Ambaasaaddar Diinaa Muftii: 'Itoophiyaan hariiroo Ameerikaa waliin qabdu akka hammaatu hin barbaaddu'

Namoota mormii Finfinneen suuraalee hoggantoota Chaayinaafi Raashiyaa qabatanii bahan

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaan hariiroo US waliin qabdu akka hammaatu akka hin barbaanne dubbi-himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muuftii himan.

Hariiroon biyyoota lamaanii waggoota 100 oliif hariiroo michummaa cimaa qaban yeroo dhihoo as muddama seeneera. US dhimma Tigraay eeruun tibbana tarkaanfii Itoophiyaa irratti fudhatte mootummaan Itoophiyaa mormeera.

Guyyaa Roobii miidiyaaleef ibsa kan laatan dippiloomaatiin olaanaa Itophiyaa kun, hariiroon amma Yunaayitid Isteet waliin kan rakkoo seene 'yeroofi' jechuun dubbatan.

''Ni jijjiirama jennee hojjenna. Akka jijjiiramu danda'us mirkana. Wal hubannaan ni uumama,'' jechuun ripportarootatti dubbatan.

Itoophiyaan biyya kamuu waliin hariiroo cimsachuu akka barbaaddu kan himan qondaalli kuni, yaada Pirezidantiin Oromiyaa Obbo Shimallis dhimma tarkaanfii US irratti dhihoo dubbatan irrattis deebii kennaniiru.

'Michuu filachuutti hin jirru'

Torban darbe US deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaaf kennitu daangessuufi qondaaltota Itoophiyaafi Ertiraa irratti uggura tolchuu ibsite.

Kunis, rakkoo deeggarsa namoomaa Naannoo Tigraay keessa adeemuun akka walqabatu Ameerikaan ibsiteetti. Qondaaltonni Itoophiyaa garuu dhimma hidha Abbayyaa irratti ejjennoo Itoophiyaan qabatteen walqabsiisu.

Tarkaanfii US mormuun lammiileen Itoophiyaa kuma kurnaan lakkaa'aman magaalaa Finfinneefi magaalota biyyattii garaa garaa kanneen akka Dirree Dhawaa, Harar, Gaambellaafi kaanitti hiriira bahaniiru.

Kanneen mormiif daanditti bahan Ameerikaan ejjennoo ishee akka deebitee ilaaltu gaafataniiru. Kan hiriira bahan gidduu kanneen suuraa Pirezidantii Chaayinaafi Raashiyaa qabatanii bahanis turani.

Kana dura murtee manni maree nageenyaa UN dhimma Tigraayin walqabatee ejjennoo waloo qabachuuf yaaliin taasise mormii Chaayinaafi Raashiyaan fashalee ture.

Suuraan bulchitoota biyyoota US mormanii daandiirra mul'achuun Itoophiyaan fuula ishee gara biyyoota Bahaatti garagalfachuu heddi jedhanii namoonni muraasni akka gaafatan taasiseera.

Dhimma kana kan gaafataman Ambaasaaddar Diinaan 'michuu filachuutti hin jirru,' jedhan.

Itoophiyaan biyyoota kamuu waliin hariiroo ishee cimsachuu barbaaddi jedhan. ''Itoophiyaan kanarra kana naaf wayya jettee kan itti filattu hin qabdu, yoo dirqamte malee.''

Kanneen mormiif daandiitti bahan

Madda suuraa, Ethiopia Press Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoonni MM Abiy Ameerikaan dhimma keessoo Itophiyaa keessa akka hin seenne gaafatan

''Gama biyyoota Lixaas ta'e biyyoota Bahaa waliin hariiroo qabnu hojii cimsuurratti ko'oomne. Wanti jiruus kanuma,'' jechuun himan.

''Chaayinaa waliin hariiroo baay'ee cimaa qabna. Hangasuma immoo biyyoota Lixaa waliin hariiroon qabnu cimaadha. Sababa kanaaf nuti filannoo michuu, kanarra kana nuu wayya keessa haalli nu galchu hin jiru. Imaammanni hordofnuus kanuma.''

Hariiroo US fooyyessuuf 'hojjetamaa jira'

Kana dura Itoophiyaan murtee US booda yoo deebii kennitu murteen Ameerikaa biyyoota lamaan, dabees Gaanfa Afrikaa akka miidhu ibsiteetti.

Kunis ta'u, hariiroo amma biyyattiin US waliin qabdu hammeessuuf osoo hin taane fooyyessuuf akka hojjettu himte.

''Biyyoonni kaleessa diina turan har'a michuu ta'u. Kanneen har'a wallolan boru michuu ta'u. Hariiroon US waliin jiru sadarkaa sanarra hin geenye. Hariiroo kana jijjiiruun danda'ama,'' jedhan Amb. Diinaan.

