Gaazexeessitoonni Afgaanistaan keessa jiran UK'tti qubsiifamuuf

Madda suuraa, Getty Images
Gaazexeessitoonni Afgaanistaan keessatti miidiyaa UK'f hojjetan haleellaan Taalibaan yoo itti hammaate gara UK geeffamuu danda'u jedhan Ministirri Dhimma alaa UK Doomnik Raab.
Doomnik Raab xalayaa jaarmiyaalee miidiyaaf barreessaniin dhimmi gaazexeessitoota Afgaanistaan jiranii haala addaan kan ilaalamu ta'uu eeran.
Miidiyaaleen Biriteen eegumsi afaan hiiktota loltoota Biriteeniif taasifame gaazexeessitootaafis godhamuu qaba jechuun akeekkachiisan.
Yaaddoon kun erga qondaalli miidiyaa Afgaanistaan hidhattoota Taalibaaniin Jimaata kaleessaa ajjeefamee as uumame.
Daarektara Miidiyaa fi Giddugala odeeffannoo Afgaanistaan kan turan Dawa Khan Menapal, osoo masjiidaa ba'anii konkolaataasaanii keessa seenaa jiranii magaalaa Kaabul keessatti ajjeefaman.
Hidhattoonni Taalibaan namni kun ''kan hojiisaatii argate'' jechuun ibsan.
Erga loltoonni US fi kan biyyoota kaanii Afgaanistaan keessaa ba'anii hidhattoonni Taalibaan baadiyyaa biyyattii heddumminaan qabatanii turan irraa gara magaalota ijoo ta'aniitti seenuu eegalaniiru.
Jimaata kaleessaa waaree booda loltoonni Taalibaan magaalaa bulchiinsa Momroz keessatti argamtu Zaranj qabachuu ibsan.
Kunis kufaatii humnootii mootummaa kan agarsiisuudha.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Mootummaan UK rakkoo nageenyaa hammaataa dhiferraa kan ka'e lammiileen isaa hundinuu Afgaanistaan keessaa akka ba'an Jimaata kaleessaa ibseera.
Aab Raab xalayaa kan barreessan erga miidiyaaleen biyyattii eegumsi afaan hiiktota loltoota UK'f taasifamaa ture gaazexeessitoota, afaan hiiktotaa fi ogeeyyii teeknikaa miidiyaafis yaa taasifamu jechuun iyyataniiti.
Bara 2013 irraa eegalee lammiileen Afgaanistaan loltoota Biriteeniif afaan hiikaa turan maatiisaanii waliin gara UK akka seenan eeyyamameeraaf.
Namoota turjumaanaan loltoota Biriteen gargaaraa turan UK qubsiisuun bara kana jalqabarratti kan labsame yoo ta'u, namoonni UK galuun eeyyamameefis 3,00 caalu.















