Waraana Tigiraay: Saamicha magaalaa Maqalee keessaa yeroo dhiyoon asitti

Teessoo bulchiinsa mootummaa naannoo Tigiraay kan taate Maqaleen magaala sochii daldalaa, hawwaasumaa adda addaafi murtoo siyaasaa murteessoon irra maddan magaalaa tahuuun beekamtudha.
Naannichatti dargaggoota hojii dhabeeyyii tahan guddaa kan qabattu yoo tahu, rakkoon nageenyaa fi hanqinni tajaajilotaas ni mul'ata.
Paartiin naannicha bulchaa ture TPLF mootummaa federaalaa waliin erga wal dhabee caasaaleen nageenyaa naannichaa bakka baay'eetti diigamus magaalaan Maqalee iddoowwan biroo naannichaa waliin yoo ilaalamtu magaalaa tasgabbii qabduufi hojiin bulchiinsaa keessatti hojjetamaa jirudha.
Haa tahu malee, namoota dhuunfaa gareen gurmaa'uun saamicha gaggeesanii fi miidhaa qaamaa nama irra gahaniin yaaddoo akka qaban jiraattotni ishee ni himu.
Manguddoon ganna 55 Baahiruu Gidey ji'oota sadii fi arfan darbanitti ''meeshaalee sagalee hin qabne akka aalbee qabachuun namuma argatan haleeluun kan hatan jiru. Magaalittii keessa waan baay'eetu jira. Halkan guutuu saamaa bulu yoon jedhe ukukubsuu hin tahu,'' jedhan.
Rakkoon kun durumas magaalattii keessa kan ture ta'ullee waraana Tigraay keessatti Sadaasa darbe uumame hordofee naannicha bulchaa kan ture TPLF magaalatti gadi dhiisee bahuu fi mootummaan naannichaas diigamuun wal qabatee kan hammaatedha.
Guyyaa Wiixataa mootummaan federaalaa waraana dhaabuu kan labse yoo ta'u, TPLF garuu injifannoo waraanaan magaalaa Maqalee deebisee to'achuu beeksiseera.
Saamicha haa tahu doorsisuun addunyaa kamuu keessa jira kan jedhan bakka bu'aan bulchiinsaa fi nageenyaa yeroo magaalaa Maqalee Obbo Gabremikaa'el Hayyeloom, '' kan magaala keenyaa kan adda godhu garuu qaawwaa rakkoo nageenyaa jiru ilaallachuun kan mudataa jiru'' tahuu isaati, jedhan.
Amma magaalaa maqalee keeessa namoota afurii fi isaa ol tahuun dargaggootni socho'uun sodaa nageenyaa uumanii fi yakka sasalphaatii hanga yakka gurguddaatti raawwatan akka jiran jiraattotnii fi bulchiinsi yeroo himaniiru.
Waxabajji 16 bara 2021 Televizhiniin Tigiraay suuraan deeggaruun akka tamsaasetti doozeriin Birrii miliyoona 84tti tilmamaman lama garaajii kutaa bulchiinsa kaabaa keessatti argamuu hatamuun, gara bakka biraatti geeffamuun oksijiniin kukutuun gara sibiila qarattiitti yookaan akkasumaatti akka jijjiran ibseera.
Komishinii Poolisii naannoo Tigiraayitti I/G Qorannaa Yakkaa kan tahan Inispeekter Tsigaabuu Saamu'eel, waan kun xumura ji'a Bitootessaa kan mudate tahuu yaadachiisuun shakkamtootni lakkoofsi isaanii hin beekamne doozeroota lamaan gara kutaa bulchiinsa Ayider geessuun ''oksijiniidhaan kukutuun sibiilatti deebisan to'atamuun dhimma isaanii mana murtiitti hordofaa jiru'' jedhan.
Namootni BBC'n dubbises konkolaatota sasalphaa hanga gurguddaa midhaan deeggarsaa fe'anii deemanillee osoo hin hafiin kan saamanii fi doorsisan akka jiran himan.
