Jefirii Feltimaan: Ergamaan addaa Ameerikaa imala Baha Giddugaleessaafi Keeniyaa eegalan

Jefrii Feltmaan

Madda suuraa, Getty Images

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa Jefirii Feltimaan, daawwannaa biyyoota afuritti taasisan jalaqabuusaanii Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii hime.

Aabba Feltimaan Wiixata darbeerraa eegalee haga Sambataatti imala taasisaniin: Qataar, Sa'udii, UAE fi Keeniyaa daawwatu.

Waajirichi ibsa baaseen Feltimaan imalasaanii kanaan dhimma hidhaa Laga Abbayyaafi nageenya Gaanfa Afrikaa irratti ni mari'atu jedheera.

Kana malees Feltimaan ''anga'oota olaanoo biyyootaa wajjin walarganii Gaanfi Afrikaa kan tasgabbaa'eefi kan badhaadhe akka tahu haala ittiin deeggaruun danda'amurratti ni mari'atu,'' jedhameera.

Dabaluunis ''waldhabdee Hidha Haaromsaa wajjin walqabatee jiru hiikuuf, waliigaltee qaamolee hundaan fudhatama qabu akka raawwatu,'' ni mari'atu jedha ibsichi.

Torban dabre keessa haalli Itoophiyaa keessa jiru akka isaan yaaddesse ibsa baasaniin kan himan Pireezidant Baayidan, ergamaan addaa kun gara naannichaa deebi'anii akka imalan himanii turan. Tahus garuu, imalasaanii kanaan xiyyeeffannoon isaanii, biyyoota Baha Giddugaleessaafi Keeniyaa akka tahan ibsa ministeera hajaa alaa baase ni addeessa.

line

Ergamaan addaa kun biyyoota kanneenitti maaliif imalu?

Ergamaan addaa US kun biyyoonni daawwatan yeroo dhiyoon asitti kanneen siyaasa, diinagdeefi dhimmoota waraanaa Gaanfa Afrikaatti shoorri isaanii dabalaa kan dhufe oggaa tahu, Ameerikaan ammoo carraaqqii taaisitu akka deeggaran ofcinaa hiriirsuuf akka tahe ni tilmaamama.

Keeniyaanis dhageettiin gama dippiloomaasiin Baha Afrikaatti qabdu dabalaa dhufeera.

Bulchiinsi Joo Baayidan imaammatasaa jijjiiruun shororkessummaa loluuf dhiyoo kana Keeniyaa wajjin leenjii waraanaaf loltoota akka ergu beeksiseera.

Naannoo Galoo Galaanaafi isa jirutti dhageettiin ishee dabalaa kan dhufe Qataar, shoorri nageenyaafi dippiloomaasiin Gaanfa Afrikaatti qabdu salphaa miti jedhama.

Amma dura Ertiraafi Sudaan wajjin walitti dhufeenya kan cimsatte Qataar, waggoota dhiyoo asitti Itoophiyaafi Somaaliyaa wajjin michummaashee cimsataa jirti. Kanaanis waldhibdeewwan Sudaan fi Ertiraa akkasumas Ertiraa fi Jabuutii jidduu jiru hiikuuf yaalii taasisaa turteetti.

Sa'uudii Arabiyaafi Yunaayitid Arab Emirteetis (UAE)n naannoo Baha Giddugaleessaafi Galoo Galaanaa Edanitti biyyoota dhiibbaa gurguddaa qaban oggaa tahan, Gaanfa Afrikaattis shoorri isaanii salphaa kan jedhamu miti.

Biyyoonni lamaan kunneen Itoophiyaafi Ertiraaf michoota yoo tahan, MM Abiy Ahimad gara aangootti erga dhufanii booda, biyyoonni lamaan waldhibdee barkurneef gidduusaanii tureef xumura laachuuf shoora olaanaa taphataniiru jedhama.

line

Daawwannaa Feltimaan amma duraa

Ji'ootaan dura Pireezidant Joo Baayidaniin ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa tahuun kan muudaman Jefirii Feltimaan, torbanootaan dura Masrii dabalatee biyyoota Baha Afrikaa daawwataniiru.

Feltimaan imalasaanii jalqabaatin Caamsaa 4 hanga 13, 2021n: Masrii, Itoophiyaa, Ertiraafi Sudaan daawwatanii turan.

Kanaanis waraana naannoo Tigraay akkasumas muddama hidhaa Laga Abbayyaa waggootaaf turerratti dhiibbaa gochuuf sababni itti barbaadan, gama michoota biyyoota kanaatin tahuu imallisaanii ni akeeka.

Imalasaanii Masriitti kan eegalan qondaalli kun, turtiisaanii Kaayiroon Pireezidantii biyyattii Abdul Fattaah al-Siisii wajjin walarganiiru.

Mariisaanii kanarratti al-Siisiin hir'achuu gahee bishaanii laga Abbayyaaf Masriin obsa hinqabdu jechuusaanii Washington Post wayita sana gabaaseera.

Ambaasaaddar Feltimaan gamasaaniin, bulchiinsi Joo Baayidan dhimmoota arifachiisoo naannichaaf fala itti kaa'uuf xiyyeeffannoo kennee hojjeta jechuusaanii gaazexaan kun maddeen eeruun baaseera.

Feltimaan wayita gara Asmaraatti imalanis Pireezidant Isaayyaas Afawarqii wajjin yeroo dheeraaf haasawuu isaanii minstirri Beeksisaa biyyattii Yamaana GabraMasqal himaniiru.

Marii sa'aatii afur fudhateen Pireezidant Isaayyaas rakkoolee Gaanfa Afrikaa danqanii jiran furuuf Ameerikaa wajjin hojjechuuf kutannoo akka qabdu Feltimaanitti himaniiru jechuun, qondaalli kun fuula Twitter isaanii gubbaa maxxansaniiru.

line

Feeltimaan eenyudha?

Jefrii Feltmaan

Madda suuraa, Reuters

Mootummaan Ameerikaa Joo Baayidaniin durfamu, dhimma Itoophiyaafi biyyoota naannooshee jiran dhiyeenyatti akka hordofaniif Ambaasaaddar Jefrii Feeltimaaniin akka muudde ni yaadatama.

Feeltimaan jaarsummaa irratti qorannoo akka geggeessaniifi araara buusuu irratti muuxannoo guddaa akka qaban himama.

Feeltimaan dhimma hajaa alaa irratti barreessitoota olaanoo UN Baan Kii-muun fi Antooniyoo Guutereez waliin hojjetanii jiru. Mana maree Nageenyaa keessattis dhimma nageenyaa irratti ibsa kennuudhaan beekamu.

Turtii UN keessatti qabaniin ergamaa addaa ta'uunis tajaajilaniiru. Dabalataanis Ministeera Haajaa Alaa US keessatti ganna 26 kan tajaajilan yoo ta'u, Libaanoos, Iraaq, Israa'eel, Tuniiziyaa, Hangaarii fi Heeytii keessatti diippiloomaatii ta'uun tajaajilaniiru.