Afgaanistaan: Loltootni Afgaanistaan haleellaa Taalibaan hordofee gara Taajikistaanitti baqatan

Loltuu biyyaalessaa Afgaanistaan meeshaa waraanaa baatee qarqara Kabul bakka sakatta'insaa dhaabbatu

Madda suuraa, Reuters

Loltootni Afgaanistaan 1,000 ol tahan hidhattoota Taliibaan waliin erga wal haadhaniin booda gara biyya ollaa Taajikistaanitti baqachuu qondaalonni himan.

Loltootni ''lubbuu isaanii oolfachuuf'' jecha gara daangaatti baqatan akka ibsa eegumsa daangaa Tajikistaanitti.

Afgaanistaan keessatti jeequmsi kan hammaate yoo tahu erga yeroo dhiyoon as hidhattootni Taaliibaan bakkeewwan hedduu to'ataa jiru, keessumaa gara Kaaba biyyattii.

Kunis US, UK fi michoonni isaanii waggoota 20 booda loltoota isaanii Afgaanistaanii baasuu hordofeeti. Irra caalaan loltoota biyyoota alaa Afgaanistaan jiran yeroo xumuraa hanga Fulbaanaatti jedhame dursuun bahaniiru.

Humni waraanaa Afgaanistaan eegumsa nageenya biyyattii harka galafata jedhamee yaadame kufuu ykn diigamuu mala yaaddoon jedhu jira.

Akkaataa waliigaltee Taliibaan waliin tahetti, Ameerikaa fi michoonnishee NATO keessaa loltoota isaanii hundaa baasuun Taaliibaan ammoo gama isaan bakkeewwan qabate keessatti gochaan shororkeesummaa akka hin jiraanne gochuudha.

Garuu Taliibaan humna waraanaa Afgaan waraanuu hin dhiisne. Harka sadii biyyattii to'annoo isaa jala galfachuun gabaafamaa jira.

Loltootni Afgaanistaan duubatti deebi'uun gara biyya ollaa jirtu Tajikistan galuun guyyoota sadii keessatti kun isa sadaffaa yoo tahu, halkan afurtama keessatti isa shanaffaati. Walumaagalatti loltootni 1,600 tahan daangaa cehaniiru.

Gareen loltootaa Afgaanistaan kunneen Waxabajji keessa Tajikistaan galan

Madda suuraa, Tajik border troops

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen loltootaa Afgaanistaan kunneen Waxabajji keessa Tajikistaan galan

Gareen loltootaa Afgaan halkan hidhattoota Taaliibaan waliin wal lolaa turuun Wiixata ganama kooluugaltummaa gaafachuu Koreen Dhimma Nageenyaa Taajikistaan hime.

Presentational white space

Badakhshanii fi Takhar naannolee Taajikistaan daangessan hidhattootni Taaliban qabataa jiranidha.

''Taaliibaan daandii hundaa kutuun uummanni garatti deemu hin qabu, daangaa cehuu malee'', jechuun qondaalli ol aanaan Afgaan tokko Rooyitarsitti himan.

Zabihullah Atiq, miseensi paarlaamaa Badakhshan, loltootni biyyaa bahuuf hulaa adda addaa fayyadamaa jiru jedhan. Humni eegumsa daangaa Tajikistaan loltoota Afgaaniif bakki turtii fi nyaanni kennamaafii jiraachuu himan.

Presentational grey line

Jeequmsi babal'annaan haamileen humna waraanaa kufe

Kaawon Kaamoosh, BBC News

Jeequmsa bifa haaraan biyyattiitti ka'een bakka loltootni biyyoota alaa hin jirretti hidhattoota waliin haala hin baramneen waraana keessa galaniiru.

Qondaalonni mootummaa osoo adda hin kutiin loltoota onnachiisuuf tiwiiterii irratti barreessaa jiru. Garuu erga loltootni duubatti baqatanii, bakkeewwan murteessoon harkaa bahuu fi miidhaa gaheen haamileen loltootaa irra caalaan badeera.

Humni waraanaa Kabul yeroo hidhattootni bakka qabatanitti ''tooftaa baqannaati'' tahedha jedhan. Garuu ajajoota dirree waraanaa jiran irraa kan dhagahamu hir'inni meeshaa waraanaa fi deeggarsa ariitiin erguu dhabuun jira.

Naannoo Badakhshan, bakka to'annoo mootummaa jalaa bahe keessaa maddeen odeeffannoo akka jedhanitti, qondaalonni mootummaa haleellaa Taalibaan dursuun karaa Kabulitti ''miliqan'' jedhan.

Kun ammoo loltoota haamilee cabsuu qofa osoo hin taane, qondaalonni ol aanoon marii nageenyaa gochuu amanamummaa qaban irratti gaaffii guddaa kaasaa jira.

Yoo waraanni walii waliinii biyyattii keessatti ka'eef qondaalonni siyaasaa maatiin isaanii biyya alaa jiraatan biyyattii keessa turumoo gadhiisanii bahu?

Presentational grey line

Pirezidaanti Ashraaf Gaanii, humnootni nageenyaa Afgaanistaan hidhattoota qarqaratti ittisuuf humna guutuu qabu jedhan. Garuu loltootni baay'een Paakistaanii fi Uzbekistaan keessatti koolugaltummaa gaaafachaa jiraachuu gabaafamaa jira.

Yoo waraannichi hammaatee itti fufe biyyootni ollaa baqattoota hedduu simachuuf of qopheessaa jiru.

Dubbii himaan Taaliibaan Suhaayil Shaheen BBCtti akka himetti, gareen isaanii jeequmsa booda kana ka'eef itti gaafatama hin fudhatu. Loltootni Afgaan loluu waan didaniif naannolee baay'een jaarsummaadhaan bulchiinsa Taaliibaan jala galaniiru.

Pirezidaantiin duraanii Afgaanistaan Hamiid Kaarzaayi BBCtti akka himanitti humnootni Nato fi US ergama irra turan shororkeessummaa fi finxaalessummaa injifachuu hin dandeenye.

Mootummaan Afgaanistaanii fi Taaliibaan '' hamma danda'ame gadi taa'uun nageenyaaf akka mari'atan'' waamicha godhan.