Waraana Tigraay: 'Haleellaan saal-qunnamtii Tigraayitti raawwate yakka waraanaatti ramadama' - Amnastii Intarnaashinaal

Madda suuraa, Amnesty International
Jaarmiyaan mirga namaaf falmu Amanistii Intarnaashinaal waraana Tigraayiin walqabatee gabaasa haaraa baaseen loltootni mootummaa Itoophiyaa fi humnoonni isa waliin lolan dubartootata dhibbaan lakkaawaman irratti haleellaa saal-qunnamtii raawwataniiru jedhe.
Dubartootnii fi shamarran Tigraay keessa jiran haleellaa saalaa dirqiin gudeedamuu dabalatu kan waraana mootummaa Itoophiyaa fi qaamoleen isaan waliin hidhata qaban raawwataniin dararamaa turuu dhaabbatichi ibseera.
Dirqiin gudeeduu fi qunnamtii saalaaf gabroomfachuun (Sexual slavery) yakka waraanaatii kan jedhu gabaasichi yakka namoomaa ta'uullee mala jedha.
Gabaasa haaraan Aministii Intarnaashinaal ''nama ta'uukoo waan hubachuu isaanii hin beeku: dirqiin gudeeduu fi haleellaa saal-qunnamtii waraana Tigraay'' jedhu kana keessatti yaadni dubartoota miidhama kana keessa darbanii hammatameera.
Gabaasichi waraana Tigraay ji'oota saddeet tureen dubartootnii fi shamarran Tigraay hangam takka haleellaa saala-qunnamtii Rayyaa Ittisa Biyyaa, Raayyaa Ittisa Eertiraa, Humna Addaa Naannoo Amaaraa, Fannoo fi gareewwan Milishaan irratti akka raawwatame ibsa.
Qaamoleen kunniin dubartoota Tigraay sabummaan arrabsuu fi ajjeesuuf doorsisuun dirqiin gudeedaa, heddummatanii gudeedaa, qaama saalaa isaanii miidhuu dabalatee dararaa gosa biroo raawwataniiru jedha Amanistiin.
''Dirqiin gudeeduufi haleellaan saal-qunnamtii akka tooftaa waraanaatti hojiirra oolee dubartootaa fi shamarran Tigraay irratti miidhama qaamaa fi seexaa barabaraa uumuuf hojjetamuun ifa dha.
"Dhibbaan kan lakkaawaman dararaaf, qabinsa badaa fi kan namummaa isaanii xiqqeessuuf saaxilamaniiru'' jedhan barreessaa olaanaan Aministii Intarnaashinaal Agnees Kalaamaard.
Agnees itti dabaluun ''hammeenyii fi sadarkaan haleellaa saal-qunnamtii raawwatamee akkaan rifaasisaadha, yakka waraanaatti ramadama, darbees tarii ammoo yakka namoomaas ta'u mala. Kuni utubaa namoomaatti qoosuudha, dhaabachuu qaba'' jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa hatattamaan miseensota humna waraanaa isaa fi milishoota isa waliin jiran gocha akkasii raawwatan dhaabsisuu qaba jedhanii, ''Gamtaan Afrikaa waraanni kun Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbiitti furmaata akka argatu tattaafachuu qaba'' jedhan.
Komishiniin mirga namaa Afrikaa 'African Commission for Human and Peoples' Rights Commission of Inquiry' jedhamuufi Barreessaan Olaanaa UN hatattamaan ogeeyyii erguun olaantummaa seeraa fi haleellaa saal-qunnamtii waraana Tigraay akka qoratanis gaafataniiru.
'Nama ta'uukollee hubachuusaanii hin beeku'
Aministiin gabaasa isaa kana keessatti dubartoota haleellaa saal-qunnamtiin miidhaman 63 fi ogeeyyii fayyaa dubbisuu ibseera.
Kanneen keessaa dubartootni haleellaan saalaa irra gahe 28 humnoonni haleellaa saal-qunnamtii kana raawwatan humnoota Eertiraa ta'uu dubbataniiru jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Namootni jaarmiyaan kun dubbise haleellaan saal-qunnamtii kun bal'inaan raawwatamuu fi kaayyoon isaas sodaachisuu fi miidhamtoota fi dhalattoota naannichaa boquu cabsuuf ta'uu himaniiru.
Akka jaarmiyaan kun jedhutti dubartootni 12 loltootni fi milishootni, daa'immaan dabalatee miseensota maatii isaanii fuula duratti dirqiin isaan gudeeduu himaniiru.
Isaan keessaa ammoo shan battala yakki kun irratti raawwatamu garaatti baatu turan.
Dubartiin gannaa 20 naannoo Baaker irraa taate Aminstiitti yoo himtu ji'a onkololessaa bara darbe loltoota uffata danbii walmakaa uffataniifi Amaariffa dubbataniin mana ishee keessatti miidhaan irra gahuu dubbatte.
''Dhiironni sadii kutaa ani keessa jiraadhu seenan. Dukkana ture...ani hin iyyine mallattoodhaan yoo sagalee dhageessifte si ajjeefna naan jedhan.
"Dabareen dirqisiisanii na gudeedan...ulfa ji'a afuriin ture yeroo san. Ulfa ta'uu koo beekuu isaanii hin beeku. Nama ta'uukoollee hubachuu isaanii hin beeku.''
