Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyya manneen nyaataa Itoophiyaa hedduu qabdu garuu biddeen keessatti hin baane
Akkuma biyyoonni addunyaa hundinuu soorata ittiin beekaman kan mataasaanii qaban Itoophiyaanis biddeeniin beekamti.
Kutaa addunyaa lammiileen Itoophiyaa keessa jiraatan hedduu biddeen hin dhibu.
Akkas jechuun garuu biyya addunyaa hunda keessatti biddeen tolchuun ni danda’ama jechuu miti.
Kanaaf ammoo wanti Yunayitid Arab Emireetis (UAE) keessatti argine ragaadha.
Kutaalee UAE jiran torban keessattuu biddeenni hin ba’u yookiin tolchuun hin danda’amu.
UAE keessa lammiilee Itoophiyaa kuma dhibbaan lakkaa’aman ni jiraatu. Kanneen seenanii ba’an dabalatee yeroo lakkoofsi lammiilee Itoophiyaa biyyattii keessatti kuma 300 ga’an ni jira.
Keessattuu magaalonni akka Dubay fi Abu Dhabi lammiilee Itoophiyaaf akka mana lammaffaatti ilaalamu. Haalli kun manneen nyaataa Itoophiyaa biyyattii keessa akka heddummaatan taasiseera.
Manneen nyaataa kunneen hundisaanii nyaata Itoophiyaa dhiyeessu. Kana keessatti biddeenni utubaadha.
Magaalota Dubaayi fi Abuu Dhaabii dabalatee kutaalee biyyattii hedduu keessaa mana nyaataa kan qabdu Aadde Saaraa Araadi UAE keessatti ''biddeen tolchuu yaallee dadhabnee dhiisne,'' jetti.
Aadde Saaraan waggoota 30 caalaniif UAE keessa iddoowwan garaagaraa jiraatteetti. Mana nyaataa erga bantee ammoo waggaa 26 caaleera.
Waggaa hanga kana biddeen guyyaa guyyaan Itoophiyaarraa fe’uudhaan maamilaaf dhiheessiti.
Mana nyaataa Saaraa- Al Habashaa Restaurant dabalatee maneen nyaataa Itoophiyaa UAE keessa jiran hanga digdamaa ni ta’u.
Magaalaa Dubaay keessaa mana nyaataa kan qabdu Sooyyomee Abdiisaa, UAE keessatti nyaata Itoophiyaa daldaluuf qormaati guddaan dhimma biddeeniin walqabatu akka ta’e BBCtti himte.
Aadde Sooyyomeenis akkuma Aadde Saaraa Dubaay fi kutaalee UAE kaan keessatti biddeen tolchuuf yaaltee akka isheef milkaa’uu dide himte.
Kanaaf ''biddeen guyyaa guyyaan xiyaaraan biyyaa garanatti fidna. Kaargoodhaan waan dhufuuf kaffaltiinsaa guddaadha. Asitti ammoo biddeenni hin ba’u. Biddeen guyyuu biyyaa fiduun qormaata cimaadha,'' jette Aadde Sooyyomeen.
Manni nyaataa qabeenya Aadde Sooyyomee ta’e kan Dubaayitti argamu- Reestooraantiin Kiilolee bakka nyaatni aadaa fi kuusaan meeshaalee aadaa Oromoo itti argamaniidha.
Soorataa fi meeshaalee aadaa biyyaa calaqqisiisan kunneen biyyaa fiduun Aadde Sooyyomeef qormaata dabalataati.
''Kan asii argannu waan akka shunkurtii qofadha. Waan kaan hunda biyyaa fidna. Biddeen, dhadhaa, ancootee, meeshaalee aadaa hunda biyyaa kaargoodhaan feenee fidna. Asitti mana nyaataa hojjechuun salphaa miti.''
Biddeen bareedaa tolchuuf...
Biddeen tolchuuf kan oolu xaafiin uumamaan albuuda ayiranii jedhamuun kan badhaadhe.
Xaafiin midhaan kaan caalaa iji isaa baayyee xixiqqoo waan ta’eef tumamee qollisaa irraa hin ba’u.
Kunimmoo midhaan kun osoo albuudasaa hin gatin akka gabateerra ga’u taasisa.
Xaafiin erga haamamee calleeffamee daakuutti geeddaramee booda biddeenitti geeddaruuf adeemsa keessa darbu qaba. Ammuma daakanii ammuma bukeessanii eeleerratti hin dhooban.
Daakuun xaafii bukeeffamee yoo xiqqaate guyyaa sadi turuun adeemsa fermentation jedhamu gaggeessuu qaba jedhu ogeeyyiin midhaan kanarratti qorannoo gaggeessan.
Yunivarsitii Finfinneetti ogeessa xiinxala soorataafi Asooshiyeet Piroofeesara wiirtuu qorannoo xiinxala soorataa, Dr Qaal'aab Baayyee ‚''Biddeenni tolfamuun dura bukeeffamee adeemsi hanga guyyaa sadiitti akka turu taasifamu ‘fermentation’ fayyaaf gargaara. Hanga tahes gara asiidiitti jijjiirama,'' jedhan.
Garuu asiidiirraa qabiyyeen nyaataa gaarii akkamiin argama?
