Waraana Tigiraay: Falmiin duguggaa sanyii Itoophiyaa maaliif kan qalbii hiru ta'uu maluuf

Paatiriyaarkii mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa Abuuna Maatiyaas

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Paatiriyaarkii mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa Abuuna Maatiyaas
    • Barreessaa, Aleeksi De Waal
    • Gahee, Xinxalaa Afrikaatiin

Paatiriyaarkiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas dhiheenya kana duguuggaan sanyii Kaaba biyyattii Tigiraayitti raawwatamaa jira jechuunsaanii falmii kaase ture.

Qulqulluu Abuna Maatiyaas kan dhaloonni isaanii Tigiraay irraa ta'an, waraanni baatii Sadaasaa keessa loltoota mootummmaafi TPLF gidduutti erga dhalate kaasee ’’afaanii saanii ukkamfamuufi sodaadhaan dubbachuu akka hindandeenye’’ himan.

Ibsi Abuuna Maatiyaas miiraan makame kennan dhalattoota Tigiraay kanneen waraana naannichatiin miidhaman biratti fudhatama argate. Sababii waraanaa gaggeeffameetiin namoonni miliyoona lamaa ol qe’eesaanirraa buqqa’aniiru.

Mormiin addunyaa guutuufi karaa miidiyaalee hawaasaatiin cimeen miseensooni diyaaspooraa kan Tigraayitti mudate duguuggaa sanyiiti jedhan irratti tokkummaan duula mormii gaggeessaa jiru.

Mootummaan Itoophiyaa garuu gabaasaalee ajjeechaa jumlaatu raawwate jedhan dubbii arbeessuufi kaayyoo siyyaasaaf wanta taasifamudha jechuun kuffiseera. Sinidoosiin Ortodoksii aadaa caasaa bataskaana Itoophiyaa cabsuun, ibsa paatiriyaarikichaa irraa of fageesseera.

Akkuma barameetti duguuggaan sanyii jechuun yakka yakkoota-kitaabota keessatti yakka hunda caala hamaa ta’uun kan ibsameedha.

Dheekkamsa guddaa dammaqsuu kan danda’uudha -kanneen duula farra duguuggaa sanyii gaggeessan duguuggaa sanyii dhaabsiisuudhaaf tarkaanfii waraanaa dabalatee, deebiin sadarkaa idil-addunyaatiin addatti akka fudhatamu qabu gaafatan.

Awwaalaan namoonni 81 loltoota Itoophiyaafi Ertiraatiin ajjeeffaman itti awwalaman biraatti bohaa turan Magaalaa Wukroo kaaba Maqaleetti Guraandhala 28, 2021.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Waraana naannoo Tigraayitiin namoonni hedduun ajjeefamaniiru

Jecha ’duguuggaa sanyii’’ jedhu yeroo jalqabaatiin kan itti fayyadamee nama sanyii Jiwishii fi ogeessaa seeraa Poolish, Rafa’eel Lemkiin yoo ta'u, yakka sukkanneessaa addaa Naaziin dhala namoota hundarratti raawwate ibsuuf itti gargaarame.

Sana booda wayita Dhaabbanni Biiyyoota Gamtoomanii konveenshinii duguuggaa sanyiin bara 1948tti raggaasise jechi kun iddoo addaa akka argatu taasifame.

Haasaa jibbinsaa

Dhaddacha qondaaltoonni olaanoo Naazii Nuremberg irratti, abbootiin alangaa himatamtoota irratti himannaa yakka farra namoomaa irratti dhiyeessanii ture.

Innis akka sarbamawwan itti yaaduun mootummaa ykn dhaabbilee motummaa fakkaataniin raawwatu jechuun hiike.

Duguuggaan sanyii yakka gosa addaa, kanneen kan qaama yakka raawwatan: ‘’guutummaa ykn walakkaa biyyaa, sabaa, qomoo ykn garee hordooftoota amantiin tokko balleessuuf kaayyeessuu’’ jedhamee ibsama.

Amma yoonaatti dhaabbilee mirga namoomaa yakki farra dhala namaa tarii Tigiraay keessaatti raawwachuu hin oollee jedhan. Kunis tarii geeddaramuu mala ta’a.

Miidiyaaleen Itoophiyaa muraasni dhalattoota Tigiraay irratti jechawwan loogii qaban fayyadamuun, dhalattoonni saba Tigiraayi hundi akka TPLF kan waggoota 27 aangoora turee waliin haala walfakkaatuun akka ibsan himama.

