Itoophiyaa: Beela naannoo Amaaraa irratti suuraalee fi odeessaalee nama dogoggorsan

Lammiileen sababa waraanaa qe'eesaaniirraa buqqa'an konkolaataa midhaan nyaataa fe'ee magaalaa Dasee iddoo mana barumsaa jiru irraa buusaa jiru, Hagayya 23, 2021

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Amaaraatti lammiileen sababa waraanaan buqqa'an kumaatamaan lakkaa'aman deeggarsa namoomaarratti hundaa'uun jiraatu

Waraanni Tigraay gara naannolee ollaa Amaaraa fi Affaar erga babal'atee kumaan kan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'anii, waan nyaatan dhabanii harka namaa eeggachuuf dirqamaniiru.

Namoonni miidiyaa hawaasummaarratti dubartootaa fi daa'imman hanqina nyaataan miidhaman walharkaa fuudhanii maxxansaa jiru.

Garuu suuraalee hedduun kan nama dogoggorsaniidha. Hedduunsaanii kanneen bakka biraatti akkasumas kanaan dura kaafamaniidha.

Suuraalee hedduun kan naannoo Tigraay, naannoo Somaalee fi kan beela bara 1984 irratti kaafaman fa'i.

Naannoo Amaaraatti hanqinni nyaataa hagam hammaataadha?

Akka mootummaan Itoophiyaa jedhutti sababa waraanaan lammiileen 500,000 buqqa'aniiru, miiliyoona tokko kan caalan ammoo deeggarsa midhaan nyaataa fedhu.

Deeggarsi midhaan nyaataa hangi tokko naannocha qaqqabaa jiraatus mootummaan, garuu iddoowwan rakkoo nageenyaa hamaa qaban kanneen akka Kaaba Walloo keessatti sababa finciltoonni rakkoo uumaa jiraniif deeggarsa nyaataa qaqqabsiisuun rakkisaa ta'eera jedha.

Dubbi himtuun Waajjira Ministeera Muummee Itoophiyaa Billane Siyyum, "Humnoonni TPLF deggersatti gufuu ta'uun rakkoo lammiileen keessa jiran daran hammeesseera," jette.

Lammiilee waraana baqataa jiran, Naannoo Amaaraa, Zarima

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nannoo Amaaraatti lakkoofsi namoota waraana baqatanii qe'eesaaniirraa buqqa'anii dabalaa jira

TPLF gamasaatiin rakkoo mudate kanaaf deebisee mootummaa komata.

Bakka to'annoosaa jala jiru weeraruun, maloota quunnamtii fi tajaajila ibsaa irraa kutee rakkisaa jira jechuun mootummaarratti komii dhiyeessa.

Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP), naannoo Amaaraa bakka tokko tokkotti namoonni deeggarsa midhaan nyaataa barbaadan jiraatanis, ''ammatti garuu Kaaba Wallootti beelli mudateera kan jedhu sirrii miti,'' jedhe.

"Garuu akkuma waraanni babal'ataa deemuun bakkeewwan hedduu qaqqanuun rakkisaa waan ta'uuf rakkoon midhaan nyaataa godinichatti hammaachaa deema,'' jedhe WFP'n.

Danaa naannoo Amaaraa mul'isu
1px transparent line

Suuraalee nama dogoggorsan

Suuraaleen hedduun maxxanfamaa jiran rakkoon naannoo Amaaraatti mudataa jiru xiyyeeffannaa akka argatuuf jedhamee akka ta'e bira geenyeerra(BBC Fact-Check).

Suuraan tiwiitarii armaan gadiirratti gadi dhiifame bal'inaan qoodameera, garuu suuraan kun kan naannoo Amaaraa miti.

Suuraa bara 2011 hongee naannoo Somaalee (Ogaaden) gabaasuuf itti fayyadamne akka ta'e bira geenyeerra.

Tiwiitii suuraa naannoo Somaaleetti kaafame waliin
1px transparent line

Suuraaleen tiwiitiiwwan armaan gadiirratti maxxanfaman hedduunis kanneen dogoggoraan eeramaniidha.

Suuraan karaa bitaan jiru bara 2011 mooraa buqqatota naannoo Somaalee, kibba magaalaa Moqaadisoo keessatti kan kaafamedha.

Kan daa'ima ciistee jirtu agarsiisu ammoo Caamsaa darbe hospitaala Maqaleetti kaafame.

Suuraan inni sadaffaanis suuraa dhiyeenya naannoo Amaaraatti kaafame miti.

Viidiyoo miidiyaan naannochaa jalqaba ji'a kanaa gadi dhiise irraa bifa suuraan kan fudhatametu akka waan dubartii kaaba Walloo irraa buqqaateetti agarsiifame.

Maxxansi tiwiitarii kun erga jalqaba ba'ee booda yeroo 10,000 ol retweet godhameera.

Suuraalee naannoo Tigraay fi Somaalee tiwiitarii irratti ba'an

Suuraan kan biraan tiwiitarii armaan gadiirratti maxxanfame akka waan naannoo Amaaraa irraa ta'eetti ibsame.

Suurichi garuu Caamsaa darbe naannoo Tigraayitti kan kaafamedha.

Wayita lammiileen naannochaa waraana baqatanii mana barumsaa magaalaa Maqaleetti argamu keessa dhokatan kan kaafamedha.

Suuraa dubartootaa fi daa'imman naannoo Tigraay tiwiitarii irratti
1px transparent line

Suuraan kan biraan beela naannoo Amaaraa mul'isa jedhamuun tiwiitarii irratti maxxanfame ammoo kan beela bara 1984 Itoophiyaatti mudate mul'isudha.

Suuraan kun halluu gurraachaa fi adiidhaan jira, bara sana lammiileen kuma dhibbaan lakkaa'aman beelaan du'an.

Suuraa beela bara 1984 tiwiitarii irratti maxxanfame
1px transparent line
Reality Check branding