Afgaanistaan: Taalibaan magaalaa naannoo lammataa to'annookoo jala oolcheera jedhe

Madda suuraa, EPA
Taalibaan magaalaa kaaba Afgaan bulchiinsa Jawzjan’tti argamtu Sheberghan to’annoosaa jala oolchuu hime.
Dubbihimaan ministeera ittiisaa Afgaan humnoonni Taalibaan ammallee magaalaa keessa jiraachuu himuun, ‘yeroo dhiyootti ni bahu’ jechuun BBCtti himan.
Sheberghan harka Taalibaanitti kufuun Zaranj’tti aanuun magaalaa naannoo ishee lammataati.
Kunis qaamota nageenyaa biyyattiif miidhaa guddaa yoo tahu, guutummaa biyyattiittis lola cimaatu isaan mudachaa jira.
Sochii waraanaa waggaa 20 booda Ameerikaa fi humnooti waraanaa addunyaa biroo Afgaanistaan dhiisanii baanaan biyyattiitti hokkorri hammaate.
Torbee muraasa keessatti loltoonni Taalibaan naannolee babal’aa lafa baadiyyaa qabachuun gara fuulduraatti adeemaa jiru. Yeroo ammaa immoo xiyyeeffannoon isaanii magaalootadha.
Magaalaan Sheberghan iddoo ajajaa waraanaafi pireezidantii itti aanaa duraanii Afgaan, deeggartoota baayyee keessaa qabu yoo tahu, finciltootas waliin lolaa turani.
Akka miidiyaaleen biyyattii gabaasanitti namoonni 150 tahan humnoota nageenyaa Afgaan gargaaruuf gara magaalaattii imalaniiru.
Taalibaan gaafa Jimaataa jalqaba mooraa bulchaa naannichaa kan qabate yoo tahu, boodarra garuu humnooti nageenyaa Afgaan deebisanii fudhataniiru.
Haa tahu malee hogganaan olaanaa naannichaa, Baabuur Eschii buufata waraanaa iddoo lolli adeemsifamaa jiruun alatti magaalaa guutuu qabataniiruu jedhan.
Dubbi-himaan ministeera ittisaa Fawaad Amaan, ‘’ammallee magaalawwan baayyee nutu to’atee jira, buufata xiyyaaraa dabalatee, Sheberghan keessaas ‘’shororkeessitoota ni baasna,'' jedhan.
Haatahu malee Taalibaan magaalawwan qabachuufi, loltoonni mootummaa namoota nagaa eeguuf gara duubaatti deebi’uu amananiiru.
Ministeerri ittisaa Afgaan akka jedhetti, xiyyaarri waraanaa US B-52 qubsuma Taalibaan magaalaa keessa jiran haleeleera jedhe.
Taalibaan gamasaan mana hidhaa magaalaa Sheberghan keessa jiru to’achuu himuun, namoonni hidhaa jiran, kan dhibbaan lakkaa’aman yeroo bahan viidiyoo agarsiisu gadhiiseera.
Magaaloti lixa keessa jiran kanneen akka Heraat illee dhibbaa guddaa keessa jiru.
Waraanni Afgaan gama isaatiin loltoonni Islaamummaa leellisan, hogganoota gameeyyii dabalatee magaalaa Lashkar Gah keessatti ajjeefamaniru. Taalibaan garuu kana ni haala.
Torbeedhuma kana keessa magaalaa guddoo Afgaan Kaabuul keessatti, Taalibaan dubbii himaa duraanii Pireezidant Ashraaf Gaanii ajjeeseera, mana ministira bakka bu’aa ministeera ittisaattis boombii dhukaaseera.
Loltoonni Taalibaan iddoowwan ijoo daangaa biyyoota ollaas torban darban keessa qabataniiru.
Mootummoonni UK fi US sababii haala nageenyaa hammaataa dhufeen lammiileen isaanii achii akka bahan gorsaniiru.
















