Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaa: Beela naannoo Amaaraa irratti suuraalee fi odeessaalee nama dogoggorsan
Waraanni Tigraay gara naannolee ollaa Amaaraa fi Affaar erga babal'atee kumaan kan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'anii, waan nyaatan dhabanii harka namaa eeggachuuf dirqamaniiru.
Namoonni miidiyaa hawaasummaarratti dubartootaa fi daa'imman hanqina nyaataan miidhaman walharkaa fuudhanii maxxansaa jiru.
Garuu suuraalee hedduun kan nama dogoggorsaniidha. Hedduunsaanii kanneen bakka biraatti akkasumas kanaan dura kaafamaniidha.
Suuraalee hedduun kan naannoo Tigraay, naannoo Somaalee fi kan beela bara 1984 irratti kaafaman fa'i.
Naannoo Amaaraatti hanqinni nyaataa hagam hammaataadha?
Akka mootummaan Itoophiyaa jedhutti sababa waraanaan lammiileen 500,000 buqqa'aniiru, miiliyoona tokko kan caalan ammoo deeggarsa midhaan nyaataa fedhu.
Deeggarsi midhaan nyaataa hangi tokko naannocha qaqqabaa jiraatus mootummaan, garuu iddoowwan rakkoo nageenyaa hamaa qaban kanneen akka Kaaba Walloo keessatti sababa finciltoonni rakkoo uumaa jiraniif deeggarsa nyaataa qaqqabsiisuun rakkisaa ta'eera jedha.
Dubbi himtuun Waajjira Ministeera Muummee Itoophiyaa Billane Siyyum, "Humnoonni TPLF deggersatti gufuu ta'uun rakkoo lammiileen keessa jiran daran hammeesseera," jette.
TPLF gamasaatiin rakkoo mudate kanaaf deebisee mootummaa komata.
Bakka to'annoosaa jala jiru weeraruun, maloota quunnamtii fi tajaajila ibsaa irraa kutee rakkisaa jira jechuun mootummaarratti komii dhiyeessa.
Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP), naannoo Amaaraa bakka tokko tokkotti namoonni deeggarsa midhaan nyaataa barbaadan jiraatanis, ''ammatti garuu Kaaba Wallootti beelli mudateera kan jedhu sirrii miti,'' jedhe.
"Garuu akkuma waraanni babal'ataa deemuun bakkeewwan hedduu qaqqanuun rakkisaa waan ta'uuf rakkoon midhaan nyaataa godinichatti hammaachaa deema,'' jedhe WFP'n.
Suuraalee nama dogoggorsan
Suuraaleen hedduun maxxanfamaa jiran rakkoon naannoo Amaaraatti mudataa jiru xiyyeeffannaa akka argatuuf jedhamee akka ta'e bira geenyeerra(BBC Fact-Check).
Suuraan tiwiitarii armaan gadiirratti gadi dhiifame bal'inaan qoodameera, garuu suuraan kun kan naannoo Amaaraa miti.
Suuraa bara 2011 hongee naannoo Somaalee (Ogaaden) gabaasuuf itti fayyadamne akka ta'e bira geenyeerra.
Suuraaleen tiwiitiiwwan armaan gadiirratti maxxanfaman hedduunis kanneen dogoggoraan eeramaniidha.
Suuraan karaa bitaan jiru bara 2011 mooraa buqqatota naannoo Somaalee, kibba magaalaa Moqaadisoo keessatti kan kaafamedha.
Kan daa'ima ciistee jirtu agarsiisu ammoo Caamsaa darbe hospitaala Maqaleetti kaafame.
Suuraan inni sadaffaanis suuraa dhiyeenya naannoo Amaaraatti kaafame miti.
Viidiyoo miidiyaan naannochaa jalqaba ji'a kanaa gadi dhiise irraa bifa suuraan kan fudhatametu akka waan dubartii kaaba Walloo irraa buqqaateetti agarsiifame.
Maxxansi tiwiitarii kun erga jalqaba ba'ee booda yeroo 10,000 ol retweet godhameera.
Suuraan kan biraan tiwiitarii armaan gadiirratti maxxanfame akka waan naannoo Amaaraa irraa ta'eetti ibsame.
Suurichi garuu Caamsaa darbe naannoo Tigraayitti kan kaafamedha.
Wayita lammiileen naannochaa waraana baqatanii mana barumsaa magaalaa Maqaleetti argamu keessa dhokatan kan kaafamedha.
Suuraan kan biraan beela naannoo Amaaraa mul'isa jedhamuun tiwiitarii irratti maxxanfame ammoo kan beela bara 1984 Itoophiyaatti mudate mul'isudha.
Suuraan kun halluu gurraachaa fi adiidhaan jira, bara sana lammiileen kuma dhibbaan lakkaa'aman beelaan du'an.