Boordiin Filannoo Obbo Iskindir Naggaa dabalatee miseensota Baaldaraas hidhaa jiran kaadhimummaan galmeessuuf

Madda suuraa, facebook
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Iskindir Naggaa dabalatee aanga'oota paartii Baaldaraas Dimikiraasii Dhugaaf filannoorratti akka hirmaataniif galmeessuuf akka jiru ibse.
Miseensonni Baaldaraas wayita ammaa mana hidhaa jiran Boordichi akka filannoo rratti hirmaataniif galmeesuuf jedhu kunneen Obbo Iskindir Naggaa, Obbo Sintaayyoo Chekkol, Aadde Aster Siyyuumiifi Aadde Askaalee Damilleedha.
Haaluma kanaan, dhaddacha Mana Murtii Waliigalaa har'a irratti kan argamte walitti-qabduun Boorii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Aadde Birtukaan Miidhaksaa murtee dhadachichi aanga'oota paartichaa kaadhimummaan akka galmeessuuf dabarse hojiirra oolachaa akka jiran dubbatteetti.
Kanaan dura murtee Mannni Murtii Waliigalaa Dhaddachi Ijibbaataa Lamaffaa Obbo Iskindir Naggaafaa kaadhimummaan galmaa'anii filannoorratti hirmaachuu akka danda'aniif dabarsee ture Boorichi hojiirra oolchuuf nan rakkadha jechuun isaa ni yaadata.
Aadde Birtukaan Boordiin Filannoo Pirezeaantii Paartii Baaldaraas Dimokiraasii Dhugaaf kan ta'an Obbo Iskindir Naggaa dabalatee aanga'oonni paartichaa afur akka filannicharratti hirmaatan gochuuf waraqaa miliyoona 1.3 ta'u dhabamsiisuufi baasii dabalataa Birrii miliyoona shaniin kaadhimamtoota kanneen filannicharratti hirmaachisuuf hajjechaa jira jechuushee Baaldaraas ibseera.
Dhimma kana irratti aanga'aan paartii Baaldaraas Obbo Galataaw Zallaqaa BBCtti akka himanitti, Paartichi duula na filadhaa gaggeessuu erga eegalee kaasee miseensota isaa hidhaa jiran ilaalcha keessa galchuuhaan akka hojjechaa jiru eeruun, murtee kanaa boodas duula filannoo cimsanii akka itti fufan ibsaniiru.
"Waan Obbo Iskindir Naggaafaaf murtaa'eef osoo hin taane haqaaf jecha abbootiin seeraa gara gadii jiran akkuma kanaa murannoon murtee. kana fakkaatu kennuu qabu. Murtee kennameefi adeemsichi kanaan xumuramuu isaatti nuti gammoodha," jechuun BBCtti dubbataniiru Obbo Galataaw
Baaldaraas Pirezedaantii isaa Obbo Iskindir Naggaa dabalatee aanga'oonni paartichaa biroo Boordichi akka kaadhimamtoota filannootti galmeeessuuf gaafachuun isaa kan yaadatamu yommuu ta'u, Boordichis aanga'oonni kunneen to'annoo seeraa jala waan jiraniif filannichaaf akka kaadhimamtootaatti galmaa'uu akka hin andeenye ibsuun gaaffii isaanii kuffiisee ture.
Murtee kana kan hin fudhatiin paartichi, Boorii Filanno Mana Murtii Federaalaa Ol-aanaa irratti himata banee kan ture yoo ta'ullee, manni murtichaas murtee Boorichaadhuma mirkaneessee ture.
Haata'u malee, Baaldaraas dhimmicha gara Mana Murtii Waliigalaa Dhaadacha Ijibbaataa Lamaffaatti ol abarsuun ol-iyyannoo dhiyeesseen, manni murtichaas falmii dhiyaate qorachuudhaan aanga'oonni Baaldaraas hidhaa jiran kaadhimummaan galmaa'anii dorgomuu akka danda'an murtee kennuun isaa ni yaaatama.















