Filannoo Itoophiyaa: 'Filannoon biyyaaleessaa torban 2-3'n boodatti harkifachuu danda'a'

Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Boordii Filannoo Itoophiyaa

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa filannoon marsaa 6ffaa ALI Caamsaa 28, 2013tti gaggeeffamuuf ture yeroo qabameefiitti gaggeeffamuu waan hindandeenyeef torban 2-3tiin boodatti butamuu akka danda'u beeksise.

Boordichi filannoo biyyaaleessaa guyyaa qabameefiitti gaggeeffamu akka hindandeenyee beeksiise waltajjii marii har'a paartilee morkattootaa waliin taasisee ture.

Boordiichi dhimma filannoo marsaa jahaffaa ALI Caamsaa 28 fi Waxabajjii 5 gaggeeffamuuf ture ilaalchisuun paartilee siyaa waliin marii gaggeessaa jira.

Haala sagantaa Boordii Filannoo Biyyaaleessatiin filannoon biyyaaleessaa Camsaa 28tti naannoolee garaa garaa keessatti, Magaaloota Finfinneefi Dire Dahwaatti ammoo Waxabajjii 5, 2013tti gaggeeffamuuf karoorfamee ture.Haata'u malee galmee filattootaa fi hojiiwwan kan biraatiin walqabatee guyyoota karoorfameetti raawwatamuu waan hindanda'amneef jecha filannoon guyyaa qabameetti gaggeefamuu akka hindandeenye beeksiiseera.

Kanumaan walqabatees yeroo filannoo torbanoota 2-3tiin akka dheereeffamuuf boordichi paartileedhaaf yaada dhiyeessee mariisisaa jira.

Yeroon sagaleen itti kennamu maaliif achi butame?

Boordichi danqaalee yeroo qabametti raawwachuu hin dandeessifne furuuf jecha yeroon sagalee itti kennan dheereffamuu ibseera.

Sababoota yeroon akka dheeratu barbaachiseef keessaa maxxansa waraqaa sagaleen ittiin kennamuu kan hin xumuramne ta'uufi yeroo dabalataa galmeen filattootaa fudhate ta'uun eerameera.

Guyyaa sagaleen itti keennamu dheereffamuu ilaalchisee Paartilee Siyaasaa waliin mariyatamaa akka jirus gabaafame.

Rakkoolee nageenyaa kutaalee biyyattii adda addatti dhalateen walqabatee yeroon galmee filattootaa hanga torban sadiif dheereffamuun ni yaadatama.

Boordichi waltajjii marii kanarratti akka beeksisetti, hanga Caamsaa 4, 2013tti lammiilee miiliyoona 36 ol ta'an galmaa'uun kaardii filannoo fudhataniiru.

Kanneen kaardii filannoo fudhatan keessaa miliyoonni 16.6 dubartoota yoo ta'an, kanneen miiliyoona 19.5 ta'an ammoo dhiiroota.

Kanaan dura boordichi lammiileen miliyoona 50 ta'an filannoo irratti akka hirmaachuu malan tilmaamuunsaa ni yaadatama.

Akka ragaa Boordii Filannoo Biyyaalessaatti, Naannoo Gaambeellaa, Somaalee fi Affaar akkasumas bulchiinsa Magaalaa Finfinnee bakkeewwan kaardiin filannoo kan eegamee caalaa itti fudhatame keessaayi.

Gama biraatiin ammoo Naannoon Beenshaangul Gumuz bakka jidduugalaan kaardiin filattootaa gadaanaan itti fudhatame ta'u mul'isa ragaan boordicha irraa argame kun.