' . . . Uleen jira'
Maqalee keessaa kaaffeewanii fi manneen bunni itti gurguramu baay'een jiru.
Baay'een isaanii qarqara daandiitti kan banamanii fi bakkee namootni bunaaf shayee itti fayyadaman waan tahaniif, 'Mastiikaa qaba, kophee keessan sinii qulqulleessuu?' jechuun waanuma baramedha.
Ji'oota sadii fi afur darban kana garuu ''ulee qabna' [ዱላ አለኝ"] kan jedhu daldala ho'aa taheera.
Buna yookaan shayee osoo dhugnuu, ''…ulee qaba'' kanneen jedhan baay'ataniiru jedha jiraataan maqaan isaa akka ibsamu hin feene.
"Duraan listiroo fi hartuu mana qulqulleessu baatanii kan deeman argaa turre. Amma garuu addatti ulee qophaa'e qabatanii 'ni barbaaddaa?' jechaa namoota naanna'ani argina jedhe.
Waan kun yaaddoo nageenyaa magaalicha mudate hordofee akka dhufe kan himan jiraattoni of irraa ittisuuf jecha namootni ulee baatanii deemuu filannoo isaanii godhachuu himan.
Naannoo ji'a lamaa dura suuqiin isaanii naannoo Jibraah jedhamu jiru jalaa saamamuu kan himan Obbo Barrihuun suuqiinkoo erga saamamee ofirraa ittisuuf jecha anis ulee bitadheera jedhan.
''Ulichi Birrii 20 hanga 30ttidha kan gurguramu. Yeroo Birrii 50n gurgurames jira. Saamtotni aalbee fi meeshaalee qara qaban qabatanii waan deemaniif namootni hundinuu ulee meetira tokko hin caalle qabatanii socho'u. Of irraa ittisuuf malee waan biraaf miti.''
Jiraataan biraa Fitsum jedhamu ammoo qabeenya Birrii kuma 18ti tilmaamamu saamameera.
''Ani suuqiin dhugaatii lallafaafi biiraa itti rabsun qaba. Halkan tokkotti mana keessa kan ture hundumaa haraqee, bishaan, biiraa fi lallafaan najalaa fudhatame. Ulfaataadha. Seeraa fi sirni waan hin jirreef eenyutu kana godha kan jedhu hin beekamu'' jechuun waan isa mudate dubbata.
Haala nageenyaa baay'ee nama yaadessutu jira kan jedhu dargaggoon kutaa bulchiinsa Haadinnet keessaa dargaggoo Haayilesillaaseen.
Namni kamiyyuu sa'aatii barbaade akka barbaade socho'uu akka hin dandeenye hima.
''Walitti qabamtee yoo hin taane qofaakee socho'uu hin dandeessu. Namni baay'een ammoo kan hin cabne jechuun ulee fi sibiila qabateeti kan socho'u.
Kun waan ji'oota sadiifi arfan darban keessa mudatedha. Bakka poolisiin yookaan qaamni nageenyaa hin jirretti rakkoowwan mudatan ammoo nu yaaddessaniiru,'' jedhe.
Bilbila moobaayilaa butuu, halkan dahoo godhachuun mana jireenyaa namaa saamuu fi miidhaa geesisuu, uffata danbii raayyaa ittisaa, kan poolisii federaalaa uffachuun yakka gurguddaa raawwachuu, midhaanii fi zayita deeggarsaaf dhufe saamuu fi gurguruu, fi yakkootni akkasii akka raawwatan bulchiinsi magaalittii ibseera.
Kun haala qabatamaa naannicha mudate hordofee rakkoon dinagdee fi xiin-sammuu kan fide tahuu akka danda'u kan himan jiraattotni hundumtuu dabaree wal eegaa akka jiraniifi dargaggoonni kanumaaf gurmaa'anii akka jiran himan.
Yakki saamichaa kun durumaaniyyuu magaalittii keessa kan ture tahus, hojii dhabdummaa, dhugaatii alkoolii fi araadota biro babbal'achuu fi manneetiin dhugaatii babal'achuu waliin wal qabachuu akka hin ooles kan himan jiru.
