Waraana Tigraay: Haala Tigraay keessa jiru irratti ibsa kennamerratti maaltu jedhame?

Madda suuraa, PM OFFICE VIDEO
Ibsa guyyaa Kamisaa Waajjira MM’tti kennamerratti pirees seekreetariyaatiin waajjirichaa Billanee Siyyuum fi Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Dr. Geediyoon Ximootiyoos, Tigraay keessatti waan mudateefi haala waliigalaarratti ibsa kennaniiru.
Haaluma kanaan rakkoo nageenyaa naannichatti argamu, dhiyeessii gargaarsaa, dhiittaa mirga namoomaa raawwatameera jedhameefi tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru ilaalchisuun anga’oonni lameen ibsa kan kennani.
Dubbi himtuun Waajjira MM Billanee Siyyuum, mootummaan yeroo ammaa kana tarkaanfii waraanaa fudhachaa kan jru bakkee lamatti akka ta'e eeranus, eessa akka ta’e maqaa hin dhoofne.
Dhiyeessii gargaarsaa
Tigraayitti marsaa jalqabaatiin namoota miiliyoona 4.5 ta’aniif, marroo lammataatti namoota miiliyoona 4.3 ta’aniif gargaarsi taasifamuudha kan himani.
Dhaabbileen idil-addunyaa hedduun namoonni Tigraay keessatti gargaarsa barbaadan lakkoofsi dabalaa jiraachuu balaa beelaaf saaxilamoo ta’uu himuun isaanii ni yaadatama.
Dubbi himtuun kun dabaluun akka jedhanitti, aanolee 93 keessatti dhaabbilee gargaarsaa waliin ta’uun deeggarsi taasifamaa jiraachuudha, kanneen keessaas mootummaan aanolee 14 keessatti gargaarsa taasisaa kan jiru.
Haala naannicha keessa jiru ilaalchisuun ejjennoo biyyoonni garagaraa mul’isan ‘‘kabaja Itoophiyaa kan hin eegne’’ jechuudhaan ibsani.
Mootummaan Itoophiyaa Ameerkiaa dabalatee biyyoonni dhimma keessaa kiyya borcaa jiru jechuun komataa ture
Deeggarsi nyaataa meetiriik toonii 166,000 ta’u birrii biiliyoona 5.2’n bitamee akka raabsames himaniiru.
WFP, Riiliif Soosaayitii Tigraay fi dhaabbilee biroo waliin ta’uun deeggarsa taasisaa jiraachuu kan himan yoo ta’u, ‘‘beela akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamtan’’ himata jedhu hin fudhannu jechuun ibsa dhaabbilee garagaraa busheessaniiru.
Biyyoonniifi dhaabbileen garagaraa haalli dhiyeessii gargaarsaa Tigraay keessa jiru akka barbaadamutti deemaa waan hin jirreef, ummanni lakkoofsaan hedduu ta’e beelaaf saaxilamuu mala jechaa jiru.
Deeggarsa fayyaaf birriin miiliyoona 72.9 akka ramadameefi ambulaansiiwwan 12 akka hojiirra jiran himuun, oduun ‘‘dhaabbileen fayyaa guutummaatti barbadaa’aniiru’’ jedhamu sobadha jedhani, Biillaneen.
Gama biraatiin Ministeerri Qonnaa sanyiifi xaa’oo dhiyeessuun qonnaan bultoota deeggaruuf birrii miiliyoona 10 baasii gochuu eeraniiru.
Akka Biillaneen jedhanitti, barnoota eegalsiisuuf qarshiin miiliyoona 95 ramadamuudha.

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoo yakkaa
Gama biraatiin, abbaan alangaa waliigalaa federaalaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos, tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiraniifi dhiittaawwan mirgootaa raawwataman jedhaman irratti ibsa kennaniiru.
"Humnoonni Affaar, Amaaraa, Beenishaangul Gumuz fi Oromiyaa keessatti TPLF hidhachiisaa jiru nageenya biyyaa booressaa jiru,’’ jedhani.
"Wayita waraanni eegalametti Izii Kaabaa irratti haleellaa qindaa’e raawwataniiru jechuun, sararoota elektiriikaafi bilbilaas anga’oonni TPLF akka adda citu taasisaniiru, warreen kanaan shakkamanis to’annoo jela jiru,’’ jechuun himani.
Shakkamtoonni kunneen heera mootummaa cabsuu, shororkeessummaa fi yakkoota biroon akka gaafataman ibsa kanarratti akeekaniiru.
Miidhaa saalaatiin namoota nagaa lolarra hin turre irratti humna akka malee fayyadamuun himata miseensota raayyaa waraanaa irratti ka’ee ilaalchisuun qorannoon taasifamee tarkaanfiin fudhatamaa jira jedhani.
Haaluma kanaan loltoota 28 irratti himanni kan baname yoo tau, warreen miidhaa saalaa geessisuun shakkaman 25 irrattis himanni banamee jiraachuu Dr. Geediyoon himaniiru.
Ajjeechaa jumlaa Maayikaadiraatti raawwatameef namoota ijaan argan 250 dubbisuun akkasumas ragaa fooransiikii irratti bu’uureffachuun namoota 200 ol ajjeefamuun mirkanaa’ee, warreen kana keessatti hirmaataniiru jedhaman 23 to’annoo jela oolaniirus jedhani.
Haleellaa kanarratti hirmaataniiru jedhamuun ‘‘warreen shakkaman hedduun gara Sudaanitti baqataniiru,’’ jedhani.
Ajjeechaa Aksuumitti raawwatamerratti, ragaalee ijaan argan 100 ol fi ragaa fayyaa irratti hundaa’uun ‘‘namoonni nagaa 100 ajjeefamuu bira geenyeerra. Baay’inni namoota achitti du’anii garuu loltoota al-idilee TPLF guyyoota lamaaf leenjisedha,’’ jechuun ibsaniiru.
Namoota du’an keessaa 40 kan ta’an waraanarra akka hin turreefi, bu'uuraalee misoomaarras balaan dhaqqabuu qorannoo keenyaan bira geenyeerra jechuun dubbataniiru, abban alangaa kun.
Haleellaawwan namoota nagaa irratti Naannoo Tigraay keessatti dhaqqabe keessaa loltoonni Ertiraa harka keessaa qabuu? jedhamee gaaffii ka’eef, ‘‘yakkoota tokko tokko keessaa harka qabu,’’ jechuun deebisaniiru, Dr. Geediyoon.
‘‘Kanumaan wal-qabatee gaaffii loltoonni Ertiraa yoom Itoophiyaa keessaa ba’u jechuun dhiyaateef deebii yoo kennan, ‘‘qaama ilaallatuuf dhiyaateera, gabaasa Ministeera Ittisa Biyyaatiin ammoo adeemsi baasuu eegalameera,’’ jedhani Biillaneen.
















