Waraana Tigraay: Tarkaanfiin Ameerikaa tibbanaa diinagdee Itoophiyaa hammam miidha?

Itoophiyaan wagga waggaan Ameerikaa irraa deeggarsa kallattii garaagaraan taasifamu gara doolaara biiliyoona tokkootti dhiyaatu argatti.
Tarkaanfiin dhorkaa viizaa fi deeggarsa dhaabuuf tibbana Ameerikaan fudhatte garuu fuula michummaa isaanii waggoota dheeraa jijjiiruun hangafummaa Itoophiyaan baha afrikaa keessatti qabdu harkaa baasuu danda'a jedhuu hayyoonni dinagdeefi siyaasaa.
Ameerikaan lola naannoo Tigiraay keessatti gaggeefameen rakkoo lammiilee nagaa irra loltoota mootummaafi Eertiraan gahaa jiru jette hordofuun qondaalota mootummaa Itoophiyaafi Eertiraa irratti dhorkaa viizaa dabarsuu himteetti.
Gama biraan tarkaanfin deeggarsa tokko tokko dhaabuufi qoqoobbiin dinaagdee jiraachuu akka malus akkasuma ibsiteetti. Mootummaan Itoophiyaa gama saatiin Ameerikaan tarkaanfii kana irra deebiin akka ilaaltu gaafateera.
Garuu qondaalonni mootummaa olaanoo dabalatee namoonni kaan tarkaanfii Ameerikaa kana salphisanii ilaaluun miidiyaa hawwaasaa irratti barreessaa turan.
Ogeessonni dinagdee akka jedhaniiti Itoophiyaan adunyaa irraa deeggarsa argachuudhaan Afgaanistaanitti aantee biyya lammaffaa, Afrikaa irraa ammoo deeggarsa alaarratti hirkachuun 1ffaadha.
Kanaaf tarkaanfiin Ameerikaa deeggarsa dhaabuu jedhuufi qoqqobbii dinagdee karoorsuu kun dinagdee biyyaarratti dhiibbaa akkamii fiduu mala? Tarkaanfiin Ameerikaan amma fudhatte kanumaan dhaabbataa?
Michoonni Ameerikaa kaan tarkaanfii wal fakkaataa yoo fudhatan dhiibbaan isaa hoo maal tahuu mala? Ogeessota dinagdee fi xiinxaltoota siyaasaa dubbisuun kan qindeessine kunooti.
Tarkaanfichi deeggarsa dhaabuu immoo qoqqobbii dinagdeeti?
Ameerikaan lola naannoo Tigiraay keessatti raawwateen balleessaan hojjetameera jechuun akka sababaatti ibsuun tarkaanfii dhorkaa viizaa qondaalota siyaasaa mootummaa tokko tokko, ajajoota waraanaa dirree irraafi haalicha keessatti hirmaatan jetteen Itoophiyaa fi Ertiraa irraa akka biyyashee hin galle viizaa dhorkachuu himte.
Maqaa fi eenyummaan qondaalota kanneenii ifatti hin beekamne. Gama biraan ammoo deeggarsa Itoophiyaaf gochaa turte akka irraa dhaabdu himteetti.
Abduu Mennaan UK Yuunvarsiitii Edenbiraa [School of Business and Economcs] keessatti PhD isaanii hojjetaa kan jiran yoo tahu, waraqaan qorannoo isaaniis dinagdeefi faayinsaansii Itoophiyaa irratti fulleeffata.
Tarkaanfiin Ameerikaan fudhatte kan dippilomaasii fi dinagdeeti jedhan. Dhorkaan viizaa gama siyaasaafi dippilomaasiin kan ilaalame yoo tahu, deeggarsa dhaabuu ammoo gama dinagdeen jedhan.
Ayyalee Galaan [PhD] ogeessa dinagdeefi Qorannoo Saayinsii Institiyutii Kuweeti irraa kan tahan gama isaaniin, tarkaanfiin Ameerikaa ammatti qoqqobbii dinagdee guutuu akka oomisha garaagaraa biyyoota kaan irraa hinbitanneefi hin gurgurre dhorku miti jedhan.
