Lola Tigraay: 'Mootummaan Itoophiyaa tarkaanfii bulchiinsa US kanaan hin danqamu'

Alaabaa US fi Itoophiyaa

Madda suuraa, US Embassy Addis Ababa

Mootummaan Ameerikaa lola naannoo Tigraay keessaan walqabatee tibba kana deeggarsa Itoophiyaaf kennu adda kutuu dabalatee, aanga'oota Itoophiyaarra uggura viizaa kaahuu Mootummaan Itoophiyaa balaaleffate.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa gama Ministeera Haajaa Alaa baaseen ''dhiibbaan hin malle'' mootummaan Ameerikaa Itoophiyaarra kaahaa jirtu Itoophiyaan ''hariiroo waggoota dheeraa US waliin qabdu keessa deebitee akka qorattu dirqisiisa'' jetteetti.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antooni Biliinkan ibsa guyyaa Dilbataa baasaniin ture gama dippilomasiin tarkaanfiin 'guddaa' taasifamuus, kanneen lola Tigraay keessa qooda fudhataa jiran rakkinicha hiikuuf tarkaanfii hiika qabu hin fudhanne jechuun qoqqobbii viizaa aanga'oota Itoophiyaarra kaahuu kan beeksisan.

''Yeroon hawaasa idil-addunyaa tarkaanfii fudhatu amma,'' jechuun uggura vizaa qondaaltota Itoophiyaafi Ertiraa, Humna Addaa Amaaraafi TPLF irratti labsuu beeksisan.

''Dabalataan, deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaa irratti dhorkaa bal'aa kenyeerra,'' jechuun Antoonii Biliinkan ibsan.

Itoophiyaan US'f deebii maal jedhu kennite?

Mootummaan Itoophiyaa dhiibbaa bulchiinsa Joo Baayidan irraa erga lola Tigraayii irra gahaa jiruuf irra deddeebiin deebii kennaa kan turte yoo ta'u, Jimaata darbees 'Harka keessan Itoophiyaarraa kaasaa' mata duree jedhuun giddu-seentummaa biyyoota alaa sochiin mormu gaggeeffameera.

Qoqqobbiiwwan haaraa amma US Itoophiyaarra keesseen walqabatee ibsa Ministeerri Haajaa Alaa guyyaa Wiixataa baaseen, murteen US kun wayita mootummaan Itoophiyaa dhimma waloo irratti bulchiinsa Ameerikaa waliin akka gaariitti dubbachuu eegaltetti ta'uun gaabbisiisaadha jedhe.

Ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa Jeefrii Feeltimaan miira gaariin simachuun marii bal'aa waliin gaggeessuu akka fakkeenyaattis kaaseera.

Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa gochuuf wayita qophaa'aa jirtutti murtee darbe ta'uun isaa ''ammas ergaa gaarii hin taane nuuf qaba'' jedha.

Filannoon kun mootummaa haaraan hundeeffamee, mariin hunda hammataa akka gaggeeffamuuf haala mijeessa jedha ibsichi.

''Yeroo murteessaa kanatti Itoophiyaan deeggarsaa fi hubannaa malee tarkaanfii gorsa gaariirratti hin hundoofne dabarsuun filannicha xiyyeeffannoo dhabsiisu hin eegne.''

Itoophiyaan hariiroo baroota dheeraa US waliin qabduuf kabaja qabdi kan jedhu ibsichi, hiikkaan dhorkaan viizaafi qoqqobbiiwwan deeggarsaa dhiyeenya kaahaman, hariiroo gaarii barootaa rakkoo keessa galchuun gaabbisiisadhas jedha.

''Hedduu gaddisiisaan ammoo bulchiinsi Ameerikaa mootummaa Itoophiyaa TPLF'n qixxee godhee ilaaluu isaati.''

Ilaalcha kana caalaa adeemsa bulchiinsa Joo Baayidan wanti saaxilu hin jirus jedheera.

'Dhimmoota keessoo...'

Ji'oota tora lolli naannoo Tigraay erga eegalee mootummaan Ameerikaa, Gamtaan Awurooppaafi dhaabbileen idiladdunyaa rakkoo kanaaf karaa nagaa furmaatni akka barabaadamu akkasumas mariin hunda hammate akka gaggeeffamu irra deddeebiin waamicha gochaa turan.

Mootummaan Itoophiyaa ibsa isaa kana keessatti ''mariin biyyaalessaa jajjabeessaa akka tureefi kunis dhiibbaa qaama alaa gab gochuuf osoo hin taane, waliigaltee biyyaalessaa uumuuf daandii isa sirriidha amantaa jedhuuni'' jedheera.

''Haata'u malee qaama shororkeessaa jedhamee labsame TPLF waliin mootummaan marii gaggeessuuf dhiibamuu hin qabu, garee shororkeessaa kana bayyanachiisuuf yaaliin godhamu bu'aa hin barbaaachifne fida hin danda'amus.''

''Mootummaan Itoophiyaa yaaliin US dhimma keessoo keessa harka galfachuuf taasiftu sirrii kan hin taaneefi gonkumaa fudhatama kan hin qabne akka ta'e irra deddeebiin ifa godheera. Dhimmoota keessoo ishee akkamiin akka gaggeesituufi to'attu Itoophiyaatti hin himamu.''

Mootummaan Ameerikaa fi michoota biroo wajjiin dhimmoota sarbama mirgoota namoomaa qorachuufi rakkoo namoomaa naannoo Tigraay keessatti dhalate furuuf tarkaanfiiwwan gaariin wayita fudhatamaa jiranitti murteen dhorkaa viizaa godhamuun gaabbisiisaa qofa osoo hin taane, miira marii fi bu'aa hariiroo kanaan hanga ammaa argame akkaan miidhaas jedha ibsi mootummaa Itoophiyaa.

''Yaaliin dhimma keesoo keessa harka galfachuu fi hariiroo gama lamee waggoota dhibbaa olii miidhuu hin dhaabbatu yoo ta'e, Mootummaan Federaalawaa Dimookraatawaa Rippaablika Itoophiyaa hariiroo Yunaayitiid Isteetis waliin qabu keessa deebi'ee ilaaluuf ni dirqama. Kunimmoo hariiroo biyyoota lamaaniin olitti dhiibbaa qabaachuu mala.''

Mootummaan Itoophiyaa tarkaanfii bulchiinsa US kanaan hin danqamu kan jedhu ibsichi, qormaata amma jiran keessa bahuun biyyattii daandii nageenya waaraa fi badhaadhinaarra akka gaggeessu ibseera.

Deeggarsaa fi tokkummaa uummataan qormaata kana keessa bahuun abjuu dhaloota Itoophiyaa isa ta'e kana akka milkeessinu abdii qabna jedha.