Gareen Taalibaan amma Afgaanistaan to'atan eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Taalibaan jalqaba 1990moota keessa loltoonni Sooviyeet Afgaanistaan keessaa bahuu hordofuun kan Kaaba Paakistaan keessatti umameedha.
Isaanis dhiibaasaanii hariitiin dabaluun gandoota hedduu qabachuun booda bara 1996tti magaalaa guddoo biyyattii kan taate Kaabuliin to'atan.
Bara 1998tti ammoo Afgaanistaan harka 90 kan ta'u to'atanii ture.
Gareen kun adabbiiwwan seera Shariyaa cimaa labsanii ture. Warri dhiiraa areeda akka dheerreffataniif yoo gaafatan dubartoonni ammoo burkaa gutummaan qaamasaanii dhoksu akka uffataniif ajajaman.
Akkasumas, tamsaasa TV, muziqaafi sinimaa dhorkuun, ijoolleen dubaraa waggaa 10 mana barnootaa akka hin deemneef dhorkan.
Haata'u malee, addunyaa waa'ee Taalibaan kan hubate bara 2001 keessa erga haleellaan 9/11 al-Qaa'idaan Ameerikaa irratti raawwateen booda ture. Isaanis wayita Osaamaa Bin Laadani fi sochii al-Qaa'idaatiif dahoo kennaniif ture.
Haalli sunis gamtaa waraanaa NATO kan USn hogganamee Afgaanistaan keessatti haleellaa akka Taalibaan irratti fudhatamu eegalamuuf ka'umsa ta'e.
Aangoo qabachuu Taalibaan
Taalibaanonni ykn afaan Paashtootti ''bartoonni,'' jalqaba 1990taatti wayita loltoonni Sooviyeet Afgaanistaanii bahan hordofee ture kan kaaba Paakistaan keessatti ka'an.
Sochiin Paashtun keessatti baay'atu kunis jalqaba yaa'iwwan amantaa kan Saawudi Arabiyaan irra caalli kanfaltiinsaa raawwatamu, irratti akka mul'ate amanama. Gareen kunis amantaa Islaama Sunnii kan leellisaniidha.
Waadaan yeroo sana Taalibaaniin galamee ammoo- tokkicha aangoo yoo qabate, naannolee Paashtun kan Paakistaaniifi Afgaanistaan keessatti argamaniitti, nagaa fi tasgabbii buusuu fi gosa shariyaa ykn seera Islaamaa cimaa mataasaanii hojiirra oolchudha.


Taalibaanonnis kibbaa gara lixaatti to'annoosaanii babal'ifataa dhufan. Fulbaana 1995 keessa, araddaa daangaa Iraaniitti argamtu Heraat jedhamtu qabatan.
Waggaan booda ammoo magaalaa guddoo Afgaanistaan Kaabul to'achuun bulchiinsa pirezidantii Burhaanudiin Raabbaan kufisan.
Burhaanudiin Raabbaan abbootii Afgaanistaan kanneen sochii diddaa weerara Sooviyeet mujahideen kan hundeessaan keessaa tokko turan. Bara 1998 ammoo Taalibaan harka 90 Afgaanistaan to'atee ture.
Lammiileen Afgaan kan sochii mujahidee'n tiin nuffanii dadhabanis wayita Taalibaan jalqaba dhufu gutummaatti simatanii turan.
Fudhatamni isaanii inni jalqabaa sababii malaammaltummaa irratti qabsaa'an, seera maleessuummaa hambisa akkasumas daandiiwwan ijaaruun naannolee to'annoosaanii jalatti argamaniitti daldalalli akka dagaagu waan taasisaniif ture.
Haata'u malee Taalibaanonni addabbiiwwan Islaamaa kan akka namoota yakki itti murtaa'e fi ifatti ajjeessuu, fi kanneen hannaan himataman ammoo harka irraa muruu deeggaru.
Warri dhiiraa areeda akka guddifatan yoo gaafataman, dubartoonni ammoo uffata burka jedhamu kan qaama gutummaann dhoksu akka uffatan dirqisiifamu.
Akkasumas Taalibaan TV, muziqaa fi sinimaa dhorkuun ijoolleen dubaraa waggaa 10 fi isaan olii mana barnootaa akka hindeemne jedhan. Himannaawwan mirga namoomaa fi sarbama aadaa hedduunis irratti ni ka'a.
Kanneen keessaa fakkeenyi tokko, bara 2001tti osoo addunyaan balaaleeffattuu siidaa beekamaa Baamiyaan Buddhaa jiddugala Afgaanistaan keessaa jigsan.

Madda suuraa, Getty Images
Paakistaan irra deddebbiin haa waakkattulleen malee ka'umsi sochii Taalibaan kanaa kan eegale kanneen mana barnootaa amantaa (maadrasaawwan) Paakistaan keessatti barataniin akka ta'e amanama.
Boodas Taalibaan wayita aangoorra tureetti, Paakistaan, Saawud Arabiyaa fi UAE, biyyoota sadan beekamtii kennan keessaa tokko. Akkasumas garee kana waliin walitti dhufeenya qabdu diiguuf biyya dhumaa turte.
Yeroo tokkos, Taalibaan naannolee Kaaba-lixaa Paakistaan to'attu akka bittinsu dorsisee ture. Onkololeessa 2012'tti ammoo haleellaa cimaa itti addunyaan guutuu Paakisataan-Taalibaan balaaleeffatan raawwatamee ture.
Barrattuu Maalaalaa Yuusufzaayi osoo barnootaa gara manashee magaalaa Mingoraa deemaa jirtu rasaasaan kan dhahamte yeroos ture.
Waggaa lamaan booda ajjeechaa mana barnootaa Peshaawaar hordofee, tarkaanfii waraanaa cimaa fudhatameen dhiibbaa gareen kun Paakistaan keessatti taasisu hir'isee ture.
Hogganaan garichaa, Haakimullaah Mehsud dabalatee, yoo xinnaate qondaaltonni Taalibaan gurguddoon sadii haleellaa diroonii USn bara 2013tti ajjeefaman.

