'Tigraay keessa bakki hedduun fiixee beelaarra jiru'-Antooniyoo Gutareez

Madda suuraa, Reuters
Barreessaan Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez ''naannoo Tigraay keessa bakki hedduun fiixee beelaarra jiru'' jedhan.
''Maallaqni deeggarsaaf oolu saffisaan yoo dabalaa adeemeefi ulaan deeggarsi itti dhiyaatu fooyya'e malee haalichi kana caalaa hammaachaa adeema,'' jedhan Antooniyoo Gutaareez dhaamsa tiwiitara isaanii gubbaa maxxansaniin.
Itti dabalanuunis, takaanfiin amma fudhannu uummata hedduuf dhimma jiraachuufi du'uutii jechuun ibsan.
Faawundeeshiniin Nagaa Addunyaas qorannoo dhiibbaa waraana Tigraayiin qaqqaberratti taasiseen waraanni naannichatti gaggeefame diinagdee fi sirna nyaataa naannichaa guutummaatti mancaaseeraa jecheera.
Gabaasa Waxabajjii 8, 2021 baaseen ''Uummatni Tigraay, Itoophiyaa keessa jiraatu rakkoo namoomaa guutummaatti nama-tolchee ta'een dararamaa jiraa'' jedheera.
Beelli mudachaa jiru ji'oota muraasa keessatti uummatni miiliyoona 5.7 ta'u guutummaatti deeggarsa idila addunyaa akka eegu sadarkaa dirqamsiisurra gahuu akka danda'uus ibseera.
Ergamaan adda ittisa beelaa mootummaa UK kan dhiyeenya Itoophiyaa daawwatanii deebi'an Niik Daayer, uummatni Tigraay miiliyoonotaan fiixee beelaarra jira jechuu isaanii Bluumbeerg gabaaseera.
Aanga'oonni naannichaa ''beelli eegaleera'' jechuun itti himuun isaaniis gabaafameera.
''Waan nyaannu hin qabnu''
Lixa Tigraayitti jiraattotni Qaaftaa Humaraa BBC'tti yoo dubbatan waan nyaatan fixanii ''fiixee beelaaarra jirraa'' jedhaniiru.
Jiraattotni kun shiftootni qaabeenyaafi horii isaanii saamanii waana nyaatan tokkollee akka hin hambisneef ibsan.
Jiraattotni naannoo sanii deeggarsa namoomaa argachuuf jecha gara Shiree imaluu kan hawwan ta'us, sababa hidhattoota dhiyeenya isaanii to'atanii jiraniin geejibni rakkisaa ta'uus dabalanii dubbataniiru.
Jiraataan nageenya isaaf sodaatee eenyummaa isaa hin ibsine kan BBC'n dubbise ''Namni deeggarsa nuu kenne hin jiru. Namni hunduu fiixee du'aarra jira, haalichi hammaataa jira'' jedhe.
Haalichi kana caala hammaachuu isaan dura mootummaafi dhaabbileen gargaarsaa deeggarsa akka godhaniifis gaafateera.
Konkolaataan deeggarsa fe'anii naannoo isaanii qaxxaamuranii kan darban ta'us haala isaan keessa jiran kan gaafatuun akka hin argamne dabalee dubbateera.
Naannoon Kaaftaa Humaraa erga Sadaasa darbee milishoota naannoo Amaaraafi human addaan to'atamee jira.
Jiraattotn Tigraay laaftee waan jirtuuf lafa san naannoo Amaaraatti makuuf hojjetu jechuun humnoota naannoo Amaaraa komatu.
Godinaalee Lixaafi Kibbaa naannichaa naannoo Amaaraa bulchu keessa haalli jiru maal akka fakkaatu quba akka hin qabne miseensi bulchiinsa yeroo Tigraay amma dura BBC'tti himanii turan.
Dhiyeenya Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii, mootummaan Ameerikaa, Gamtaan Awirooppaafi dhaabbileen idila addunyaa waraanni dhaabatee deeggarsi namoomaa akka dhiyaatu waamicha dhiyeessaa turan.
Dhaabbatni Mootummoota guyyoota dura beelli akka bara 1984 naannoo Tigraay keessatti mudachuuf akka jiru akeekkachiisee waraanni akka dhaabatu gaafatee ture.
Hoogganaan deeggarsa namoomaa Dhaabba Mootummoota Gamtoomanii Maark Lowkook gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin naannoo Tigraay keessatti namootni kumoota dhibbaan lakkaawaman ammallee beelli isaan mudateeraa jedhan.
Lowkook qaamoleen waraana baataniifi hooggantootni siyaasaa isaanii deeggarsi namoomaa namoota miidhamaa jiran bira akka gahu ulaa garagaarsaa banaa gochuu qabu jechuunis gaafataniiru.
Waajira Ministira Muummeetti ibsa Kamisa darbe miidiyaaleef kenneen deeggarsa namoomaa dhiyeessuun walqabatee marsaa jalqabaatiin namoota miiliyoona 4.5 ta'aniif, marroo lammataatti namoota miiliyoona 4.3 ta'aniif gargaarsi taasifamu ibsameera.
Deeggarsi nyaataa meetiriik toonii 166,000 ta'u birrii biiliyoona 5.2'n bitamee raabsamera jechuunis Pirees Sekireetariin Waajira MM Billenee Siyyuum himaniiru.












