Waraana Tigraay: Ijoollee waraana hololaa Itoophiyaa keessatti meeshaa ta'an

Namoota afaar keessaa

Jechi burjaajjii waraanaa (war fog) jedhu yeroo baayyee burjaajjii dirree waraanaarra jiru ibsuuf gargaara. Gara Itoophiyaatti yoo dhufu garuu walitti bu'insa garee finciltootaa Tigraayiifi humnoota mootummaa gidduutti hammaachaa jiru irratti waraana odeeffannoo irratti hadheeffatanii wal lolanis sirriitti ibsa.

Dhiyeenya kana BBC'n yeroo ijoollee ol-adeemoo osoo finciltoota Tigraayiif lolaa jiranii qabaman jedhaman waliin gaaffiifi deebii akka taasisu hafeerametti of eegannootiin ture hafeerricha kan simate.

"Akkan isaanitti makamuuf yeroo loltoonni Tigraay dirqamaan na qabatan ani hiriyyoota kiyya waliinan kubbaa miilaa taphtaan ture," jechuun bilbilaan nutti hime gurbaan umuriin isaa waggaa 17 ta'e naannoo Affaar kan Tigraay daangessurraa.

Walitti bu'insi Kaaba Itoophiyaa Tigraay keessatti Sadaasa darbe jalqabe gara naannolee hollaa Affaariifi Amaaraatti baballachuun TPLF dhiyeenya kana magaalaa bataskaana seena qabeessa ta'e - Laalibalaa qabateera.

"Humnaanan gara adda waraanaatti geeffame," jedhe Tigraay keessatti barataa kutaa 10 akka ta'e kan nutti hime ol-adeemaan biroo. "Maatiin kiyya waan tokkoyyu jechuu hin andeenye sababiin isaa lubbuu isaaniitiif sodaatu ture."

Shamarreen umuriin ishee waggaa 19 taate akkas jette: "Leenjii loltummaa tokkollee hin fudhanne. Gara Affaaritti nu geessan. Yoo nuti lolichatti hin makamnu ta'e maatii keenya ajjeesna jedhanii nu sodaachisan."

Ijoolleen dhiiraafi dubaraa lakkoofsaan 50 ta'an Tigraay bakka magaalaa guddoo naannichaa Maqaleetti dhiyoo ta'etti marfamuun fehii isaanii malee akka waraanan dirqisiifamuu ijoolleen ol-adeemoon kun nutti himaniiru. Kun kan ta'e osoo humnoota naannoo mootummaa Federaalaa waliin hiriiraniin Affaar keessatti hin qabamiin dura.

Namota Afaar keessaa
Ibsa waa'ee suuraa, Ijoollee muraasaa TV biyya keessaa irratti mul'ifaman

Mallattoon wanti ta'e tokko akka sirrii hin ta'iin itti mul'ate yeroo aanga'oonni Affaar akka nuti gaaffiifi deebii afaan dhalootaa isaanii Tigirinyaan osoo hin taane afaan Amaaraan akka gaggeessisuuf cichanii nu gaafatan ture.

Isaan booda, dubbi himaan naannichaa ijoolleen kun maal jechuu akka qaban osoo itti himuu dhaga'uu dandeenyeerra.

Gaaffiifi deebiiwwan wal fakkaatan yeroo ijoolleen ol-adeemoo kun barattoota mana barumsaa sadarkaa ol-aanaa dadhabbiin irraa mullatu fakkaatanii, gariin isanii ammoo madaa lolarratti isaan mudate fakkaatu irraa mul'atutu kaamera dura suutaan osoo darbaa jiranii televizhiniiwwan biyya keessaarratti tamsa'aniiru.

Walitti bu'insi kun ji'a Sadaasaa keessa kan eegale yoo tahu wal dhabdeen MM Abiy Ahimadii fi TPLF gidduu ji'ootaaf ture erga bal'ateeti. Kunis erga MM Abiy Ahimad erga haaromsa wal falmisiisaadha jedhame jalqabanii yoo tahu, duraan lamaanuu michuummaa siyaasaa qabu ture.

Loltootni Eertiraa gara Abiy tahuun waraanichatti makamaniiru. Abiy Ahimed TPLF ''shororkeessummaan'' himata. Isaan ammoo bulchaa seera qabeessa naannoo Tigiraay akka tahan himu.

Mootummaan Itoophiyaa seera idil adunyaa cabsuun, TPLF ijoollee loltummaaf filuun itti dhimma bahu jechuun himata. Kun waraana ji'oota saddetiin booda erga humnoonni TPLF Maqalee deebisanii qabatanii booda.

Dubbii ijoo kanaaf ka'umsa kan ta'e gabaasa Niiw Yoorki Taayimsi waa'ee waraana kanaa suraaleen dabaalee gabaaseera. Suuraa sana irrattis gariin ijoollee umuriin isaanii waraanaaf hin geenye akka tahan agarsiisa.

Gabaasichi garuu ''ijoollee oladeemoo baayyee onnachuun itti makama'' jechuun ibsa. Ijjoolleen kunneenis ''waan suukaneessaa waraanichaa, ajjeechaa, duguggaa sanyii fi miidhaa saalaa bal'aa dhaqqabuun'' garaa hammaachuun kaka'an jedha.

Ergasii MM Abiy Ahimedii fi deeggartoonni isaa miidiyaa hawwaasaa irraa, humnootiin Tigraay dirqamaan ijoollee waraanaaf bobbaasaa jira jechuun himataa turan. Qoricha sammuu namaa hadoochu kennuufiin gara adda waraanaatti akka dura hiriiran gochaa jiru jedhu.

