Waraana Tigraay: Manneen barnootaa 'loltootaan qabamuufi saamamuun mirga barachuu ijoollee danqe'

Madda suuraa, HRW
Naannoo Tigraayiitti lola gaggeeffamaa jiruun maddiitti manneen barnootaa loltootaan akka lafa qubannaatti fayyadamuufi saamichi raawwatamee barattoonni barumsarraa akka fagaatan taasiseera jedha Dhaabbanni Humaan Raayitis Wochi.
Naannoo Tigraay keessatti erga lolli eegalee qabee haleellaafi saamicha manneen barnootaarratti raawwatame keessaa qaamooleen lolan hundi gahee qabaachuu hima Humaan Raayitis Wochi ibsa Jimaata baaseen.
Dhaabbatichi ibsa kanaan mana barnootaa qophaa'ummaa Atse Yohaannis jedhamu kan magaalaa Maqaleetti argamu akka fakkeenyaatti kaasuun, manca'iinsa naannichatti manneen barnootaa irra gahe hime.
Manni barnootaa kun jalqaba Sadaasa 2020 wayita magaalattiin to'atamtee qabee hanga walakkeessa Eblaatti akka lafa buufata loltootaatti fayyadamaa turan jedhe.
Dhaabbatichi yaaliin mootummaa dhiheenya manneen barnootaa deebiisanii saaquuf taasise gartokkeen sababii rakkina tasgabbii, miidhaa manneen barnootaa irra qaqqabeefi yaaddoo nageenyaa barattootaafi barsiftootaatiin danqameera jedha.
''Lolli naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiru daa'imman hedduu barnoota dhabsiisuufi gareewwan wal waraanan dhimmicha caalaa yaaddeessaa taasisan'' jetti Laatishiyaaa Baadar dhaabbatichatti daarektarri Gaanfa Afrikaa.
''Manneen barnootaa qabachuun barbadeessuun jireenya egeree dhaloota Tigraay kan hubudha. Akkasumas miidhaa hawaasni Tigraay baatiiwwan jahan darban keessa mudate irratti dabaluudha,'' jetti.
Dhaabbatichi baatii Amajjii fi Caamsaa jidduutti jiraattoota, barsiiftoota, maatii, barattoota duraaniifi hojjattoota deeggarsaa 15 waliin haala manneen barnootaa irratti argaman ilaalchisuun bilbilaan dubbachuufi gabaasaalee xinxaluu kaaseera.
Kana malee fakkiiwwan saataalaayitii xinxaleen manni barnootaa Atse Yoohaannis irra miidhaan qaqabuufi konkolaatawwan loltootaa dallaa manna barnootaa keessa jiraachu mirkanneeffadhe jedha.
Dhaabbatichi dabaluunis, humnootii waraanaa biyyaa jalqaba Muddee mana barnootaa Atse Yohaannis akka bufataatti qabachuun, booda kompitaroota, iskriiniiwwan plaazimaa fi nyaata fee'achuun bahu jirraattoonni natti himan jedhe.
Bulchiinsi yeroo battalumaan miidhaa qaqabee suphuu barnoonni akka eegaluuf yaalulleen, loltoonni baatii Guraandhaalaa deebii'uun baatii sadii biraatiif keessa buufatan jedha ibsichi.
Jiraattuun magaalaa Maqaleefi dhiheenya mana barnootaa Astee Yohaannis hojjattu tokkos yeroo baayyee dubartoonni dallaa mana barnootichaa seenuun wayita baha arguu dhugaa bahu hima.
''Dubartoonni garaa garaa wayita keessa galfaman argeera. Yeroo tokko tokkoo hanga guyyoota lamaa, sadii ykn shanii ni turu. Wayita bahanis reebamanii osoo bohanu agarra. Dubartoota kanneen maal akka mudate kan gaafatu hinjiru. Kana gochuuf haallisaa rakkiisaadha,'' jechuu ibseera.

Madda suuraa, Human Rights Watch
Dubartoonni jedhaman kunneen miidhaa saalquunamtii irratti raawwatamu ykn miidhaa biraa irra gahuu dhaabbatichi hin mirkanneeffannee jechuun, garuu tibba lolaatti gabaasni miidhaan saalqummantii hedduun loltoota Ertiraafi Itoophiyaatiin raawwatamuu bal'inaan jiraachuu kaasa.
Ebla keessaa bulchinsii yeroo naannichaa nama tarree miidhaan qaqabeefi qabeenyaa barnootaa kana keessaa saamamee garee gargaarsaa kan dhiyeessee yoo ta'u, laaboraatorii sadii barbadaa'eefi teessuumniwwan 288 gubachuu kaasuu hima.
''Mana barnootaa kana tajaajiluuf jireenya kiyya kenne. Amma garuu dareewwan haaromsuun eegaluuf wanti hafe hoomtu hin jiru. Manni barnootichaa bara dhufuyyuu eegalu hin danda'u, sababii badiinsa irra qaqabeetiin. Wanti hundinu fudhatameera,'' jedha barsiisaan tokko.
Akka gabaasichaatti, loltoonni wayita bahaniitti keenyaa ergaa jibbaafi naamusa malee farra-Tigrootaatiin guutame dhiisanii bahan. ''Keenyaan arrabsoo saba Tirgeetiin kan guutame. Kana arguufi dubbisuun baayyee nama huba'' jedhan maatii tokko.
Motummaan naannoo Tigraay bakka manneen barnootaa parsanataa 25 ta'an barbadaa'aniitti barnoonni akka eegalu yaalaa jiraachu kan kaasee ibsichi, Ministeerri Barnootaa barsiiftoonni kuma 48 ta'an deeggarsa fayyaa sammuu kan barbaadan ta'u tilmaamu kaase.
Dhaabbilee barnoonni itti gaggeeffamu kan biraa osoo hindhiyeessin manneen barnootaa tajaajila buufata loltootaa gochuun seera mirgoota manoomaa idil-addunyaa jalatti barattootaa mirga barnootaa kan dhowuudha jedhe dhaabbatichi.
Motummaan Itoophiyaas naannichatti barattootaafi barsiiftootaaf eeguma akka taasisuuf akkasumas Labsii Manneen Barnootaa Nagaansaanii eegamee akka raggaasisuuf gaafateera dhaabbatichi.













