Waraana Tigraay: 'Fandii dabalataa dhibnaan deeggarsa namoota miliyoona afuriif Kaaba Itoophiyaatti goonu adda kutna' - WFP

Sagantaan Nyaata Adunyaa fandiin dabalataa hin argamu yoo tahe Kaaba Itoophiyaatti deeggarsan dhiyeessu adda kutuuf dirqama jedhe

Madda suuraa, WFP

Ibsa waa'ee suuraa, Sagantaan Nyaata Adunyaa fandiin dabalataa hin argamu yoo tahe Kaaba Itoophiyaatti deeggarsan dhiyeessu adda kutuuf dirqama jedhe

Fandii dabalataa hin argannu taanaan deeggarsa midhaan nyaataa Kaaba Itoophiyaatti namoota miliyoona afuriif goonu adda kutuuf dirqamna jedhe Sagantaan Nyaata Adunyaa.

Dhaabbatichi fuula Tiwiiterii isaa irratti akka beeksisetti namoota miliyoonaan lakkaa'amaniif ji'a dhufu deeggarsa nyaataa dhiyeessuuf fandii dabalataa barbaada.

''Yeroon uummata miliyoonotaan lakkaa'aman Kaaba Itoophiyaa deeggaruuf jiru dhumaa jira. Yoo fandii dabalataa hin argannu tahe dhiyeessii nyaataa hir'isuuf yookaan ammoo rabsa nyaataa naannoo Affaar, Amaaraa fi Tigiraayitti uummata miliyoona afuriif taasifnu adda kutuuf dirqamna,'' jedhe WFP.

Naannoo Tigiraay kan bulchaa jiruu fi mootummaa federaalaan shororkeessaa jedhamee kan labsame TPLF, ibsa baaseen baatii Hagayyaa keessa qofa namoonni 150 ta'an beelaan du'aniiru jedhe.

Duuti kun jiddugaleessa Tigraay Maayi Qinetaal, Qollaa Tambeen fi Taanquwaa Millaash, Baha Tigraay Hawuzeen akkasumas Kibba Tigraay Silaawaa fi Inda Makoni bakkoota jedhamanitti kan mudatedha jedha ibsi kun.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii UN akka jedhutti naannicha keessatti namoonni 400,000 beelaaf saaxilamaniiru. Namoonni miliyoona 5.2 ta'an ammoo deeggarsa barbaadu.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaata Adunyaa WFP'n, deeggarsa ariifachiisaa Kaaba Itoophiyaa naannoo waraanni itti gaggeeffamaa jiru taasisaa jiru bal'isuus himeera.

Naannoo Affaar, Amaaraa fi Tigiraay keessaatti walumaagalaan namootni miliyoona torba tahan beelaaf saaxilamaniiru jedhe.

WFP akka jedhetti mankusaan isaa naannoo Tigiraay keessa jiru qullaa taheera. Guyyaatti deeggarsa lammiilee barbaadaniif dhiyeessuuf konkolaattotni 100 tahan guyya guyyaan deeggarsa fe'anii galuu akka qaban hime.

Haa tahu malee daandii irratti danqamanii turuu irraa kan ka'e deeggarsa barbaachisu dhiyeessuuf rakkachuu hime. Konkolaattotni deeggarsa nyaataaf kaan qabachuun daandii irratti danqamanii turan 100 kaleessa Maqalee galaniiru.

Waraanni naannoo Tigiraay keessatti humnoota TPLF fi humna waraanaa mootummaa Itoophiyaa waliin godhamaa ture gara naannoo Affaarii fi Amaaraatti ce'uun namoota 300,000 tahan qe'ee irraa buqqisee, namoota miliyoona 1.7 tahan dabalataan beelaaf saaxilera jedhe WFP.

Dabalataan WFP Itoophiyaa bakkeewwan socho'u keessatti deeggarsa dhiyeessuuf doolaara miliyoona 426 tahu akka isa hanqatu himeera.

Kanaaf fandiin dabalataa hin argamu taanaan deeggarsa nyaataa dhiyeessaa jiru adda kutuuf yookaan ammoo xiqqeesuuf akka dirqamudha kan beeksise.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Naannoo Tigraay baatilee sagalii oliif waraanaan goolamaa turte keessatti namoonni fi bineeldonni beelaa fi yaala fayyaa dhabuun du'aa akka jiran biiroon qonnaa naannichaa beeksiseera.

"Gandootaa fi magaalota keessa hanqina nyaataa fi qorichaa hamaatu jira. Rakkoon jiru kan nuti beeknu caalaa hammaataa ta'uu danda'a," jechuun ABUT/TPLF jalatti hogganaa biiroo qonnaa Tigraay kan ta'an Dr Atinkuut Mazgaboo BBC'tti himaniiru.