Garuu yoo Itoophiyaan wantoota akka sirreesitu gaafatamte didde, Ameerikaan qoqqoobbii kanas akka fudhachuu dandeessu wantoonni akeekan jiru jedhan.
''Tarkaanfiin amma fudhanne jijjiirama akkamii fide jedhanii ilaalu. Yoo jijjiirama hinqabu tahe. Maal wayya jedhanii tarkaanfii ittaanutti ceena jechuu danda'u.''
Qondaalonni mootummaa Itoophiyaa tokko tokko dhorkaa viizaa jedhu salphisanii yoo dubbataniifi barreessaan miidiyaalee hawwaasaafi kaan irrattis mul'ataa ture.
Garuu dubbii himaan ministera haajaa alaa Itoophiyaa, Ameerikaan murtooshee irra deebiin akka ilaaltu gaafataniiru.
Mootummaan Itoophiyaa fi Eertiraa loltoota Eertiraa naannoo Tigiraayii akka bahan Ameerikaan gaafachaa turte baasuuf waliigaluu ibsanis hanga ammaatti gara hojiiti akka hin hiikamne ibsama.
Ameerikaan erga tarkaanfii kana fudhettee pirezidaanti Jooy Baayiden lola naannichatti gaggeeffamaa jiruun baayyee yaaddahuu ibsuun akka dhukaasni dhaabbachu qabu Caamsaa 27, 2021 dhaamaniiru.
Qoqqobbiin kun dinagdee Itoophiyaarratti dhiibbaa akkamii qaba?
Hayyuun dinagdee Ayyalee Galaan [PhD] akka ragaaleen Baankii Adunyaa agarsiisanitti Itoophiyaan adunyaa irraa gargaarsa biyyoota biraarraa argattuun Afgaanistanitti aantee lammaffaa, Afrikaa irraa ammoo jalqabarra jirti jedhan.
Kanaanis namootni miliyona 8 ol tahan kallattii sagantaa gargaarsa adda addaan kan akka 'Productive Safety Net Program' jalatti waggaa waggaan deeggarsa argatu jedhan. Walumaagalaan namoota miliyoona 20tti siiqantu deeggarsa alaa galu maqaa misoomaatin tahu fudhachuun gargaarama jedhan.
''Bara 2019 qofa Itoophiyaan karaa Baankii Adunyaa deeggarsa doolaara biliyoona 4.8 argatteetti. Bara sana adunyaa irraa biyyi deeggarsa kana argatte hinjirtu jedhan.
Gargaarsa biyyoonni Saharaan gadii argachuu qaban keessaa Itoophiyaan qofaashee gara %9 argatteti jechuudha.''
UK Yuunvarsiitiin Edenbiraatti PhD isaanii barataa kan jiran Obbo Abdu Menan ammoo A irra caalaan deeggarsi meerikaan Itoophiyaaf taasiftu deeggarsa namoomaati jedhan.
Kun gara %90 ol tahu danda'a jedhan. Deeggarsi kun ammas itti fufuun kennama. ''Deeggarsi kaan hanga kana tahuu baatus biyya hanqina sharafa alaan rakkattuufi dinagdeenshees liqaa irratti hirkateef salphaa miti'' jedhan.
''Waggaatti gara doolara biliyoona tokko tahu karaa ejansii adda addaatiin deeggarsa Itoophiyaaf kennu. Kana keessaa %90 deeggarsa namomati. Kan dinagdeefi humna ittisaaf kennan xiqqaadha. Bara 2019tti humna ittisaaf doolaara miliyoona jaha kennan,'' jedhan.
Obbo Abduun dinagdeen Itoophiyaa deeggarsaafi liqaa irratti kan hirkatedha. ''Doolara hamma kanaa miti osoo Birrii taheeyyuu dinagdee Itoophiyaa irratti dhiibbaa qaba. Gaafa deeggarsi humna ittisaa irraa hir'atu mootummaan damee kan biraarraa hir'ise haguuga, kun ammoo uummata hiyyeessa miidha.''
