Waraana Tigraay: Waa'ee gargaarsa gara Tigraay seenuu hanga ammaa maal beekna?

Madda suuraa, YASUYOSHI CHIBA
Waraanni naannoo Tigraayii fi naannoolee ollaa keessatti wayita itti fufee jirutti mootummaan deeggarsa midhaan nyaataa argachuuf rakkaachaan jira jedha.
Komii mootummaan dhiyeessuu kana haala deeggarsa namoomaa Tigraay irratti ragaa qabnu waliin walbiratti ilaaleerra.
Waajirri Ministira Muummee Itoophiyaa loltoonni TPLF konkolaattonni midhaan nyaataa fi deeggarsa biroo fe'an Tigraay akka hin galle dhorkan jechuun himatus, hanga ammaa himmannaan kun dhugaa ta'uu ragaan qabatamaan hin jiru.
TPLF gama isaan ''mootummaan deeggarsi namooma gara Tigraay akka hin galle danquuf sababoota tarreesssa,'' jechuun BBC'tti himeera.
Waraanni naannoolee daangaa Tigraayitti cimuu hordofee, ulaan karaa naannoo Amaaraa jiru cufameera. Ulaa takkittiin hafte naannoo Affaar keessaan isa magaalaa guddicha Samaraa irraa eegalee Kaabatti gara Abaalaa imaluudha.
Daandiin karaa naannoo Amaaraan jiru milishoota mootummaa Itoophiyaa deeggaraniin cufame.
UN Adoolessa 28 daandii isa Affaar keessa bahee Tigraay geessu irraattu waan mudate yoo ibsu, konkolaattotni deeggarsa fe'an lama namoota nagaan dhaabsifamanii saamamaniiru jedha.
Haata'u malee qaamni kana duuba jiru eenyu akka ta'e adda hin baane, yeroo sanitti hidhattootni Tigraay naannicha jiraachuunis hin beekamne. UN akka jedhutti gara dhuma ji'a Adoolessaatti deeggarsi dafee akka hin imallee mootummaa irraa hayyama argachuu dabalatee, bakki sakattaa baay'achuun sababa ta'aniiru.
Ibsa isaa dhiyoo Adoolessa 11 baaseen ammoo waajirri deeggarsa namoomaa qindeessu qaqqabamummaan deeggarsa namoomaa haalaan wayyaa'ee, naannoleen dhibbeentaan 75 qaqqabamaa jiruu jedheera.
Ta'us garuu gargaarsi qaqqabaa jiru gahaa mitii jedhe.
Mootummaan Itoophiyaa hanga Adoolessa 11'tti konkokolaattotni deeggarsa fe'an 277 Tigraay galaniiru jechuun gabaaseera.
UN dhugummaa ragaa kanaa akka nuu mirkaneessu gaafannee hanga ammaa deebii hin arganne.
Akkamittuu ta'u ji'a Adoolessaa keessa torbanitti nyaata toonii 6,000 erguun akka barbaachisu Sagantaan Nyaataa Addunyaa himaa jira.
Kana jechuun ammoo guyyaa guyyaan konkolaattotni fe'isaa gurguddoon 100 Tigraay galuu danda'uu qabu.
Balalii deeggarsa namoomaaf Tigraayitti godhamu
Ministirrii Muummee Itoophiyaa deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf gara Tigraayitti balaliin akka jiraatu hayyamaniiru.
Hayyamni balalii haaldureewwan lafa kaahaman hordofuun godhamu dhiyeenya dabalaa jiraachuu UN ibseera.
Adoolessa keessa sababa hayyama argachuuf ulaagaa guutuu barbaachisuuf jecha balaliiwwan xiyyaaraa lama qofatu turee jedha UN.
Balaliin jalqabaa Adoolessa 22 kan raawwate yeroo ta'u, kan lammataa, ammoo qindeessaa deeggarsa namoomaa UN Maartiin Giriifits fudhatee imale.
Hagayya kana keessa hanga ammaatti balaliiwwan xiyyaara afur Finfinneerraa gara Maqaleetti taasifameera.
Balaliiwwan kanaan walqabatee yaaddoon nageenyaa ilaalcha keessa galan akka jiran pirees sekireetariin waajira Ministira Muummee Billanee Siyyuum himteetti.
''Nageenyaaf dursa kennuun adeemsi kun akka salphatu waanta danda'ame hunda gochaa jirra,'' jette.
UN hojjettoota gargaarsaa dabareen bobbaasuuf torbanitti si'a lama balaliin xiyyaaraa jiraachuun barbaachisaadha jedha.
Barreessan olaanaan UN Antooniyoo Gutarees Adoolessa 9 Ministira Muummee Abiy waliin erga mariyatanii yaada kennaniin tajaajiloonni bu'uuraa akka ibsaa fi telekoominikeeshiniis atattamaan hojiitti deebi'u jedhanii turan.
Haata'u malee kun hanga ammaa akka hin raawwatamne ragaaleen ni ibsu.
Dhimma kana ilaalchisee Mootummaa Itoophiyaa gaafannee deebiin argannee ''tajaajiloonni kunniin deebi'uun gareen shorokeessaan kun waliigaltee dhukaasa dhaabuu fudhachuu irratti hundaa'a,'' kan jedhudha.
Mootummaan waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka jiraatu gam-tokkoon dhukaasa dhaabuu labsuus hidhattoonni TPLF dhukaasa dhaabuuf haalduree kaahaniiru.
Kutaaleen Tigraay hedduun hanga ammaa tajaajiloota ibsaa, teelekoomii fi baankii argachaa hin jiran.
Gariin namaa jenereetara irraa anniisaa ifaa kan argatu ta'uus hanqinni boba'aas waan jiruuf, boba'aan yeroo argamu ammoo dabareen hirama.
Dhaabbileen gargaarsaas tajaajiloonni kunniin dhibuun hojii isaanii danquu ni dubbatu.
Tajaajila telekomiin walqabatee mootummaan tajaajilli kun akka deebi'ee hojii eegalu gochuuf yaalaa jiraachuu fi miidhamni irra gahuurraa suphaa rakkisaa taasisuu Billaneen himteetti.














