Waraana Tigraay: Finciltonni Tigraay Affaar keessaa mo'amanii bahuu mootummaan hime, TPLF mo'amnee miti jedha

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS
Bakkeewwan Naannoon Affaar Naannoo Tigraay daangessutti seenanii kan turan finciltoonni Tigraay mo'amanii naannichaa bahuun isaanii ibsame.
Mootummaan federaalaafi Naannoon Affaar akka jedhanitti baatii Adoolessaa as Naannoo Afaar kan seenan finciltoonni TPLF haleellaa Raayyaa Ittisa Biyyaafi Humna Addaa Affaarin tarkaanfiin irratti fudhatame naannichaa baheera jedhan.
Dubbii Himaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABBUT/TPLF) Getaachaw Radaa Affaarii bahuu mirkaneessaniiru. Garuu, kan baane mo'amne miti jechuun Rooyitarsiif himan.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Diinaa Muftii ibsa har'a kennan irratti ''odeeffannoo waraanaa qabnuun tarkaanfii waraanaa irratti fidhatamaneen mo'amee baheera,'' jechuun dubbataniiru.
Naannoon Affaar bakkeewwan finciltoonni Tigraay qabatanii turanirraa lola waliitti aanee gaggeeffameen guutummaa guututti akka bahan taasifamuu gaafa Wiixataa eegalee ibsaa ture.
Biiroon Kominikeeshinii Affaar Godina Fanti Rasuu (Godina 4) irraa finciltoonni Affaar akka bahan taasifamuu ibseera.
Dubbii Himaan TPLF Obbo Getaachaw Radaa Naannoo Affaar keessaa bahuu Rooyitarsiif mirkaneessaniiru. Ta'us, mo'amanii akka hin taane dubbatan.
''Hin mo'amne. Naannoo Affaaritti walitti bu'iinsi hin turre. Kanaaf sochii waraana isaanii gara bakkeewwan gaarreen Amaaraatti sochoosneerra,'' jechuun himan.
Himannaa gama bitaa mirga jiru qaama walabarraa mirkaneessuun rakkisaadha. Ta'us, torban muraasa darban TPLF bakkeewwan Naannoo Amaaraa keessaa akka bahu taasifamaa ture.
Dabalataan, TPLF hidhattoota isaa Amaaraafi Affaarii baasuu isaa gama Televijinii Tigraayiin himeera.
Ibsa Televijinii Tigraay irratti darbeen bakkeewwan Affaariifi Amaaraa keessaa kan bahan mootummaan lammiilee nagaa lolicha irratti hirmaachisuu isaati jedheera.
Mootummaan Federaalaa xumura baatii Waxabajjii darbe labsii dhukaasa dhaabuu gamtokkee labsuun waraana Tigraayii baasee ture.
Haa ta'u malee, TPLF haalduree malee dhukaasa akka hin dhaabne ibsuun haleellaa banuun bakkeewwan Affaariifi Amaaraa seenanii to'atanii turan.
Torbanoota muraasa darban Raayyaan Ittisa Biyyaa Humnoonni Addaa Naannolee akkasumas milishoonni bakkeewwan finciltoonni Tigraay qabatanii turan gadhiisisuuf lola cimaa gaggeessaa akka jiran gabaafamaa ture.
Kanaanis mootummaan federaalaa injifannoo galmeessisaafi bakkeewwan to'ataman gadhiisisaa akka ture akkasumas finciltoonni TPLF bakkeewwan irraa yoo gadhiisan lammiilee nagaa irratti haleellaa raawwachuufi qabeenya mancaasuu isaanii himataa ture.
Torban darbe Godina Gondar Kaabaa Aanaa Dabaat bakka Cinaa jedhamutti hidhattoonni TPLF lammiilee nagaa 120 ol ajjeesuu isaanii jiraattonniifi bulchaan aanichaa BBC'tti himanii turan.

Madda suuraa, EBC
TPLF gama isaatiin haleellaan isaaniin raawwate isa jedhame ''dhugaa miti'' jechuun waakkateera.
Bakkeewwan naannoo Amaaraa biroofi Affaar keessaa immoo Gaalikomaa dabalatee haleellaa raawwateefi lubbuu lammiilee nagaa badeef hidhattoonni TPLF himataniiru. Ta'us, isaan hin raawwane jedhanii waakkatu.
Miidhaa waraanni Tigraay dhaqqabsiise
Waraanni baatii kudhan dura Tigraayitti eegale Naannoo Affaariifi Amaaraatti ce'uun namoota miiliyoonaan lakkaa'aman balaa beelaaf saaxileera.
Naannoo Amaaraafi Affaar keessatti qofa lammiileen 500,000 ol ta'an immoo buqqa'uu mootummaan Itoophiyaa ibseera.
Sagantaan Nyaataa Addunyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii naannolee lamaanitti walumaagala ummanni hanga miiliyoona 1.7 ta'u balaa beelaaf yoo saaxilu ummanni 300,000'tti siqummoo qe'eerraa buqqa'eera jedheera.
Tigraayitti immoo ummanni miiliyoona 5.2 ta'u deeggarsi nyaataa atattamaatu barbaachisaaf jechuun dhaabbatichi yaadachiiseera.
Waraana hanga ammaa tureen lammiileen nagaa kumaan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru.