Hariiroo amma biyyoonni lamaan itti jiran foyyeessuufis 'gama michuuwwan keenyaan' adeemsi fooyyessuu taasifamaa jira jedhan. Daawwannaan Senaatara US ''mallattoo tokkodha'' jechuunis ibsan.

Bakka bu'aan bulchiinsa Oklaahomaa Senaatar Jim Inhofe murtee US Itoophiyaa irratti dabarsite ifatti mormaniiru. Jalqaba torban kanas Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin Finfinneetti wal arganiiru.

Senaatar Jim Inhofe murtee US Itoophiyaa irratti dabarsite ifatti mormaniiru

Madda suuraa, @AbiyAhmed

Ibsa waa'ee suuraa, Senaatar Jim Inhofe murtee US Itoophiyaa irratti dabarsite ifatti mormaniiru

''Senaatar Jim Inhofe Itoophiyaatti daawwannaa milk'aa'aa taasisani. Achittis ejjennoo Itoophiyaa isa sirrii ibsan. Namni kuni michuu Itoophiyaati. Hariiroo biyyoota lamaan baraaruufi rakkoorraa hambisuuf gaheen bahan ni jira,'' jedhan.

'Loltoonni Ertiraa gaafa tokko bahu'

Dhimmoota biraa Ambaasaaddar Diinaan guyyaa Roobii gaafatamanii irratti deebii kennan waa'ee loltoota Ertiraa Itoophiyaa Naannoo Tigraay keessa jiraniiti.

Itoophiyaafi Ertiraan yeroo dheeraaf waraanni Ertiraa daangaa ce'ee Itoophiyaa seenuu haalaa turan. Erga ifatti MM Abiy paarlaamaatti dhihaatanii dubbatan booda akka bahanif waliigalteerra gahamee ture.

Haa ta'u malee, ammallee Tigraay keessaa hin baane jechuun biyyoonni Lixaa ni ibsu. Ambaasaaddar Diinaan deebii isaaniin ''Akka bahan abdii godhanna. Guyyaa tokko ni bahu jennee abdanna,'' jechuun himan.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaan Itoophiyaan biyya hundatti michoomuu barbaaddi jedhan

Madda suuraa, MOFA/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Waa'ee loltoota Ertiraa kan gaafataman Ambaasaaddar Diinaan 'gaafa tokko bahu' jedhaniiru ibsa gaafa Roobii kennaniin

Amb. Diinaan waa'ee Obbo Shimallis maal jedhan?

Torban darbe gaafa Kibxataa Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa sagantaa kilabii Faasil Kanamaa deeggaruuf qophaa'e irratti bakka Ministirri Dhimma Alaa biyyattii argamanitti US qeeqanii turan.

Viidiyoo miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodamaa turen Obbo Shimallis yeroo murtee Ameerikaa qeeqan dhagahamu.

''Viizaan dhorkameera. Anaan na hin beekan, anis isaan hin beeku. Kanaaf baay'ee na hin ilaallatu. Mooyyaleefi Aduwaa deemuuf viizaan na hin barbaachisu. ...Murtichi na hin ilaallatu.

''Kanaan ala qamadii tortore qofatu nutti hafa. Osoo nutti hafe wayya,'' jechuun yoo dubbatan mul'ata.

Dhimma kana ibsa gaafa Roobii kaleessaa kennan irratti kan gaafataman dippilomatiin olaanaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ''yaada dhuunfaati,'' mootummaa bakka hin bu'u jechuun ibsan.

Dhimma hariiroo alaa biyya tokkoo dura aantummaan kan raawwachiisu Ministeera Dhimma Alaati kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, akka lammii tokkotti yaada kennuu danda'u jedhan.

''Sektaroonni mootummaa biroo naannolee dabalatee hariiroo alaa irratti gahee wayii qabaachuu danda'u. Ta'us, hariiroo alaa gaggeessuuf aangoon seeraaf kenname hin jiru.

''Haa ta'u malee akka lammiifi aangawaa tokkotti yaada kennuu danda'u,'' jechuun ibsan.

''Kuni yaada nama dhuunfaati. Namoonni yaada kennuuf mirga qabu. Isarratti yaada kennuun hin barbaachisu. Nuti garu sadarkaa dhimma alaan [hariiroo US waliin ] fedhii hammeessuu hin qabnu,'' jedhan.

''Ameerikaa hariiroo michummaa waggootaa dheeraa waliin qabnu haa hafuuti, ollaan keenya Sudaanis lafa keenya weerartee obsaan itti adeemne,'' jechuun adeemsa biyyattiin hordofaa jirtu dubbatan.