Waraanni Agfaanistaan waggoota 20 Ameerikaa fi michoota ishee hangam baasise?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Reality Check team
- Gahee, BBC News
Waraana waggaa 20n booda Ameerikaafi michoota ishee Afgaanistaan keessaa bahuu hordofee hidhatoonni Taalibaan kutaalee biyyattii saffisaan to'achaa jira.
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan loltoota isaanii hunda Fuulbaana 11'tti Afgaanistaan keessaa akka baasan beeksisaniiru.
Ministirri Muummee UK Booris Joonsen haalli Afgaanistaan hammaachaa dhufus biyyi isaanii duula biyyattii keessa gaggeesseen ''akkaan ni boonti'' jedhan.
Haala nageenyaa amma Afgaanistaan keessa jiruuf furmaatni waraanaa hin jirus jedhaniiru.
Gabaasa kana keessatti US fi Nato'n duula Afgaanistaan keessatti hangam baasan waan jedhu ilaalla.
Loltootni ergaman maali?
US Afgaanistaaniin kan weerarte Onkololessa bara 2001, mootummaa Afgaanistaan yeroo sanaa kan ture Taalibaan haleellaa shororkeessummaa 9/11 kan raawwate Osaamaa Biilaadaniif dahoo ta'e jechuun ture.
Lakkoofsi loltoota US fi hangi maallaqaa riphee loltummaa Taaliban loluuf bahu bara baraan dabalaa kan deeme yoo ta'u, bara 2011 loltootni US dachee Afgaanistaanitti waraanaaf bobbaafaman 110,000 gahaniiru.
Mootummaan Ameerikaa gahee Afgaanistaan keessaa qabu keessa deebi'ee erga ilaaluu eegalee garuu bara darbe loltootni dachee sanatti hafan 4,000 qofa turan.
Ammaan tanammoo loltoota 650 qofatu achitti hafe. Loltootni kunniin achuma turuun dippiloomaatotaaf eegumsa akka godhan Asoosheetid Pirees gabaaseera.
Gabaasni aanga'ootaa kun humnoota duula addaaf bobbaafamaniifi, qaamotaa yeroof qofa duulchifaman hin dabalatu.
Duula Taalibaaniin balleessuu kana keessatti loltoota US'n dabalataan loltootni biyyoota michuu US ta'anii walta'iinsa Nato'n jiranis hirmaataniiru.
Ta'us biyyi hamma US loltoota hedduu duulchise hin jiru.
Nato'n ifatti duula isaa xumuruu kan beeksise Mudde bara 2014 yeroo ta'u, loltoota isaa 13,000 ta'an garuu achuma turanii humnoota Afgaaniif leenjii akka kennan taasiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Duula akka mootummaatti godhameen alattis Ameerikaa keessa dhaabbileen eegumsa nageenyaarratti hojjetanis nuusa bara 2020tti lammiilee US 7,800 Afgaanistaan keessatti qacaruu qorannoon Kongireesii US ibseera.
Amma dhaabbileen dhuunfaa US kunniinis akkasuma humnoota isaanii baasuutti jiru.
Maallaqa hangamiitu baasii ta'e?
Akkuma loltoota duulanii maallaqni guddaa duula Afgaanistaaniif baasii kan godhe Ameerikaadha.
Bara 2010 hanga 2012 gidduu qofa, wayita loltootni US dachee Afgaanistaan jiran 110,000 gahanitti Ameerikaan baasii waraanaa isa olaanaa jedhamu waggaatti doolaara biiliyoona 100 baasuu ragaan mootumma Ameerikaa ni agarsiisa.
Xiyyeeffannoon mootummaa Ameerikaa haleellaa raawwachuurraa gara humnoota Afgaan leenjisuutti yeroo naanna'u ammoo baasiin waraanaas akkaan xiqqaateera.
Hoogganaan humna Ittisaa Ameerikaa bara 2018' tti gabaasa Koongireesiif dhiyeessaniin bara sanitti baasiin waraanaa biyyattii kan Afgaanistaan doolaara biiliyoona 48 ta'uu ibsanii ture.
Akka gabaasa Ministeera humna Ittisaa US'tti bara 2001, yeroo duulli Afgaanistaan eegalee hanga bara 2019'tti baasiin waliigalaa waraanaa Ameerikaa doolaara biiliyoona 778 gahee ture.
Kanaan dabalataan hojiilee deebisanii ijaaruu ejensiiwwan US Afgaanistaan keessatti hojjetaniif ammoo baasiin doolaara biiliyoona 44 baheera.
Baasiin kun lamaan yeroo ida'amu Ameerikaan waliigalatti Afgaanistaan keessatti maallaqa hanga doolaara biiliyoona 822 ta'u baasuu agarsiisa. Kuni baasii buufata opireeshiniiwwan Afgaanistaan irratti xiyyeefatanii kan taate Paakistaan keessatti bahe hin dabalatu.
Qoraannoon Brown University kan bara 2019 ammoo kan Paakisatan keessattis bahe itti dabaluun doolaara biiliyoona 978 akka ta'u tilmaameera.
Waajiraaleen mootummaa akki itti herreega buusan gargaar waan ta'eef baasii isa sirrii herreeguun garuu rakkisaa ta'a.
US'tti aanee loltoota hedduu Afgaanistaanitti kan duulchisan UK fi Jaramaniin walduraa duubaan doolaara biiliyoona 30 fi biiliyoona 19 baasaniiru.
Ammaan tana waraana isaanii guutummaatti Afgaanistaan keessaa baasuu isaaniin walqabatee UK fi Nato'n waliigalatti doolaara biiliyoona afur waggaa waggaan hanga bara 2024 waraana Afgaanistaaniif gumaachuuf waadaa galaniiru.
Bara kana hanga ammaatti Nato'n deeggarsa meeshaalee adda addaa doolaara biiliyoona 72 mootummaa Afgaanistaaniif ergeera.
Baasiiwwan hangi kun gariin hojii biyyattii deebisanii ijaaruu, humna waraanaa Afgaanistaan ijaaruu, hojii bulchiinsaafi misoomaa irratti baasii godhaman

Madda suuraa, Getty Images
Waggoota 10 bara 2009 hanga bara 2019 jiran gidduutti ammoo maallaqni US doolaara biiliyoona 19 ta'u qisaasameera.
Baasiin lubbuu hoo?
Bara 2001 Taalibaanirratti waraanii erga banamee humnoonni waloo waraanicha banan loltoota 3,500 du'aan dhabaniiru, kana keessaa ammoo 2,300 kan ta'an loltoota US dha.
Loltootni UK 450 ta'an waraana kanaan lubbuu dhabaniiru.
Loltootni Ameerikaa waraana kanaan madaawan ammoo 20,660 ta'u.

Madda suuraa, Getty Images
Haata'u malee baasiin lubbuu humnoota alaa kun badiisa lubbuu loltoota Afgaanistaaniifi namoota nagaan gadidha.
Pireesidant Ashraaf Gaanii bara 2015'tti aangoo erga qabatanii hanga bara 2019'tti loltootni Afgaanistaan 45,000 ta'an waraana Taalibaan waliin godhamu keessatti aarsaa lubbuu kaffalaniiru.
Qorannoon Brown University bara 2019 garuu Poolisiifi waraannii Afgaan lola kana keessatti dhumee 64,100 ta'a jechuun tilmaama.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Gaargaarsi miisiyoona Afgaanistaan miidhama namoota nagaarra gahe galmeessuu bara 2009 erga eegalee booda hanga ammaatti namootni nagaan 110,000 ta'an ajjeefamaniiru ykn ammoo mada'aniiru jedha.
