Madda suuraa, Getty Images
'Dahoo' Al-Qaa'idaa
Fulbaana 11, 2001tti yeroo Jidduugalli Daldala Addunyaa Niiw Yoork haleelameetti ture xiyyeeffannoon addunyaa Taalibaan Afgaanistaan keessaa irra kan ta'e.
Taalibaanoonnis shakkamtoota muummee kan ta'ee Osaamaa Bin Laadan fi sochii al- Qaa'idaatiif dahoo ta'uun shakkamaa turan.
Onkolooleessa 7, 2001, walta'insi waraanaa USn hogganamu Afgaanistaan keessatti haleellaa eegalee torbanuma jalqabaa isaatti bulchiinsi Taalibaan kufe.
Hogganaan garichaa yeroo sanaa, Mulaah Mohaammad Omaar fi Bin Laadan dabalatee dureewwan biraa gurguddoon akka hin qabmneef baqatan.
Dureewwan Taalibaan hedduunis magaalaa Paakistaan Qu'ettaa keessatti baqachuun achiirraa hoggansa kennaa akka turan himama.
Booda keessa ammoo loltoonni biyya gara biraa baay'inaan jiraatan illeen Taalibaan waluma jalaan Afgaanistaan keessatti babalachuu eegalan.
Biyyattii keessattis haala bara 2001tti wayita aangoora turaniitti mul'atee hin beekamneen nageenya booreessuu fi jeequmsi baay'achaa dhufe.
Fulbaana 2012tti haalellaawwan hedduu Kaabul irratti Taalibaanotaan raawwatame. Buufataalee NATO irratti haleellaa raawwatan.

Madda suuraa, AFP
Kaabul irratti haleellaawwan hedduun kan gaggeeffamee yoo ta'u, Fulbaana 2012tti gariichi buufata NATO kan Kaampii Bastion irratti haleellaa baay'ee cimaa ta'e raawwate.
Bara 2013tti wayita Taalibaan waajjira Kaataariitti banachuuf karoora qabaachu himeetti marii nagaa eegaluuf abdiin ture kaafame. Garuu ammoo gama hundaanu wal amantaa dhabuun cimaa waan turef jeequmsi ittuma fufe.
Hagayya 2015 keessa Taalibaan du'a Mullah Omaar dhoksuu amane. Sababii rakkina fayyaatiin waggaa lamaa oliif hospitaala Paakistaan keessa akka ture gabaafame. Torban ittii aanu ammoo nama bakka isaa bu'u argachuuf torbanootaaf lola dhaabu beeksiise.
Ittaanaa Mullaah Omaar kan turan Mullaah Mansuur bakka isaa hoogganaa haaraa taasifachu beeksiisan.
Yeroodhuma walfakkaataatti, Taalibaan erga bara 2001tti injifatameen booda yeroo jalqabaatiif lafa murteessaa ta'eefi magaalaa guddoo bulchiinsaa Kunduz to'ate.
Mullaah Maansuur ammoo bara 2016tti haleellaa diroonii USn ajjeefame. Innis ittaanaa isaa Maawlaaww Hibatullaah Akhundzaadaan bakka buufame.
Bahuuf guyyaa lakkaa'uu
Waliigaltee nagaa US-Taalibaan kan bara 2020 hordofuunis, Taalibaan adeemsa isaa geeddarachuun haleellaa magaalotaa fi buufataalee waraanaa irratti raawwachuun lammiilee Afgaanistaan shororkeessuutti deebi'e.
Kanneen Taalibaan irratti xiyyeeffatu keessaa, gaazexessitoota, abbootii seeraa, rogeeyyii nagaa, dubartoota aangoorratti argaman fa'i ture.
Kunis Taalibaan tarsimoo haleellaa isaa geeddaratulleen ilaalcha harbeessuummaa akkuma qabateetti jiraachu mul'ise.
Gama qondaaltoota mootummaa Afgaanistaanitiin deeggarsa idil-addunyaa malee Taalibaanif hayyamuurratti yaaddoo olaanaa qabaatan illeen, pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan garuu Ebla 2021 keessa humnootiin Ameerikaa guutummaatti Fulbaana 11tti akka bahan labsan.
Fulbaanni 11 waggaa 20ffaa Jiddugalli Daldala Addunyaa itti haleelamedha.
Taalibaan ammoo humnootiin biyya alaa akkuma Afgaanistaanii bahaniitti deebisee Kaabul qabachuun mootummaa biyyatti aangorraa busuuf dhaadhachaa jiru.
Garichis amma kan 2001 yeroo aangoorraa itti arii'atame sana caalaa baayyinaanis cimaa jiraachuu hima. Loltoota guutummaan qabsaa'aa jiran kuma 85 qabaachu Nato tilmaameera.
Daangaalee biyyattii keessattis ariitiidhaan babal'ataa kan jiran yoo ta'u, hedduunis sodaataa jiru.
Janaraal Austin Milar, ajajaan erga waraana USn hogganamu kan Afgaan keessaa, biyyattiin jeequmsa wal waraansaa kan ''yaaddoo addunyaa'' jedheen keessaa galuu akka dandeessuu Waxabajjii keessaa akeekkachisaniiru.
Xinxala Tikni US baatiidhuma wal fakkaataa keessatti taasiseen, motummaan Afgaanistaan loltoonni Ameerikaa gadhiisee bahee yeroo baatii jahaa keessatti akka kufuu kaa'eera.