Dr Qaal'aab ‚''adeemsa farmeentation jedhamu kanaan asiidiin argamu baakteeriyaa ilmaan namaa dhukkubaaf saaxiluu danda’an carraa wal-horuu isaanii hir’isuun nyaata fayyaaf tolu akka tahu taasisa,'' jedhu.
''Adeemsi kuni vitaamiinis nuu fidee dhufa. Isa xaafii keessa hin jirre vitaaminoota dabalataa akka argannu nu taasisa,'' kan jedhan Dr Qaal'aab, ''daakuun xaafii bukeeffamee turuun isa yaadneen caala faayidaa qabaachuu akka malu tilmaamna'' jedhu.
Daakuun xaafii bukaa’ee buddeen tolchuuf akka ta’uuf raacitiin jala jiraachuu qaba.
Raacitiin daakuu erga bukaa’ee baayyee ture yookiin ammoo bukoo duraan biddeen irraa tolfamerraa kan argamudha.
Namoonni ogummaa biddeen tolchuu qaban erga tolchanii booda raacitii xiqqooshee jalatti hambifatu. Raacitiin jala hin jiru taanaan akkaataa barbaadamuun hin bukaa’u.
Daakuun xaafii biddeenaaf ta’u bukaa’ee erga guyyaa sadi fi isaa olis turee booda xiqqoo irraa kutanii bulluqa bishaaniin erga danfisanii booda walitti makuun xiqqoo eegu.
Erga bukoon walitti makame sirriitti ba’ee booda eeleerratti diriirsuu eegalu. Biddeen sirrii ta’uunsaa jalqabuma eeleerratti beekama. Yoo ija ba’e biddeen mishaadha jedhama.
Namoonni UAE keessaa mana nyaataa qaban kunneen achitti adeemsa kana keessa darbuutu qormaata itti ta’e.
UAEtti maaltu rakkoo ta'e?
Biyyi Galoo Galaanaa taate UAEn bishaan yaa'u hin qabdu, garuu galaana haroon kan marfamtedha.
Akkasumas haalli qilleensaa biyyattii kan Itoophiyaan waladda. Baayyee kan ho'uu fi yeroo garii ammoo rooba achii dhufteesaa hin beekamneen lolaan hamaan kan keessatti mudatuudha.
Namoonni manneen nyaataa biyyattii keessaa qaban fi BBCn dubbise kunneen waan biddeena tolchuuf barbaachisu hunda: daakuu xaafii, bishaan, raacitii, eelee fi waan hunda geessanis inuma dide jedhan.
''Baayyee yaalle. Kan irratti tolchan (eelee), bishaan, daakuu xaafii, bukeessineellee fidnee hinuma dide. Wayita ba’u biddeen hin fakkaatu. Baayyee jabaata. Yoo ba’ellee guyyaa tokko bullaan hin nyaatamu. Akka mukaatti goga,'' jette Aadde Saaraan.
''Qilleensa ta’ee, bishaan ta‘ee waan mijachuu dide hin beeknu. Kanarraa kan ka’e biddeen ho’aa biyyaa fiduuf dirqamneerra. Ganama kan tolfame sa’a booda as ga’a. Yeroo garii ammoo waaree booda tolfamee galgala ergama, ganamaan as ga’a. Kan as ga’e guyyaama tokkotti dhuma. Guyyaa itti aanummoo ho’aansaa dhufa.''
Aadde Saaraan sababuma kanaan biyyatti dhaabbata biddeen tolchee gara Dubaay ergu hundeessite.
''Dhaabbata biddeen tolchu Finfinnee, Booleedhaa qabna. Biddeenni guyyaa guyyaadhaan ho’aansaa dhufa,'' jette.
Aadde Saaraan biddeen biyyaa xiyyaaraan gara Dubaay feetu mana nyaataa ishee qofaaf miti kan fayyadamtu.
''Nuti biddeen ni raabsinas. Dhaabbileen biddeen gara biyya kanaa ergan hedduudha. Nuti garuu qulqullinarra waan xiyyeeffannuuf manneen nyaataa hedduun nu biraa fudhatu.''
Baabura midhaan daaku akka qabdu kann himtu Aadde Saaraan, ''Xaafii filachuurraa eegalee hanga biddeen ho’aa biyyanatti erguutti qulqullinaaf dursa waan kenninuuf itti milkoofneerra,'' jette.
Ragaan Dhaabbata Soorataa, Dhugaatii fi Misooma Qorichaa Itoophiyaa akka agarsiisutti biddeenni oomishaalee alergii isaan ijoo keessaa tokko ta’uu baatus garuu biyyattiif madda galii sharafa alaa ta’eera.
Gabaasi Dhaabbata Oduu Itoophiyaa (ENA) kan bara 2019 akka mul’isutti galiin alergii biddeenaarraa waggaatti argamu doolaara Ameerikaa biiliyoona 15 oliin dabaleera.
Dhaabbileen biddeen gara alaa ergan 15 ol ta’uu kan eere gabaasi kun, biyyoonni biddeenni itti ergamus Baha Giddugaleessaa, Ameerikaa, Awurooppaa fi Kanaadaa fa’a ta’uu ibse.