Itti dabaluun baasiin Itoophiyaa waan baay'atuuf dinagdee biyyaa irratti xiqqoo dhiibba qaba. garuu dinagde waliigalaa al takkaatti hin miidhu. Isaanis erga dabarsuf malee akka dinagdeen biyyattii hundi miidhamu hin barbadan jedheen yaada jedhan.
''Sodaan koo guddaan tarkaanfiima kanaan dhaabuu isa jedhudha. Gamtaan Awurooppaa itti fufnaan, Ameerikaanis tarkaanfii biraatti ceenaan kun rakkoo guddaa biyya irratti fiduu danda'a.''
Obbo Ayaalee Galaan tarkaanfiin Ameerikaan fudhatte dinagdee biyya keessaa irratti dhiibbaa guddaa qaba jedhu. Osoo jijjiiramni tokkollee hin jiraatiin sadrkaa odeeffannootti qofayyuu haalli gabaa jijjiramuu danda'a.
Kun qaala'insa jireenyaa biyyatti hammeessuu danda'a. Mootummaanis deeggarsa gama qonnaa, fayyaa fi damee kaaniin alaa argatu dhabnaan kana guutuuf jecha rakkoo keessa galuu danda'a. Itoophiyaan biyya hanqina shara alaa fi baajataa qabdu waan taatef jedhan.
Tarkaanfiin Ameerikaa kun karaa sadii maallqa Itoophiyaan argachuu dandeessu hanbisuu danda'a.
''Kan jalqabaa maallaqa wagga waggaan kennaa turan walakkaatti hanbisuu danda'u. Kun maallqa callaa osoo waa hin gurguriin argattudha.
Kan lammataa dhaabbilee faayinaansii akka Baankii Adunyaa fi IMF of harkaa waan qabaniif deeggarsa achiin argamu jalaa dhaabsisuu danda'u. Inni biraan ammoo michuuwwan isaanii kan akka Gamtaa Awurooppaafaa akka isaan gargaarsa kennan dhaaban gochuu danda'u.''
Qoqqobbii dinagdee guddaa bira osoo hin gahiin iyyuu tarkaanfiin kun fudhatamnaan Itoophiyaaf rakkoo guddaa akka tahu eeran.

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan gama siyaaasa adunyaa irratti Ameerikaaf sodaa karaatti taatu tokko hin jiru kan jedhan Obbo Ayyaleen sodaan isaanii inni guddaan yeroo rakkoon nageenyaa hin jirreyyuu uummata gargaarsa barbaadu guddatu jira.
Biyyi uummata miliyoona 100 ol qabdu yoo rakkoo keessa galte deeggarsa nyaataafi manaa barbaachisa. Haalli ulfaataan akkasi osoo hin uumamiin amma furamuu qaba jedhaniiti kan tarkaanfii fudhachu jalqaban jedhan Obbo Ayyaleen.
Itoophiyaan dippilomasiidhaan mo'amteeti....
MM Abiy akkuma gara aangootti dhufaniin biyyoota Lixaa waliin hariiroo isaanii cimsanii ture. Karaa dhaabbilee faayinaansii adunyaas deeggarsa misooma biyyattii haaromsuuf oolu guddaa argataa turan.
Booda irra ammoo Chaayinaa waliin hariiroo cimaa bara bulchiinsa ministira muummee duraanii Mallas Zeenaawwi tures cimsuuf yaalaniiru.
Garuu kun yeroo dheeraa osoo hin turiin lola naannoo Tigiraayii fi dhimma hidha haaromsaa waliinis wal qabatee akka jalqabetti waan deeme hin fakkaatu.
