HRW: 'Sarbama mirgoota namoomaa Tigraayitti hammaateef, UN murtee atattamaa dabarsuu qaba'

Haati ganna 80 qe'eerraa buqqa'an kun mana barnootaa Maqalee keessatti argamutti dahatanii jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haati ganna 80 qe'eerraa buqqa'an kun mana barnootaa Maqalee keessatti argamutti dahatanii jiru

Manni Maree Mirgoota Namoomaa UN, sarbama mirgoota namoomaa hammaachaa dhufeef 'murtee seeraa' dabarsuuf karoorfate, atattamaan akka raawwatu Human Rights Watch gaafate.

Dhaabbanni mirga namaaf falmu HRW, qondaalasaa Lucy McKernan jedhaman wabeeffachuun ibsa marsariitiisaa gubbaa guyyaa Jimaataa baaseen [Afaan Ingiliizii] qaamni UN kun ''sarbama Tigraay keessaaf hatattamaan murtee kennuu qaba,'' jedhe.

Dhaabichi dabaluunis ji'oota darbaniif hawaasni naannoo Tigiraay sarbama mirga namoomaa hamaaf saaxilamaa turuu Komishinerri Mirga Namoomaa UN, Mishele Bachelet himuusaanii wabeeffata. Qondaalli kun haleellaan achitti raawwate yakka waraanaa tahuu mala jedhanii turan.

Wal gahii Mana Maree Komishinii Mirgoota Namoomaa irratti kan dubbatan Bachelet ''sarbamni gurguddaan raawwateera'' jedhanii turan.

Ajjeechaa fi hidhaa seeraan alaa, qe'ee isaanii irraa humnaan buqqaasuu, haleellaa saalaa manguddootaa fi ijoollee irratti raawwachaa turuus himan.

UNtti bakka buutuun dhimma haleellaa saalaa walitti bu'insa keessatti mudatuu ammoo humnaan gudeeduu fi haleellaan saalaa guddaan Tigiraay keessatti raawwachuu irra deddeebiin kaasaa turte.

''Gara jabina humnaan oliin,'' hoomaadhaan dubartii tokko gudeeduun namoota uffata danbii waraanaa uffataniin raawwateera jedhan.

Ragaalee akkanaa osoo arguu Manni Maree Mirgoota Namoomaa callisuu hin qabu jedha Human Rights Watch.

''Tarkaanfiin boodatti harkifate tahus, wixinee seeraa yookaan resolution jeequmsa Tigiraay ilaallatu ajandaasaa keessa galchuu qaba.''

Yakka naannoo Tigiraayitti namoota nagaa irratti raawwate jedhamu qorachuuf qorattootni idl-adunyaa fi naannoo hojii eegalaniiru kan jedhu HRW, tokko Komishinii Mirgoota Namoomaa UN kan jalqabedha jedha.

Garuu wixinee seera yookaan resolution malee Bachelet bu'aa qorannichaa akka ibsitu gochuun, manni marichaa bu'aa qorannichaa akka hin fudhanne taasisa jedheera.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Itoophiyaa bu'aan qorannichaa uummataaf ni ibsama. Seera yookaan resolution amma dabarsuun ammoo adeemsicha ''amanamummaa dhowwata,'' jechuusaanis ibsa kanarratti eerameera.

Garuu bu'aan qorannichaa barreeffamaan komishinera ol aanaa irraa dhiyaatu dursanii osoo murtee hin kenniin yookaan adeemsa qorannichaa gidduu hin galiin haalicha irratti odeeffannoo dabalataa akka argatan gargaara jedhan.

Rakkoo nageenyaa amma jiruu fi Tigraay irraa qunnamtiin adda cituu hordofee Manni Maree Mirgoota Namoomaa wixinee seeraa yookaan resolution qophaa'e raggaasisuu qaba jedhe HRW.

Haala kanaanis odeeffanoo wayitawaa argachuun akka haleellaan biraa hin geenye ittisuuf gargaara jedhe dhaabni kun.

''Turtii ji'oota saddeetiin booda, miidhamtoota Tigraayif wanti kanaa gadii isaaniif hin malu.''

Akka ragaan dhaabbaticharraa argame mul'isuttu korri idilee Mana Maree Mirgoota Namoomaa UN 47ffaan: Waxabajjii 21 hanga Adooleessa 13, 2021tti gaggeeffamaa jira.

line

Waraanni naannoo Tigraay erga jalqabee ji'oota saddeet lakkoofsiseera. Jalqaba mootummaan federaalaa humna TPLF injifachuun naannicha to'achuu ibsee ture. Amma ammoo osoo hin eegamiin humni TPLF magaalaa Maqalee fi bakkeewwan kaan to'annoo isaa jala galfateera.

Mootummaan federaalaa injifatamnee osoo hin taane deeggarsi akka dhaqqabuufi hawaasni hojii qonnaatti akka deebi'uufan loltootakoo baasee jedhe. Qaama shororkeessaa jechuun paarlaamaan murteesse TPLF waliinis, mariidhaan rakkoo qaban hiikuuf fedha akka qabu ibseera mootummaan federaalaa.

TPLF ammoo gara mariitti galuuf haal-dureewwan qabxii jajjaboo of keessaa qaban lafa kaa'an. Yeroo waraanaatti humnootni mootummaa sarbama mirga namoomaa raawwataniiru jedhamuun shakkaman adda bahuun akka himataman abbaan alangaa waliigalaa himee ture.

Waraana naannoo Tigiraayiin lubbuun kumaatamootaa darbuun uummatni miliyoonaan lakkaa'amus qe'ee isaa irraa buqqa'eera.

Namoonni 350,000 tahan beelaaf saaxilamuu kan ibse UN, miliyoona 5 ol kan tahanis deeggarsa midhaan nyaataa akka barbaadan himeera.