Dubbii himaan TPLF Geetaachoo Raddaa ammoo, ijoolleen humnaan waraanatti akka makaman tahaniiru himata jedhu ni haala.

''Namni umuriinsaa waggaa 18 ta'e loltuttii dabalamun umurii seeraan kan hayyamame ta'ulleen, waa'een ijoollee umuriinsaanii ganna 17,18, 19 ta'e kana ilaalchisee rakkoon yoo jiraate,- ijoollee kunneen warra loltoota Eertiraa, humnoota Abiy fi humnootii Amaaraa kanneen lafa bal'ifataniin miidhaan dubbachuuf rakkisaa ta'e maatiin isaanii irra gaheedha,'' jedhe.

Miseensoota milishoota Amaaraa konkolaataa irratti. Maayi Kaadiraa, Sadaasa 21, 2020

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Milishoonni Amaaraa gartokkee lixa Tigraay to'annoo jala galfatan

Jalqaba ji'a kanaatti haleellaa cimaan buufata fayyaa Affaar keessa jiru irratti dhaqqabe. Miidiyaaleen hawwaasaas battalumatti namootni 100 ol humnoota TPLF'n ajjeefaman jechuun wal harkaa fuudhan.

hashtag #AfarMassacre [ajjeechaa Affaar] jechuun miidiyaalee hawaasaarra qoodamu eegale. BBC'n doktara hospitaala naannichaa tokko gaafatee, namoonni 12 garaasaanii geeffaman miidhaa irra gaheen du'u himan.

Garuu namni bakka sanarraa lakkoofsa namoota ajjeefamanii sirrii nuuf kenne hindandeenye ture. Humnoonni TPLF ajjeechichaa kana waakkachuun, qorannoon akka gaggeeffamuuf banaa tahuu beeksisan.

Waa'ee waraanicha keessatti himannaa fi deebiin himannaa wal harkaa fuudhuu guyyaa guutuu irratti mootummaadhaan, TPLFn akkasumas deeggartoota isaanii Itoophiyaa fi biyya alaatti argaman irraa karaa tiwiitaraafi facebook bal'inaan qoodame.

Gutummaa Tigraayiitti gara baatii lamaatiif tajaajilli bilbilaa fi intarneetii waan adda citeef odeeffannoo naannicharraa argachuun hin danda'amu.

Mootummaan federaalaa ammoo hanga humnooti TPLF dhukaasa hin dhaabnetti sararri qunnamtii hin deebi'u jedha.

Humnootni TPLF ammoo hanga dhorkaan ka'uu fi humnoonni diinaa hundi naannichaa bahanitti dhukaasa hin dhaabnu jedhu.

''Mootummaan federaalaa odeeffannoo to'achuutti kan cicheef hoggantootni Tigraay haala kamiinu olola siyaasaaf akka itti hinfayyadamneefidha. Dabalataan dhaabbileen siivilii fi Miidiyaa Itoophiyaa cimaa waan hin taaneef, eenyutu maal gochaa jira kan jedhu saaxilaa hin jiru.

''Kanaafuu, dhimmoon wal makoo waraanichatti hurrii uwwisan baay'eetu jiru,'' jedhe 'International Crisis Group' tti xiinxalaa gameessa dhimma Itoophiyaa Wiil Daavinsan.

Loltuu humna Tigraay Waxabajjii 30, 2021

Madda suuraa, AFP

Dhiyeessiin deeggarsa namoomaa - kan ogeessonni uummatni kumaatamni beela hamaaf saaxilamaa jiru jedhus qabxii murteessaa biraa tahee tureera.

Waxabajji 1, 2021 yeroo riqichi Takkazzee haleelame, hulaan deeggarsi ittiin keessumaa Lixa Tigiraayiif dhiyaatu dhabbate. Mootummaan federaalaa kanaaf humnota TPLF himate.

Garuu Mr Daavinsan falmiin sun walitti hidhata hinqabu jedhera.

''Erga motummaan federaalaa duubatti deebii'ee humnootni Tigraay haleelaa turan. Isaanis kan barbaadan lixa Tigiraay, karaa gargaarsa, daldalaafi tajaajilawwan murteessoo ta'an deebisanii qabachuuf barbaadu. Akkas taanaa, maaliif riqicha ittiin ce'uuf barbaachisaa ta'e kana ofiin jigsu?'' jedhe daavinsan.

''Haata'u malee humnoonni Amaaraa fi federaalaa erga of duuba deebii'anii Tiraayiitti cufuuf yeroo yaalaa turaniitti lixa Tigiraay qabachuu waan barbaadaniif riqichicha balleessuuf sababa guddaa qabu.''

Erga waraanichi jalqabee namootni kumaatamaan ajjeeffamanii, kanneen miliyonootaan lakkaa'aman ammoo buqqa'aniiru. Qaamoleen lamaan ammoo sarbama mirga namoomaan himatamaa turan.

Humnootiin TPLF daangasaanii dhiheenya deebiifatan hordofe, MM Abiy Ahimed ''lammiileen Itoophiyaa umuriin isiniif eeyyamu hundi,'' waraana finciltoota kana irratti taasifamu kanatti makamaa jechuun waamicha godhan.

Mariin siyaasaa waan yaadamaa jiru miti. Akkasumas odeeffannoon waraanaa mallattoo hirrachaa jiraachu mul'isuus hinjiru.

line
line