Dhaabbileen miti-mootummaa 31 waraana Tigiraay ilaalchisee UN'f xalayaa barreessan

Waraana Tigiraay

Madda suuraa, YASUYOSHI CHIBA

Dhaabbileen miti-mootummaa idiladdunyaa 31 naannoo Tigiraayitti beelaa fi waraanni akka dhaabbatu tarkaanfiin akka fudhatamu Barreessaa ol aanaa Dhaabbata Mootummota Gamtoomanii Antooniyoo Guutireezii fi miseensota Mana Maree nageenyaa UN'f xalayaa barreessan.

Dhaabbileen kunneen waraanni Itoophiyaatti mudate akka dhaabbatuu fi fiixee beelaa irratti uummata argamuuf deeggarsi akka hin geenye dhorkaan kaa'ame akka ka'uuf gaafatan.

Xalayichi marsariitii jaarmiyaa 'Global Center For the Responsibility to Protect' jedhu irratti kan bahe yoo tahu, dhaabbilee kanneen keessaa Axis Books, Alliance for Peace Building Association of Concord Africa Scholars, Ethiopian Community Develeopment kanneen jedhaman argamu.

Barreessaa ol aanichi Mana Maree Nageenyaa UN dabalatee Gamtaa Afrikaa fi kaan irratti dhimma Tigiraay irratti xiyyeeffachuun qaamolee walitti bu'insicha keessatti hirmaatanis hirmaachisuun beela 1977 mudate caalaa hammaataa deemuu isaa hubachiisuu qabu jedhan.

Waraanichi haleellaa saalaa fi beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu akkasumas sarbama mirga namoomaa bal'aa tahe fayyadamaa jira jedhaniiru xalaayaa dhaabbileen kun waloon barreessan irratti.

Haalli kunis mootummaan Ameerikaa yakka waraanaa, yakka namoomaa irratti raawwatan, fi duguuggaa sanyii raawwatamuu isaa baruuf qorannoo akka jalqabu dirqisiiseera jedhan.

Qorannoon kunis qorannoo Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin gaggeessan cinatti gaggeefamaa akka jiru himan.

Waraannichi gara naannolee ollaattis bal'achuu himuun Ruwaandaa, Burundii, fi Daarfuritti gochaawwan sanyummaan salphisanii fi jibbinsaan guutaman haalli nama yaadachiisuun biyyattiitti ijaarsa hawwaasummaa ishee diiguuf akeekeera jechuun xalayicha barreessan.

Dabalataan bu'uuraaleen misoomaa naannoo Tigiraayitti adda citanii fi tajaajilli qunnamtii akka deebi'anii fi dhorkichi akka gahu gaafataniiru.

Kana malees daandiiwwan gurguddaan cufamuun filannoon jiru naannoo Affaar keessa qofa darbuu tahuu himan. Haa tahu malee konkolaattotni deeggarsa fe'anii galanii fi UN beela ittisuuf ergu %6 qofa jedhan.

Ji'a Adooleessaa keessa 'Famine Early Warning System Network' ibsa baaseen uummanni miliyoona 5.2 tahan hanqina nyaataa hamaa taheef saaxilamuu ibsuun kunis dhukkubaafi lakkoofsa sababa rakkoo kanaan du'anii dabaluu danda'a jedhera.

Waraannichi gara naannolee ollaa Amaaraa fi Affaaritti babbal'achuun isaa ammoo namoota walakkaa miliyoonaa tahan qe'ee isaanii irraa buqqisuun jireenya namoota hedduus balaa irra buuseera.

Xalayichis uummataa fi biyyattii kufaatii irraa oolchuuf tarkaanfilee fudhatamuu qaban afur ibseera.

Dhukaasni Dhaabuu namoomaa labsamuun humnootni hundinuu naannoo Tigiraayii fi naannoo ishee keessaa akka bahan, mootummaan Itoophiyaa dhorka dhiyeessii namoomaa akka kaasuu fi dhiyeessiiisaa irratti adeemsota gufuu tahan akka dhabamsiisu gaafatan.

Yakka waraanaa fi sarbama mirga namoomaa fi seerota namoomaa idil-adunyaa caban to'attootni idil-adunyaa fi qaamni walabaa akka qorannoo akka jalqabu, dhiibbaa akka godhuu fi qaamolee akka TPLF kan hammate mariin biyyaalessaa akka godhamu gaafatan.