Waraana Tigraay: Yuunivarsiitii Dabra Maarqoos maaliif hojjettoota isaaf leenjii loltummaa kenne?

Madda suuraa, Debre Markos University
Naannoo Amaaraa keessatti kan argamu Yunivarsitiin Dabra Maarqoos pireezidantii dabalatee hojjettootni isaa 200 ol leenjii bu'uuraa loltummaa fudhachuu isaanii yuunivarsiitichi beeksiseera.
Hojjettootni Yunivarsiitichaa leenjiin bu'uuraa loltummaa nu barbaachisa jedhanii waan gaafataniif, yuunivarsiitichi qajeelcha Poolisii Gojjaam Bahaa waliin ta'uun, leenjicha akka qopheesse hoogganaan hariiroo hawaasaa fi Kominikeeshinii Yunivarsiitichaa Obbo Girmaaw Ashabbir BBC'tti himaniiru.
Leenjii Dilbata darberraa eegalee kennamaa jiru kana amma dura pireezidantii yunivarsiitichaa dabalatee hojjettootni 200 ol leenji'u himu Obbo Girmaawu.
Hireen akka yuunivarsiitiilee Dabra Taaboorii fi Woldiyaa isaan mudachuu dura, deeggarsa humna addaa naannichaa ta'uu akka danda'aniif gaaffii hojjettootni dhiyeessaniin leenjiin loltummaa bu'uuraa kennamuu eegaluu himan.
Yuunivarsiitiileen Waldiyaa fi Dabra Taabor magaalota humnooti Tigraay to'anne jedhan keessa jiru. Mootummaan naannoo Amaaraa magaalotni kunneen to'atamuu ni waakkata.
Waraanni naannoo Tigraay keessatti sadaasa darbe eegalame gara naannolee Amaaraa fi Affaaritti ce'eera.
Mootummaan naannoo Amaaraa irra deddeebiin uummatni naannichaa waan qabuun duulee humnoota TPLF akka ofirraa ittisu waamicha gochaa ture.
Leenjiin darbe yuunivarsitiin Dabra Maarqoos hojjettoota isaaf kennuu eegale, leenjiftoota qajeelchi leenjii humna addaa naannoo Amaaraa irraa dhufaniin kennamaa jira.
Hawaasni yuunivarsiitichaa waraana humnoota TPLF wajjiin godhamu miindaa ji'aa arjoomuun deeggareera kan jedhan Obbo Girmaawu, deeggarsi kun akkuma mootummaan naannichaa waamicha godheen ''hanga adda waraanaatti duuluutti itti fufuu danda'a," jedhan.
Dhaabbileen Baranoota olaanoo dirree qaroominaa bakka baruuf barsiisuu akkasumas qo'annoo fi qorannoon itti gaggeefamu ta'us, haalli nageenyaa amma naannichaa fi akka biyyaatti jiru hojjettootni dhaaba barnootaa kanaa duulaaf akka qophaa'an dirqiisiisuu dubatu
Dhaabbileen barnootaa haala qabatamaa biyya keessa jiruun alatti akka odolaattii waan kophaa jiraatan mitii kan jedhan Obbo Girmaaw, ''qooddattoota dhiibbaa waraana kanaa waan taaneef gumaacha gama ogummaa fi beekumsaan goonu cinaatti loluunis hirmaachuun'' dirqama ta'aa dhufuu dubbatan.
Mooraan yuunivaarsiitichaa garuu bakka leenjiin loltummaa kun itti kennamu mitis jedhan.
''Leenjiin kun mooraa Yuunivarsiitii Dabraa Maarqoos keessatti miti kan kennamaa jiru. Istaadiyoomii magaalaa Dabra Maarqoos keessa jirutti kennaamaa jira.''
Leenjii kanaaf jedhamee hojiin idilee Yuunivarsiitichaa akka hin gufannee fi leenjitootni leenjiin booda hojii idilee isaanii akka hojjetanis himaniiru.
Leenjiin bu'uura loltummaa kun fedha hojjettootaan kan eegalame malee qaamni Yunivarsiitichaaf kallattiin duula kana keessatti akka hirmaatan ajaja dabarse hin jirus jedhaniiru obbo Girmaaw.
Leenjii kana booda ''hojjetaan yuunivarsiitichaa kallattiin gara adda waraanaa duuluu yoo barbaade hanga duulaa nagaan deebi'utti yunivarsiitichi miindaa isaa ni kaffalaafis'' jedhan.
''Ani akka barsiisaatti waraana keessatti hirmaachaan barsiisa'' jedhan qaama leenjii loltummaa kanaa kan ta'an Obbo Girmaaw.
Humnoonni TPLF naannolee daangaa waliin qooddatan Amaaraa fi Affaar keessa erga galanii barattootni Yunivarsiitilee Waldiyaa fi Dabra Taaboor yunivarsiiticha gadhiisanii ba'uuf dirqamaniiru.
Sababi ammoo magaalotni kunniin humnoota TPLFn qabamanii jiraachuu isaanii hooggansi BBC'n dubbise kun mirkaneessaniiru.