TPLF ganna 25 oliif aangoo sadarkaa federaalaa Itoophiyaatti qabatanii kan turan wayita ta’u, MM Abiyi Ahmad bara 2018 aangoo qabachuu hordofee walduraa dhaabaannaa tureen waraana Tigiraayitti ce’e.

Jechoonni kabaja namoomaa namarraa mulqan ’’waraabessa guyyaa fi kanneen biroos’’ jibba kakaasuuf itti fayyadamu.

2021/04/25: Protesters gather while holding Tigray flags during the demonstration. Thousands of people marched through Central London in protest of what the demonstrators call Ethiopia's and Eritrea's "genocidal war" on the region of Tigray.

Madda suuraa, Getty Images

Dhalattoota Tigiraay sanyii fo'uun hojii mootummaafi waraana keessaa dhorkuu, imala, daldalaa fi bakka jireenyaatti daangessuun akka raawwate gabaasonni ibsan jiru.

Sarbamiinsi mirgaa kunneen ofiisaanii akka yakkoota sukanneessaa kanneen akka ajjeechaa, gudeeddii ykn beelessuu miti, garuu dhimma duguuggaa sanyiitiif bu’uura ta’u.

Kana malees, ajjeechaan jumlaa gartuu lola keessa jiran hundaan raawwatamuu gabaasonni agarsiisan jiru.

Yakka duguuggaa sanyii ta’uufi dhiisuun kan murtaa’u dhaddacha yakkamtoonni sadarkaa olaanaa itti dhiyaatan Mana Murtii Yakkoota Idil-Addunyaatiin (ICC) dha.

Haata'u malee, Manni murtichaa galmee kana ilaaluuf, murtoo Mana Maree Tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii barbaachisa.

Kun immoo shakkii Afrikaanonni mana murtichaa qabaniifi ejjannoo Raashiyaa fi Chaayinaan qabaniin waan ta'u hin fakkaatu.

Hoggannaan Itoophiyaa duraanii duguuggaa sanyii yakkamaa ta'e

Tarii malli biraa lammii Itoophiyaa lammummaa biyya biraa qabu seeratti dhiyaachuu mala.

Tarii ibsawwan miidiyaarra jiran akka kakaasuutti ilaalamu malu ta'a. Yookiin abbootiin seeraa biyyoota dhaddacha banaa (universal jurisdiction) qaban kanneen akka Beeljiyeemifi Firaans ajaja ittiin qaban baasuu danda’u ta’a.

Itoophiyaan ofuma isheetiif kanaan dura duguuggaa sanyii seeraan dhorkiteetti. Seerri adaba yakkaa biyyattii bara 1957 ''gartuuwwaan siyaasaafillee’’ dabalatee duguggaa sanyii akka hinraawwaneef eegumsa godha.

Itoophiyaan wixinee seeraa Lemkin tokko jalqabarratti waliigaltee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif dhiyeessetti sababii gargaaramteef gama seeraan sirrii ture.

Boodarra garuu Gamtaan Sooviyeet gartuun siyaasa keessatti hammatamu akka hinqabne cimsitee kaasurratti qiyyaafatte.

Konkolaataa waraanaa barbadaa'ee daandii gara maqalee geessuu Guraandhala 26, 2021

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Tigraay lolichaan baay'ee miidhamte

Lemkin mataansaa waa'ee soorata dhorkachuun akka duguuggaa sanyiitti ilaalamuusaa yaaddoo akka qabu kaasee ture.

Kitaaba isaa ‘Axis Rule‘ jedhu keessatti, imaamanni Naazii gaazii summaa’aan ukkaamsee ajjeesuufi hidhattootaan ajjeesisuu caalaa namoonni soorata akka hinarganne gochuun sadarkaa beelessuu irratti xiyyeeffachuun bakka caalaa kennuun kaase.

Jechi 'yakkawwan beelaa' jedhus Birdget Konliy nama jedhamuun walitti fuudhame, booda ammoo beelessuun akka meeshaa waraanaatti gargaaramuu, cunqursaafi adabbiif akka oole karaa hedduun ibseera.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii, Ameerikaafi UK’n torban kana keessa beelli hamaan Tigiraayitti dhufuu mala jedhanii akeekkachiisaniiru.