Gama biraan ammo yakka tokko yeroo raawwatu adabbiin irratti darbu barsiisaa tahuu yeroo dhabuu fi mootummaan carraa hojii uumuuf kennu xiqqaa tahuu fi haalli itti maatiin ijoollee isaanii itti guddisanis yakka kanaaf shoora akka qabu himaa turan.
Amma erga paartiin naannicha bulchaa ture TPLF erga haleelamee magaalicha keessaa bahee sirreeffamtootni mana hidhaa turan haal-duree tokko malee gadhiifamuu isaanii hordofee yakkichi akka dabales amanama.
Kana irraa kan ka'e jiraattotni ibsaa harkaa, xurunbaa fi ulee qabachuun naannoo isaanii akka eegaa jiran himaniiru.
Bulchiinsi magaalittii maal godheera?
Bakka bu'aan bulchiinsaa fi nageenyaa magaalaa Maqalee Obbo Gabremikaa'el Haayalom, shugguxxiidhaa hanga aalbee dabalatee meeshaalee sagalee hin qabne qabachuun yakki hojjetamaa turuu himan.
Akkasumas uffata danbii raayyaa ittisa biyyaa fi poolisii federaalaa uffachuun yakkootni saamichaa raawwataa akka turan himanii baay'een isaanii to'annoo seeraa jala waan jiraniif bir-qabaan fooyyeen jira jedhan.
"Ji'oota sadii keessatti shakkamtootni 45 ol harkaa harkatti qabamaniiru. Eessumaa Qedamay Wayyaanee, Ayiderii fi bulchiinsa magaalaa Haweltii, akkasumas bakka karee 70 jedhamuun wamamu keessa qorannoo gaggeessuun to'annoo jala oolchuuf hordoffiin godhamaa jira'' jedhan.
Dabalataan komii nageenyaa jiraattotni qaban sirrii tahus garuu birqabaan amma nageenyi isa ji'a sadii afur dura ture caalaa dhufaa jira jedhan.
''Guyyaa 50 dura hundumtuu ulee qabatee deema ture. Nuyis deeggaraa turre. Ammas rakkoon hin jiru jechuu osoo hin taane, magaalota pooliisii milishaa fi qaamni nageenyaa kaan iran akka Finfinneeyyuu saamichi nama dhahuufi ajjeesuun jira. Yakki baduu hin danda'u, ni hir'ifama malee,'' jedhan.
Rakkoon kun hanga konkolaataa irraa deeggarsa midhaan nyaataa saamutti gaha kan jedhan Obbo Gabremikaa'el naannoo Kuhaatti, namootni dhuunfaa hidhannoo qaban konkolaatota Jibuutii irraa dhufan dhaabsisuun midhaan buusisanii osoo gurguranii '' konkolaataa lama to'annoo jala oolchineerra,'' jedhan.
Hanga ammaatti namoota yakka hojjetan %80 tahan to'annoo jala oolchineerra. Namootni murtaa'na baqatan jiru, isaaniin barbaadaa jirra,'' kan jedhan hogganichi hawwaasni ofii isaan akka nageenya isaa eeggatu dargaggoota 1,000 ol leenjisuun poolisii hawwaasaa tahuun akka hojjetan gochuu himan.
Waxabajji 15, 2021 FBC'n akka gabaasetii magaalaa Maqaleetti namootni sagal meeshaalee sagalee hin qabne fayyadamuun saamicha irratti bobba'an to'atamaniiru.
Shakkamtootni kutaa bulchiinsa Kaabaa jedhamu Maqaleetti argamu keessatti halkan sa'a 6:00tti gareen gurmaa'uun meeshaalee qara qaban ittiin saamanii fi nama irra miidhaa geesisan qabachuun saamicha gaggeessuuf osoo socho'anii dargaggoota nama jahaa fi qaama nageenyaan to'atamuu isaanii gabaase.














