Waraana Tigiraay: Tigraayitti uummatni 'beelaan du'aa jira' jedhan hoogganaan WFP

Hoogganaa WFP David Beasley

Madda suuraa, Getty Images

'Tigraayitti uummatni beelaan du'aa jira' jedhan Daarekterri Olaanaan Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) Deevid Biislii.

''Yeroon dhumaa jira. Rakkoo suukanneessaa kana hambisuuf deeggarsa namoomaa dhorkaa malee dhiyeessuu qabna,'' jedhan hoogganaan kun ergaa fuula Twitter isaanii gubbaatti maxxansaniin.

Guyyootaan dura Lixa Tigraayitti jiraattotni Qaaftaa Humaraa BBC'n dubbise, waan nyaatan fixanii ''fiixee beelaarra jirra'' akka jiran himaniiru.

Jiraattotni kun shiftootni qaabeenyaafi horii isaanii saamanii waan nyaatan tokkollee akka hin hambisneef ibsan.

Qondaalli UN kun ergaa guyyaa Kibxataa maxxansaniin, qaamoleen hunduu dhimma kana irratti waan gaarii hojjechuu akka qabanillee dhaaman.

Waraanni naannoo Tigiraay keessaa erga jalqabee irra caalaan uummata naannichaa deeggarsa namoomaa akka barbaadan dhaabbileen idil-adunyaa deeggarsa namoomaa dhiyeessan himaa turan.

Haaluma wal fakkaatuun Barreessaan Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez ''naannoo Tigraay keessa bakki hedduun fiixee beelaarra jiru'' jechuun dhiyeenya dubbatan.

''Maallaqni deeggarsaaf oolu saffisaan yoo dabalaa adeemeefi ulaan deeggarsi itti dhiyaatu fooyya'e malee haalichi kana caalaa hammaachaa adeema,'' jedhan Antooniyoo Gutaareez dhaamsa Tiwiitara isaanii gubbaa maxxansaniin.

Itti dabalanuunis, takaanfiin amma fudhannu uummata hedduuf dhimma jiraachuufi du'uutii jechuun ibsan.

Faawundeeshiniin Nagaa Addunyaas qorannoo dhiibbaa waraana Tigraayiin qaqqaberratti taasiseen waraanni naannichatti gaggeeffame diinagdee fi sirna nyaataa naannichaa guutummaatti mancaaseeraa jedheera.

Gabaasa UN torban darbe keessa baaseen ammoo uummata naannoo Tigiraay keessa jiraatu miiliyoona 5.7, kunis gara %90 ol tahu deeggarsa idiladdunyaa eega.

A farmer with a crop in Tigray, Ethiopia

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattonni lixa Tigraay oomishni isaanii miilishootaan akka saamame, himuun waan dhokfataniin jiraachaa akka jiran himan

Dhiyeenya Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii, mootummaan Ameerikaa, Gamtaan Awirooppaafi dhaabbileen idiladdunyaa waraanni dhaabatee deeggarsi namoomaa akka dhiyaatu waamicha dhiyeessaa turan.

Dhaabbatni Mootummoota Gamatoomanii UN guyyoota dura beelli akka bara 1984 naannoo Tigraay keessatti mudachuuf akka jiru akeekkachiisee waraanni akka dhaabatu gaafatee ture.

Waajirri Ministira Muummee ibsa Kamisa darbe miidiyaaleef kenneen deeggarsa namoomaa dhiyeessuun walqabatee marsaa jalqabaatiin namoota miiliyoona 4.5 ta'aniif, marroo lammataatti namoota miiliyoona 4.3 ta'aniif gargaarsi taasifamuun ibsameera.

Deeggarsi nyaataa meetiriik toonii 166,000 ta'u birrii biiliyoona 5.2'n bitamee raabsamera jechuunis Pirees Sekireetariin Waajira MM Billenee Siyyuum himaniiru.

Waraanni naannoo Tigiraay keessatti humnoota TPLF fi mootummaa Federaalaa gidduutti taasifamaa jiru amma ji'oota torba kan lakkoofsise yoo tahu, namootni 63,000 ol tahan gara biyya ollaa jirtu Sudaanitti baqataniiru.

Miliyoonotaan kan lakkaa'amanis biyyuma keessatti qe'ee isaanii irraa akka buqqa'an gabaasotni dhaabbilee deeggarsa namoomaa ni eeru.