Haalichi kan hammaate ’’yakka beelessuu’’ kanneen akka waraanaan qabeenyaa saamuu, humnaan qe’eerraa buqqisuu, soorataafi bishaan mancaasuu, dhaabbilee fayyaa balleessuu, yakki gudeeddii ofiifi ijoolleesaanii kunuunsu irraa isaan dhorkeefi deeggarsa namoomaa kennamu danquu kan hammatuudha.

Waggaa 30’n dura Itoophiyaan waajjira abbaa alangaa addaa hundeessuun hogganaa biyyatti duraanii Mangistuu Haayilamaariyaam siyaasaafi jecha duguggaa sanyii raawwachuusaa himachuuf murteessite.

Bulchiinsi yeroo sanaa dargaggoota kuma kudhanitti lakka’aman bara 1977-78tti paartilee siyaasaa biraa wajjin hariiroo qabu jechuun ajjeesurratti kan xiyyeeffame ’’goolii diimaa" ykn ‘’Red Terror" jedhameen beekama.

Namoonni miliyoona lamaa ol ta'an qeerraa buqa'aniiru

Madda suuraa, AFP

Mangistuun iddoo qaamaan hin dhiyaanneetti ganna 40 booda jechuunis bara 2007 duguuggaa sanyii raawwachuun balleessaan itti murame.

Kanneen akka itti muramu duula gaggeessan amma abbaan seeraa murtee kana dabarsutti eeguullee hin dandeenye ture.

Rakkoo jiru ibsuuf rogeeyyiifi dippiloomaatonni jechoota haaraa sabaa miidhuurratti qiyyaafachuu ibsuu kalaquutti ce’an.

Yugooslaaviyaan bara 1990 keessa akkuma diigamteen jechi ’’duguuggaa sanyii’’ jedhu kalaqame.

Kunis seera keessatti keeyyataan hin kaa’amne - gochoonni akka qiyyaafatanii ajjeesuu, gudeeddii, dirqamsiisuun qe’eerraa godaansisuu saba tokko dhabamsiisuuf danda’an qabiyyee gochoota duguuggaan sanyii ofkeessaa qaburraa adda miti.

Jalqaba bara kanaatti gabaasni keessoo Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa waraana Tigiraay’’ duguuggaa sabaatii’’ jedhee ibse.

Waraana Yugoslaaviyaa waggaa booda ergamaan addaa dhimma yakkaa waraanaa duraanii Ameerikaa Deevid Iskufer jecha ’’atrocity crimes’’ falmii seeraa bu’uura hin qabne dhimmoota duguuggaa sanyiiirraatti dhiyaatu hambisuuf itti gargaarame.

Iskufer ’’mootummoonnifi dhaabbileen idil-addunyaa tarkaanfii fudhachuuf yakkoota duraan seeraan adda baafaman, kanneen yakkoonni duguuggaa sanyii dhugumatti raawwachaa jiraachuu ykn raawwachuu akeekani qofaan daangeffamuu hin qabani’’ jedhee falme.

Jeequmsi sabaan walqabatu iddoon hin daangeffamne hin jiru.

Daa'iiman balaa jireenyasaanii guutuu baqattummaan dabarsuurratti argamu

Madda suuraa, Getty Images

Walitti bu’iinsi akkasii Itoophiyaa keessatti bal’ateera, kunis hawaasa garaa garaa dabalata.

Naannoo sabaan adda bahan gidduutti waldhabbiin daangaa jiraachuufi kanneen lakkoofsi isaanii muraasa ta'eefi naannoo biraa keessatti kaanin dhuunfataman akkam ta’u qabu dhimma jedhurrattis wal dhabbiitu jira.

Jeequmsi akkasi saboota akka Oromoo, Amaaraa, Somaalifi Gumuz keessatti dabalaa dhufuun yakki sukanneessaan raawwatamu kanneen himatan keessatti argamu.

Duula farra yakkoota sukkanneessa Daarfur keessatti raawwwatamanii sadarkaa addunyaatti bara 2004 ture jecha ‘duguuggaa sanyii’’ jedhurratti kan xiyyeeffate ture.

Rogeeyyiin yakkoota suukanneessaa duguuggaa sanyiitii jedhanii waamurratti xiyyeeffatan; akkaataa isaan yaadanitti mootummoonni haala kanaan yoo kan hubatan ta’e loltootasaanii garasitti erguun barbaachisuu mala jedhanii yaadu.

