Waraana Tigraay: Itoophiyaan dhaabbilee gargaarsaa humnoota Tigraay gargaaraa jiru jette akeekkachiifte

Madda suuraa, Anadolu Agency
Dhaabbilee gargaarsaa naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa dhiyeessuun alatti humnoota Tigraay gargaaraa jiran biyyaa baasuuf akka dirqamuu mootummaan Itoophiyaa akeekkachiise.
Mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti dhukaasa dhaabuu gam-tokkee erga labsee booda wantoota taajjabaa ture Deetaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Amb. Reedwaan Huseen har'aa [Kamisa] ibsa kennaniiru.
Lola baatilee saddeet darbaniif adeemsifamaa ture keessatti dhaabbileen gargaarsaa humnoota Tigraay hidhachiisuuf yaalii godhan akka turan himan aanga'aan kun.
Itti dabaluunis, dhaabbilee deeggarsa namoomaa dhiyeessuu fedhan keessa kan ''deeggarsa caalatti pirooppoogaandaa qindeessuu, mootummaa Itoophiyaa afaanfajjuu, duula maqa baleessuurra kan jiran'' jiruu jedhan.
''Haalichi kanaan kan itti fufu yoo ta'e, mootummaan gaafatama biyya baraaruusaa bahachuuf jecha, qaamolee kanneen waliin hojjechuu itti fuufuu keessa deebi'ee ilaala, tokko tokkos biyyaa baasuuf ni dirqama'' jedhan.
Hubachiisa kana kan kennan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi dhaabbilee gargaarsa dhiyeessan biroofi.
Mootummaan labsii dhukaasa dhaabuu labsee osoo jiruu ''qaama isa kan biroon aggaammiin godhamu kan itti fufu yoo ta'e, mootummaan murtee isaa kana keessa deebi'ee ilaaluuf ni dirqama. Sababa kanaattis tarkaanfii hunda hammate fudhachuu mala'' jedhan.
Hawaasni idila addunyaa murtee mootummaa kana busheesseera kan jedhan aang'aan kun aggaammii gama kaaniin godhamu akka saaxiluufi qeequ gaafataniiru.
'Hawaasni Idila addunyaa labsii dhukaasa dhaabuu nuti labsine hin deeggarre'
Amb. Reedwaan Huseen ibsa isaanii kana keessatti deeggarsi namoomaa akka dhiyaatuuf jecha Labsii dhukaasa dhaabuu mootummaan kophaatti labse hawaasni idila addunyaa bifa xiqqeessuufi busheessuun hubatee jechuun komatan.
Dhukaasni akka dhaabatu hawaasni idila-addunyaa gaafachaa turan ''murtee faara gaariin murtaa'e, dinqisiifachuufi faara gaariin deeggaruurra, waan hanqate guutuuf yaaduurra sababoota ijaaruurratti hin bu'uureffamne kaasuun murticha xiqqeessuuf socho'aniiru'' jedhan.
Amb. Reedwaan dhukaasa dhaabuun kan labsame dhumaatii kana caalu hambisuuf, miidhama jabaa gama diinagdeefi siyaasaan mudate dhaabuufi jedhaniiru.
Humnoonni Tigraay gama isaaniin isa mootummaan labsii dhukaasa dhaabuu jedhu injifatamaniiti jechuun, labsii dhukaasa dhaabuu fudhachuuf haaldureewwan qabxii torba of keessaa qaban tarreessaniiru.
Dhaabbileen deeggarsa namoomaa dhiyeessan kan idila addunyaa hedduun irra deddeebiin mootummaan Itoophiyaa deeggarsa barbaachisaa gochaa akka hin jirre qeeqaa turan.
Dhaabbileen kunniin gaaffiiwwan dhiyeessaa turan hundaaf deebiin kennamee wayita jiru kanattillee akkuma yeroo mootummaan naannicha keessatti lolaa turetti ammas mootummaa komachaa jiruu jechuun qeeqaniiru.
Sagantaan Nyaataa Addunyaa guyyoota dura gargaarsa namoomaa konkolaattota hedduun fe'ee magaala Maqalee gahuu kan ibse yoo ta'u,, imalli isaa buufataalee sakatta'uumsaa hedduun kan guute akka ture ibseera.
Mootummaan Itoophiyaa ammoo maqaa deeggarsa namoomaa jedhuun wantoota gara naannichaa galaa jiran beekuun barbaachisaadha jechuun shakkiin hordofaa jira.












