Baayidan Afgaanistaan keessaa loltoota baasuu hin gaabbu jedhan

Lammileen qe'ee isaaniirraa baqatanii bakkee bulaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lammileen qe'ee isaaniirraa baqatanii bakkee bulaa jiru

Wayita Taalibaan magaalota Afgaanistaan hedduu to'annoo jala oolcha jirutti, loltoonni Ameerikaa akka bahan murteessuutti akka hin gaabbine Joo Baayidan himan.

Hogganoonni Afgaan tokko ta'anii "biyya isaaniif falmachuu akka qaban" dhaaman.

Turtii waggoota 20 booda loltoonni Ameerikaa Afgaanistaan keessaa bahuu hordofee Taalibaan naannolee to'annoo isaa jala jiran babal'ifataa jira.

Kunis biyyattii keessatti hokkorri akka jabaatuu fi babal'atu godheera, lammileen hedduunis qe'ee isaaniirraa buqqa'aa jiru.

Ammatti magaalota gurguddoo kutaalee biyyaa Afgaanistaan 34 keessaa yoo xiqqaate 8 Taalibaan harka jiru. Taalibaan magaalota dabalataa to'achuuf dhaadata.

Ibsa Kibxata Waayit Haawusitti gaazexeessitootaaf kennaniin, Ameerikaan ammallee deeggarsa qilleensarraa, mindaa waraanaa kaffaluu fi loltoota Afgaaniif meeshaalee fi nyaata dhiyeessuu itti fufti jedhan.

Haata'u malee "lola isaanii ofumaaf lolachuu qabu," jedhan.

Washington Post qondaala maqaan hin dhahamne tokko waabeffachuun akka gabaasetti, akka xiinxala waraanaa Ameerikaatti magaalaan guddittii Afgaanistaan Kaabuul guyyoota 90 keessatti harka Taalibaanitti kufuu malti.

Kibxata darbe magaalonni gurguddoo kutaalee biyyaa lama 'Farah city' fi 'Pul-e-Khumri' kan Kaabuul irraa km200 fagaattee argamtu Taalibaaniin to'atamaniiru.

Kutaalee biyyattii kaanitti lolli cimaan adeemaa kan jiru yoo ta'u xiyyaaronni waraanaa Afgaan fi US haleellaa qilleensaa raawwachaa jiru.

Baatii darbe qofa waraanni loltoota Taalibaan fi humnoota mootummaa Afgaan jidduutti hammaatee lammileen nagaa 1000 ol ajjeefamaniiru jedha UN.

Keessaahu yakki gara jabeenyaa daa'imman irratti raawwatamu dabalaa dhufeera jechuun UNICEF gabaasa baasee ture.

Taalibaan kan duraan Afgaanistaan bulchaa ture bara 2001 haleellaa 9/11 al-Qaa'edaan Ameerikaa irratti raawwate hordofuun waraana Ameerikaatiin aangoorraa ari'ame.

Yeroos Taalibaan hogganoota al-Qaa'edaa akka Osaamaa Bin Laaden fi kaaniif dawoo tahee ture.

Waggoota 20 booda Ameerikaan loltoota ishee fi kan NATO guutuu akka baastu, Taalibaan ammoo garee amantii fiinxaleessan kamiifuu dahoo akka hin taane, akkasumas naannoo to'atee jiru keessa akka hin sochoone akka hin hayyamne waliigalaniiru.

Guyyaan loltoonni guutummaatti akka bahan qabames Fulbaana 11, waggaa 20ffaa haleellaa 9/11tti ture.