Hidhattoonni Taalibaan kutaalee Afgaanistaan gara caalu qabatan

Madda suuraa, EPA
Waggoota dhiyoo as magaalaan Kibbabaha Afgaanistaan finciltoota Taalibaaniin to'atamtee akka jirtu qondaaltonni mootummaa biyyattii BBC'tti himan.
BBC'n madden lama irraa akka qulqulleeffatetti gareen kun Jimaata waaree booda magaalaa Zaranj kan bulchiinsa Nimroz keessatti argamtu qabateera.
Oduun kun garuu qondaaltota biyyattiitiin hin mirkanoofne.
Taateen kun kan raawwate loltoonni biyyoota alaa Afgaanistaan keessaa ba'uu hordofee, erga gareen hidhattoota Taalibaan sochii jabaa gochuu eegalaniiti.
Hidhattoonni kunneen kutaalee baadiyyaa hedduu qabatanii kan turan ta'us dhiyeenya kana garuu magaalota biyyattii murteessoo ta'an baay'inaan to'achaa jiru.
Magaalaa Herat kan lixa biyyattiitti argamtuu fi magaalaa Lashkar Gah kan kibba biyyattiitti argatu qabachuufis dhiibbaa uumaa jiru.
Magaalaan Zaranj kan warri Taalibaan Jimaata waaree booda to'atan magaalaa daldalaa fi daangaa Iraan irratti kan argamtu ulaa daldala biyyattiiti.
Maddi mootummaa tokko waraanni hamaan ammallee naannoo Waajjira Tika biyyaalessaatti adeemaa jiraachuu BBC'tti hime.
Qondaalli poolisii bulchiinsa Nimroz gama mootummaatiin dhiibbaa guddaan waan hin jirreef hidhattoonni Taalibaan salphaatti magaalota murteessoo ta'an qabataa jiru jechuun BBC'tti hime.
Gabaasi ba'aa jiru akka mul'isutti warri Taalibaan buufata xiyyaaraas qabataniiru, kunimmoo mootummaa biyyattiif kufaatii guddaadha.
Erga gareen Taalibaan magaalaa kana qabatanii booda suuraan wayita jiraattonni wajjiraalee mootummaa keessaa meeshaalee hatan mul'isu bal'inaan qoodamaa ture.
Loltoonni US turtii waggoota 20 booda biyyattii gadi dhiisanii ba'uu hordofee kutaalee biyyattii hedduu qabachuun milkaa'aa jiraachuu kan himatu gareen Taalibaan, magaalaa Zaranj qabachuun tarkaanfii murteessaa ta'uu ibsate.
Guyyaama Jimaataa Daarektarri miidiyaa fi giddu gala odeeffannoo mootummaa Afgaanistaan Dawa Khan Menapal magaalaa guddoo biyyattii Kaabul keessatti hidhattoota Taalibaaniin ajjeefame.
Taalibaan, qondaalli kun kan hojiisaa argate jechuun ibseera.
Sochii hidhattoota Taalibaan

Madda suuraa, EPA
Gareen Taalibaan erga bara 2001 aangoorraa darbamee as haala adda ta'een ji'oota lamaan darban keessa kutaalee biyyattii hedduu qabataniiru.
Waggoota 20 darbaniif danaan biyyattii kan mootummaan qabamee jiruu fi kan loltoota Taalibaan jala jiru yeroo gara yerootti jijjiiramaa yoona ga'eera.
Gareen Taalibaan erga loltoonni US Afgaanistaan keessaa ba'anii torbeewwan darban keessa kutaalee biyyattii hedduu humnoota mootummaarraa fudhateera.
Qorannoo BBC'n Afgaanistaan keessatti gaggeesseen yeroo ammaa gareen Taalibaan Kaaba, kibbaa fi guddu-galeessa biyyattii dabalatee kutaalee Afgaanistaan hedduu to'atee jira.
Bakkeewwan Taaliban to'atee jiruu fi keessa socho'u yeroo ammaa qubsuma lammiilee biyyattii miiliyoona 15 ta'aniiti.
Kana jechuun walakkaa lakkoofsa uummata biyyattiiti jechuudha.
Mootummaan bakka dhiibbaa loltoota Taalibaan dadhabetti, harka kennee keessa ba'eera, bakkeewwan kaan ammoo loltoonni kunneen humnaan qabatan.
Wayita loltoonni US fi kan biyyoota alaa kaan turan bakki mootummaan humnasaa leenjisee waraanaaf qopheessaa ture yeroo ammaa hidhattootaan qabameera.
Bakkeewwan hedduutti ammoo waraanatu deemaa jira waan ta'eef mootummaan tasgabbaa'ee humna leenjisuu hin dandeenye.
Loltoonni US Waxabajjii darbe Afgaanistaan keessaa ba'anis kanneen hafan muraasni mootummaa cinaa dhaabbachaa jiru, US qilleensarraa mandhee Taalibaan haleeluus hin dhaabne.
Haata'u malee Taalibaan kutaalee biyyattii hedduu qabachuurraa teellaatti jechaa hin jiru.
Mootummaan Afgaanistaan dhiheenya kana humna dabalataa bakkeewwan loltoonni Taalibaan keessa socho'anitti erguun, sa'atii yeroo sochiis daangessee ture.
Gareen Taalibaan magaalota wayita qabatan taa'anii mari'achuu fi galii argachuuf bu'uura akka isaaniif ta'utti amanu waan ta'eef cichanii itti fufaniiru.
Magaalota giddu-gala biyyaa jiran to'achuuf dhiibbaa uumaa kan jiran gareen Taalibaan, magaalota daangaarra jiran garuu heddumminaan to'achuu himu.
Isaan keessaa tokko ulaa biyyattii Paakistaaniin wal-quunnamsiisu Spin Boldak kan jedhamudha.
Qaraxi meeshaalee karaa kanaan gara biyyattii galan irraa argamu yeroo ammaa harka Taalibaan galaa jira.
Buufati gumruukaa Islam Qala jedhamu kan daangaa Iraan irratti argamu ji'atti galii doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 20 galcha.
Kun hunduu harka Taalibaan galaa jira.
Miidhaa lammiilee
Bara kana keessa sababa waraanaan lammiileen hedduun ajjeefamaniiru, UN namoonni 1,600 ta'an hedduunsaanii hidhattoota Taalibaanii fi kanneen mootummaan morkaniin ajjeefamuu ibse.
Jalqaba bara kanaarraa eegalee sababa waraanaan lammiileen 360,000 ta'an bakkeewwan Taalibaan qabatee jirurraa buqqa'aniiru.
UNHCR akka jedhutti akkuma Taalibaan lafa hedduu qabachaa deemuun kutaalee biyyaattii kanneen akka Badakhshan, Kunduz, Balkh, Baghlan fi Takhar keessaa namoonni buqqa'uu danda'u.
Sababa waraanaan lammiileen Afgaanistaan hedduun hanqina nyaataa fi bishaaniif saaxilamaniiru.
Kutaan biyyattii dhibbeentaa 80 ta'u hongeef saaxilameera, kunimmoo oomisha qamadii fi qabeenya beeyladootaa irratti diibbaa guddaa uuma jechuun Waldaan Fannoo Diimaa Addunyaa yaaddoo qabu ibseera.















