lakka'aman biyyattii baafamuun rakkoo lojistikii cimaa akka uumutu eegama.