Afgaanistaan: Taalibaan nama Ameerikaan barbaadamu ministira dhimma keessoo gochuun muude

Dubbi himaa Taalibaan

Madda suuraa, Reuters

Dhiyeenya kana mootummaa Afgaanistaan ari'ee aangoo biyyattii kan qabate Taalibaan mootummaa yeroo hundeessuu isaa ifa godheera.

Haaluma kanaan, aangawoota jajjaboo jiran keessaa tokko dursaa godhee kan filate yoo ta'u, Poolisiin Ameerikaa yakka qoratu (FBI)'n nama barbaadamaa jiru ammoo ministira dhimma keessaa gochuun muudeera.

Hundeessitoota Taalibaan keessaa tokko kan ta'e Mulaah Mohaammed Akhuund mootummaa Taalibaan hundeesse kana kan gaggeessan ta'a.

Hundeessaan Taalibaan kan biroo Mulaah Abdul Gaajinii Baardaar ammoo itti-aanaa ta'a jechuun dubbi himaan Taalibaan gaazexeessitootatti himeera.

Saraajundii Haqaaniin ammoo ministira dhimma biyya keessaa ta'uun muudameera. Namni Saraajundii Haqaanii jedhamu gaggeessaa garee hidhattootaa "Haqaanii Neetwoork" jedhamee waamamuuti.

Haqaanii Neetwoork ammoo dhaabbata shororkeessaa jedhamuun mootummaa Ameerikaatiin kan labsamedha.

"Ummanni biyya keenyaa mootummaan haaraan akka hundeeffamu eeggachaa akka jiru ni beekna," jechuun dubbi himaan Zaabihulaah Mujaahinii jedhaman dubbatan.

Taalibaan Afgaanistaan harka caalu kan to'atan torban sadiin ture.

Namoonni biroon mootummaa Taalibaan keessatti bakka qabatan keessaa Mulaah Yaaqoob tokko yoo ta'an, eeggataa ministira ittisaa, akkasumas ammoo Salaam Hanaafiin ammoo ministira itti-aanaa ta'uun muudamaniiru.

Hooggansa Taaliibaan

Gareen Taalibaan amma Afgaanistaan to'atan eenyu?

Taalibaan jalqaba 1990'oota keessa loltoonni Sooviyeet Afgaanistaan keessaa bahuu hordofuun kan Kaaba Paakistaan keessatti hundaa'edha.

Isaanis dhiibbaasaanii ariitiin dabaluun gandoota hedduu qabachuun booda bara 1996tti magaalaa guddoo biyyattii kan taate Kaabuliin to'atan.

Bara 1998tti ammoo Afgaanistaan harka 90 kan ta'u to'atanii ture.

Gareen kun adabbiiwwan seera Shariyaa cimaa labsanii ture. Warri dhiiraa areeda akka dheerreffataniif, dubartoonni ammoo burkaa gutummaan qaamasaanii dhoksu akka uffataniif ajajaman.

Akkasumas, tamsaasa TV, muziqaafi sinimaa dhorkuun, ijoolleen dubaraa waggaa 10 mana barnootaa akka hin deemneef dhorkan.

Haata'u malee, addunyaa waa'ee Taalibaan kan hubate bara 2001 keessa erga haleellaan 9/11 al-Qaayidaan Ameerikaa irratti raawwateen boodadha.

Isaanis wayita Osaamaa Bin Laadaniifi sochii al-Qaa'idaatiif dahoo kennaniif ture.

Haalli sunis gamtaa waraanaa NATO kan USn hogganamee Afgaanistaan keessatti haleellaa akka Taalibaan irratti fudhatamu eegalamuuf ka'umsa ta'e.

Taalibaanonni ykn afaan Paashtootti ''bartoonni,'' jalqaba 1990taatti wayita loltoonni Sooviyeet Afgaanistaanii bahan hordofee ture kan Kaaba Paakistaan keessatti ka'an.

Gareen kuni amantaa Islaama Sunnii kan leellisaniidha.

Waadaan yeroo sana Taalibaaniin galamee ammoo- tokkicha aangoo yoo qabate, naannolee Paashtun kan Paakistaaniifi Afgaanistaan keessatti argamaniitti, nagaa fi tasgabbii buusuufi gosa shariyaa ykn seera Islaamaa cimaa mataasaanii hojiirra oolchudha.