Mallattoon hiriirtonni mormii Waashingteen D.Ctti bahan tokko akkas jedha "Out of Iraq, Into Darfur!’’ ykn ''Iraaqii bahaa gara Daarfuritti ergaa'' akka jechuuti. Dhugumatti dirqamni akkasii hin jiru.

Qorannoon gargaarsa Dippaartimeentii Ameerikaan gaggeeffame waraanni Sudaanifi hidhattoonni isaan wajjin hidhata qaban Jaanjawiid gocha yakka duguuggaa sanyii raawwachuusaanii mirkanneesseera.

Sana booda Ministirri Dhimma Alaa duraanii Ameerikaa Koolin Paawol gabaasicha fudhatan.

Haata’u malee, argannoon qorannoo sanaa imaammata Ameerikaa gargaarsa namoomaafi ergama nagaa eegumsa akkasuma waliigaltee nageenyaarratti fuulleeffatu akka hin geeddarsiifne dubbatan.

Falmii duguuggaa sanyiirratti dhiyaatu

Daarfuritti falmiin yakkoonni sukanneessaan duguuggaa sanyii ta’uufi dhiisuu jedhuurra ture yakkoonni sukanneessan akka hin raawwatamne dhaaburratti wan hojjatamuu qabu danqe.

Ameerikaan ‘’duguggaa sanyiitti'' ramaduun akeeka qaba ture, taatullee Komishiiniin Dhaabbata Biyyoota Gmtoomaanii dhimma Daaarfur qorate duguuggaa jechuurra of qusate ture.

Ministeerrii Dhimma Alaa Sudaaan jechoota ’’akka malee hammaataa fi duguuggaa sanyiitii olitti sukanneessaa ta’etu raawwatame’’ jedhu otoo qorannicha keessatti hin hubatiin dhimma kana akka injifannootti labsatee ture.

Abukaatoon Mana Murtii Yakkamtoota Idil-Addunyaa(ICC) boodarra Pirezidant Omar Hasan al-Bashiir yakka duguuggaa sanyii fa’aa of keessatti haammatuun himachuun akka hidhaman nagayee irratti baasanii turan.

Bashiir aangorraa fonqolchamuun, waggaa lama dura qondaalota biyyattiin hidhaman. Taatullee ICC’f dabarfamanii hin kennamne.

Himannaan hogganaa gartuu hidhattootaa Ali Abdu Rahmaan ’’Kushaayib’’ Caamsaa 24 ICC'tti eegaleera.

Yakkoonni farra dhala namaafi waraanaa 31 irrattii dhiyaateera- taatullee yakka duguuggaa sanyii miti, yakka kana mirkaneessuutu jabaata jedhu ogeeyyiin seera.

Yoo Bashiir dhaddacha ICCtti dhiyaatan, abukaatonni himannaa yakka duguuggaa sanyiin qorachuu malu.

Ammatti qondaalonni olaanoo soorama bahan dabalatee kanneen ammas hojiirra jiran Waashingten DC tti kanneen falmii jabduu dhimma Yuugoslaaviyaa amma Daarfurritti jirurratti kaasaan dabalata.

Kamiisa Seenetiin Ameerikaatti koreen dhimma alaa haala Tigiraayi keessa jiru Darfur keessa kan tureen wal fakkeese.

Dhimmichi wayita ilaalamaa turetti qondaaltoonni dippaartimentichaa qoqqobbii maallaqaa qondaaltoota Itoophiyaa yakkooota sukaanneessa raawwatame dhaabsiisuu dadhaban jedhanirratti buusuuf akka yaadaa jiran kaasaniiru.

Dippaartimentiin Ameerikaa kun akka jedhutti, gartuun ogeeyyii seeraa yakkoonni sukanneessan raawwataman yakkoota farra namoomaa ta’uu akka danda’uufi dhiisuu qorataa jiraachuu hime.

Haata’u malee, yakka duguuggaa sanyii ta’uufi dhiisuu ilaaluuf garuu fedhii xiqqaatu jira.

Sababni isaammoo furmaanni akka argamuuf saffisiisuu caalaa dheekkamsa uuma sodaa jedhuurra ka’uudhaani.

Short presentational grey line

Aleksi de Waal Faawundeshinii Nagaa Addunyaa kan Mana Barnootaa Seeraa Fletcher fi Dippilomaasii kan Yunvarsitii Tufts US keessa'tti Daarektar Olaanaa fidha