Waraana Tigraay: Baahirdaar fi Gondar dabalatee magaalonni naannoo Amaaraa sochii sa'aatiin daangessan

Madda suuraa, BAHIRDAR/GONDAR/ KOMBOLCHA CITY ADMINISTRATION
Lola daangaa naannoo Amaaraa fi Tigraay jidduutti adeemaa jiruun wal-qabatee magaalonni naannoo Amaaraa hedduun sochii namaa sa'aatiin daangessaa jiru.
Magaalaan guddittii naannichaa Baahirdaaritti qaamolee nageenyaan alatti galgala sa'aatii 2 hanga barii sa'aatii 12tti sochiin kamuu dhorkamee jira.
Uggurri sochii kun Hagayya 14, 2021 galgala sa'aatii 2 irraa eegaleeti kan labsame yoo ta'u, rakkoon addaa namni isa mudate qaama nageenyaa beeksisee socho'uu akka danda'u bulchiinsi magaalattii beeksiseera.
Namni labsii kana darbe wayita socho'uu argame tarkaanfiin akka irratti fudhatamu bulchiinsi magaalattii gama marsaalee hawaasaan dhaameera.
Akkaataa labsii kanaan galgala sa'aatii 2 booda manneen daldalaa fi bashannanaa akkasumas konkolaataan socho'uu hin danda'u.
Qaamolee nageenyaan ergamni kennameefiin alatti namni kamuu meeshaa waraanaa qabatee argamuu akka hin dandeenye akkasumas, gaddaafis ta'e gammachuuf dhukaasuun akka hin hayyamamne himameera.
Guyyoota muraasa darba humnooti Tigraay gama Kibbaa fi Kibba-Lixa Tigraayiin magaalota naannoo Amaaraa gara garaa to'annoo isaanii jala oolfachaa jiraachuu himu.
Dubbi himaan TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa humnooti isaanii magaalaa naannoo Amaaraa 'Nifaas Mawucaa' jedhamtu gahuufi fuulduratti imalaa akka jiran marsaa hawaasaa irratti barreessaniiru.
Mootummaan naannoo Amaaraa magaalotni isaa humnoota Tigraayin to'atamuu ni waakkata.
Inuma Kibba Gondar Gaayint fi Walloo Kaabaa naannoo Waldiyaa fi Marsaatti Raayyaan Ittisaa fi humnooti Amaaraa humnoota Tigraayirraan miidhaa jabaa geessisuu dubbi himaan naannoo Amaaraa Obbo Gizaachoo Mulune himuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Bulchiinsi magaalaa Baahirdaar jiraattonni magaalaa isaanii si'aayinaan naannawa isaa akka eegu ergaa dabarseera.
Gondar
Bulchiinsi magaalaa Gondaris Sanbata kaleessaa humnoota nageenyaan ala galgala sa'aatii 3 hanga barii sa'aatii 12 socho'uun akka hin danda'amne labseera.
Namni rakkoon addaa mudate qaamolee nageenyaa beeksisee yoo ta'e malee socho'uu akka hin dandeenye, kanneen osoo socho'anii argaman irratti tarkaanfiin akka fudhatamu himameera.
Namoota rakkoon fayyaa isaan mudateef ambulaansiiwwan 10 qophaa'uu fi lakkoofsi bilbilaas ifa godhameera.
Uummatni gurmaa'ee guyyaa fi halkan dabareen magaalaa isaa akka eegu akka taasifamu bulchiinsi magaalattii ibseera.
Konkolaatota qaamolee nageenyaan ala, konkolaattonni kaan galgaa sa'aatii 1 booda hanga barii sa'aatii 12'tti socho'uu hin danda'an.
Magaalattii keessa keellawwaani fi manneen ciisichaa gara garaatti sakatta'iinsi idilee akka jiraatus ibsi bulchiinsa magaalattii ni hima.
Dabra Maarqoos
Magaalaan Dabra Maarqoos Jimaata Hagayya 13 irraa eegalee galgala sa'aatii 2 booda hanga barii 12'tti sochii uggurteetti.
Jiraattonnis ta'e konkolaataan socho'uu hin danda'u. Manneen daldalaa fi bashannanaas sa'aatii jedhametti ni cufamu.
Nmootni lohanii seenan jiraachuu waan malaniif jiraattonni dammaqinaan ollaa isaanii akka eegan bulchiinsi magaalattii waamicha dhiyeessee jira.
Kombolchaa fi Dasee
Bulchiinsi magaalaa Kombolchaa torban darbe ture sa'aatii 2 booda sochiin kamuu ugguramuu kan labse.
Kunis magaalaan naannoo Amaaraa Kaaba Kombolchaa fageenya dhiyoorra jirtu Waldiyaan humnoota Tigraayiin to'atamuun ibsamuu hordofeeti.
Humnooti Tigraay Waaldiyaa to'achuu haa ibsan malee aanga'ootni naannoo Amaaraa ammallee naannichatti lolli jabaan adeemaa jiraachuu himu.
Kombolchaatti kan qaamolee nageenyaan alatti konkolaataan kamuu sa'aatii lama booda akka hin sochoone yoo dhorkamu, baajaajiin ammoo sa'aatii 1 booda socho'uu hin dandeessu.
Haaluma wal-fakkaatuun magaalaan Dasees Kibxata darberraa eegalee sa'aatii lama booda sochii uggurtee jirti.
Baajaajonni sa'aatii 12 booda socho'uu hin danda'an jedhame.
Baatilee sagal dura kan eegale waraanni Tigraay erga yeroo dhiyoo as naannolee Amaaraa fi Affaaritti babal'atee, sababa kanaan lammileen kumoota dhibbaan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'aniiru.
Humnooti Tigraay hanga daangaa naannoo Tigraay waraana dura ture guutummaatti to'annoo isaanii jalatti deebisaniitti, akkasumas tajaajiloonni qunnamtii adda citan deebi'anii fi gargaarsi namoomaa danqaa malee Tigraay gahuu eegaluutti lola akka hin dhaabne beeksisaniiru.
Mootummaan federaalaa kan dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsee ture badii TPLF biyyarraan gahaa jiru hambisuuf raayyaan ittisaa fi humnoonni naannolee tarkaanfii akka fudhatan ajajeera.
Naannoo Tigraayitti namoonni miliyoona 5.2 kan dhibbeentaa 90 uummata naannichaa ta'an deeggarsa barbaadu jedhu dhaabbileen gargaarsaa.
Naannoo Amaaraa fi Affaar keessattis lakkoofsi namoota gargaarsa namoomaa fedhanii dabalaa jira.