Dubartiin ganna 35 biroon ammoo haadha ijoollee lamaati Humaraa irraa ta'uufi isheefii dubartootni biroon afur Shiraarootti gaafa Onkololessa 21 loltoota Eertiraan dirqiin gudeedamuu jaarmiyaa kanatti dubbatte.
''Sadan isaanii daa'ima koo fulduratti dirqiin na gudeedan. Dubartiin ulfi jia saddeetii nu waliin turte. Ishees dirqisiisanii gudeedan...Akka waraabessa waan nyaatu argatee sassaabaman...dubartoota ni gudeedu warra dhiiraa ni qalu'' jette.
Dhaabbileen fayyaa Tigraay keessa jiran Guraadhala-Ebla bara 2021 haleellaa saal-qunnamtii 1,288 galmeessaniiru jedha Amanistiin.
Hospitaalli Addigiraat erga waraanni eegalee hanga Caamsaa 9'tti dubartoota dirqiin gudeedaman 376 galmeesseera. Haata'u malee miidhamtootni hedduun manneen yaalaa akka hin deemne ibsuu isaanii jaarmiyaan kun ibseera.
Dubartootni haleellaa saal-qunnamtii kanaan miidhaman rakkoowwan qaamaa fi fayyaa sammuuf saaxilamuu dubbataniiru. Gariin ammoo erga dirqiin gudeedamanii HIV'n qabamuu himatu.
Saal-qunnamtiif gabroomfachuu
Dubartootni biroon 12 ammoo butamanii guyyootaa fi torbanootaaf harka loltootaa turuufi, turtii isaanii kana keessattis irra deddeebiin loltoota hedduun dirqiin gudeedamuu himataniiru.
Dubartootni kun gariin kaampii waraanaa, kaan manneen fi bakka baadiyaatti ukkaamfamanii turuu himatan.
Shamarreen ganna 17 bakka Zebaangedenaa jedhamuu torban lamaaf loltoota Eertiraan butamtee akka turte Aministiitti himte ''dirree lafa baadiyaattii argamutti na fudhatanii sokkan" jetti.
Loltoota hedduutu ture; isaan keessaa saddeet dirqiin na gudeedaniiru...yeroo hedduu dabaree lamaan naannicha eegu. Afur yeroo bahan isaan hafan afur hafaniit na gudeedu'' jette.
Shamarreen ganna 21 biroon Baadimeerraa loltoota Eertiraa fi Itoophiyaan Sadaasa 5 bara 2020 butamuu himtu ammoo, ishee waliin dubartootni biroo tilmaamaan 30 ta'an guyyoota 40'f butamanii turuu dubbatte.
''Dirqiin nu gudeedaniiru, nu beelesaniiru,. Dabareen kan nu gudeedan hedduudha. dubartoota 30 taana kan butamne...hunda keenya dirqisiisanii nu gudeedaniiru'' jette.
Dubartootni saddeet biroon waraana kana jalaa dheessuuf osoo daangaa Sudaanitti baqatanii loltoota Itoophiyaa fi Eertiraa akkasumas milishoota isaan waliin jiraniin naannoo daangaa Sudaanitti dirqiin gudeedamuu himaniiru jedha Aministiin.
Kanneen Miidhamtoota haleellaa saalaa kan ta'an lama qaama saalaa isaanii keessa qeensa fi wantoota akka sibiilaa fi pilaastikaa kaahuun miidhama yoomuu irraa hin fayyamne irraan gahuu himachuunis gabaasameera.
Miidhamtootni kun deeggarsa yaalaas ta'e kan xiinsammuu xiqqoo ykn ammoo ishuma xiqqoo sanuu hin argannee jechuunis komataniiru.
Mootummaan Itoophiyaa maal godhe?
Mootummaan Itoophiyaa waraana naannoo Tigraay keessatti gaggeefamaa jiruun kaayyoon isaa aanga'oota TPLF to'achuu qofa akka ta'ee fi namoota nagaaf eegumsa akka godhu ibsaa ture.
Erga dhaabbileen idila addunyaa hedduun haleellaan saalaa ''sukkaneessaan'' loltoota mootummaa fi humnoota isa waliin hojjetaniin raawwatamuun gabaafamee fi mirkanaa'ee booda garuu loltoota isaa seera waraanaa qabuun gaafatamtoota akka godhu irra deddeebi'ee ibsaa ture.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humni waraanaa Eertiraa daangaa Itoophiyaa seenee yakka hojjete kamiyyuu hin fudhannu jedhanii turan.
Loltoota Eertiraa qofa osoo hin taane miseensonni raayyaa ittisa biyyaa dubartoota dirqiin gudeedan akkasumas qabeenya saaman seeraan itti gaafatamu jedhanii turan.
Mootummaan Itoophiyaa Caamsaa darbe yakka dirqisiisanii gudeeduu fi haleellaa saalaan loltoota sadii irratti murteen yakkaa dabarfamuufi kanneen biroo 25 ammoo himatamanii akka jiran ibseera.
Haata'u malee adeemsa seeraa kana irratti odeeffannoo hedduun hin kennamnee jedha Aministiin.
Jaarmiyaan kun gabaasa kana ilaalchisee mootummaa Itoophiyaa fi Eertiraa irraa deebii argachuuf dhaabbilee mootummaa dhimmichi ilaallata ittiin jedhe garaagaraatti gaaffii dhiyeessee hanga gabaasa isaa kana maxxansutti deebii akka hin argannee ibseera.