Kaadhimamaan PhD, Abduu Menan, Itoophiyaan bulchiinsa MM Abiy jalatti gama hojii dippilomaasiin ''mo'amteetti'' jedhan. Ministirri Muummee duraanii Itoophiyaa Mallas Zeenaawwii osooma sarbamni mirga namoomaa guddaan biyya keessa jiruu hojii dippilomaasiidhaan mo'achuun Ameerikaa fi Chaayinaatti haalan fayyadamaa ture jedhan Obbo Abduun.
''Ameerikaa waliin karaa nageenyaa jedhamee hojjechuuf dhimmi shororkeesumma durii sun amma itti fayadamuuf hin danda'amu. Yeroon isaa dhumatera. Itoophiyaan maaliif Ameerikaan fuula ishee gara biyya biraatti naannefatte jechuun ilaaluu qabdi.
Itoophiyaan biyya guddaadha, ni barbaadamti. Garuu amma maaliif dippilomaasiin ishee dadhabde ? kana ilaaluu qabu.''
Obbo Abduun itti dabaluun deebiin qondaalonni mootummaa tarkaanficha hordofuun kennaa jiran uummata biyya keessa mo'achuuf taha yoo tahe malee akka amma dubbatamutti bahanii dubbachuun dippilomaasii mo'achuuf gaarii miti jedhan.
Kan biraan ammoo dhimma isaanii sirriitti himachuu dadhabuun akka isaan gama dippilomaasiin mo'amaniif sababa tahuu akka hin oolles himan. Namoota hojii dippilomaasii irratti hojjechaa jiran ilaaluun dirqama taha jedhan.
MM Abiy Ahimed badhaasa Nobelii Nagaa mo'atanii waggaa sadii keessatti qoqqobiif gahuun keenya rakkoo akkamii irraa kan dhufedha jedhanii qorachuun furmaata fiduuf gargaara jedhan.
Yeroo dhimma hidha haaromsaan wal qabatee biyyoota ollaa waliin hariiroon biyyattii qabbanaa'etti US waliin wal dhabuun gaarii akka hin taane kan himan Obbo Abduun, dhiima kanaan wal qabatee bulchiinsi Tiraampi deeggarsa doolaara miliyoona 130 akka Itoophiyaa jalaa hanbise yaadachiisan.
Kun Masiriin gama dipiilomaasiin cimuun keenya ammoo kufuu isaa agarsiisa jedhan. Ayyalee Galaan [PhD] yaaduma wal fakkaatu qooddachuun qondaalonni Itophiyaa kana caalaa fagatanii hin deeman jedhanii yaaduun seenama durii kaasanii kan dubbatan yoo tahe rakkoo keessa galuu danda'u jedhan.
''Kun abiddaan taphachuu taha. Akka qoosaatti ilaaluu hin qaban. Itoophiyaan durayyuu rakkoo qabdi. Itophiyaan biyya guddodha jedhaniima seenaa dubbachuun, rakkoo dippilomaasii kana hin furu. Kan US, Itoophiyaatti inaafti jedhanis nan dhagaha. Kun raajiidha.''
Kaadhimamaan PhD aAbduun tooftaan itti deemuufi dhimma isaanii wal tajjii idil-adunyaa irratti irra deebiin dhiyeeffachuun rakkoo keessa galan keessaa bahuuf hojjechuu akka qaban hima.
Ameerikaan haala rakkoo siyaasaa Itoophiyaa keessaa karaa nagaan akka furamuufi dhimma hidha Abbaaynis wal qabsiiftee yeroo garaagaraatti senaateroota bebbekamoo fi dippilomaatota muuxannoo qaban ergaa turte.
Dhiyeenya ammoo rakkoo nageenyaa Gaanfa Afrikaa keessaa addatti kan Itoophiyaa irratti xiyyeeffachuun akka hojjetanif ergamaa addaa tokko muudde.
Itoophiyaan erga lola naannoo Tigiraayitti dhaaba shororkeessummaan mootummaan farraje TPLF waliin galtee rakkoo dhiyeessii deeggarsa namoomaa fi yakka lammiilee nagaa irratti raawwatma jedhamuun dhiibbaa dippilomaasii keessa galteetti.















