Restoraantiin Kiiloolee Dubaay mana-nyaataa qofa miti, godambaafi ambaasaaddara aadaati

Restoraantiin Kiiloolee Dubaay mana-nyaataa qofa miti, godambaafi ambaasaaddara aadaati

Sooyyomeen waggaa 12 dura gara Yunaayitid Arab Imireetis wayita imaltu bakka deemtuu fi maal hojjechuu akka deemtu beektee biyyaa baate.

Hojii xiqqoorraa ka'uun sadarkaa kanarra akka geesses himte.

''Jalqaba kaampaanii Abu Dhabi-ADNH jedhamu tokkotu nu fide. Kaampaaniin kun namoota hedduu fudhataa ture. Anis odeeffannoo kana karaa hiriyaa koo argadheen dhufe.''

Sooyyomeen akkamiin sadarkaa hojii mataashee eegaluurra akka geesse wayita ibsitu, ''yeroo hundaa sammuu koo keessa kan jiru guddachuu fi guddachuu qofadha,'' jetti.

''Umriidhaan bilchina qabaachuu baadhus, akka namoota kaanii kaayyoo koorraa hin raafamne. Kaayyoo kootti cicheen milkaa'e.''

Hojii qofa osoo hin taane barnootaanis of fooyyessuu himte Sooyyomeen.

Restoraantiin Kiiloolee Dubaay jiru ammoo Sooyyomeef milkaa'ina dhuunfaashee miti; aadaafi eenyummaa biyyaatiifillee ambaasaaddaradha.

Dhaawwadhaa