Waraana Tigraay: Raayyaan Ittisaa humnoota TPLF deebisee haleeluu akka malu beeksise

L. Janaraal Baacaa Dabalee

Madda suuraa, EBC

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa humnoota TPLF deebisee haleeluu akka malu qondaalli olaanaa raayyaa ittisaa miidiyaa biyya keessaaf himan.

Mootummaan federaalaa dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun loltoota isaa Tigraay keessaa baasuuf sochiirra akka ture kan himan qindeessaan ijaarsa waraanaa Rayyaa Ittisa Biyyaa Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabalee, humnooti TPLF lola dhaabuuf fedha hin agarsiifne jedhan.

Kibba Tigraay naannoo Koram fi Allaamaaxaatti loltoota raayyaa ittisaa lakkoofsaan muraasa ta'an sababoota adda addaan achi akka turan taasifame humnooti TPLF haleelanii barbadeessuuf yaalii gochu himan.

MM Abiy Ahimad ibsa Roobii baasaniin labsiin dhukaasa dhaabuu addatti mootummaan federaalaa torban lamaan dura bu'aa barbaadamu hin buusne jedhanii turan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Mootummaan ulaawwan deeggarsa namoomaaf jecha banaa godherratti dabalatee humnoonni TPLF bakka adda addaatti lola itti fufee jiraachuu himan.

"Juntaan diina Itoophiyaa ta'u mirkaneessaa jira" kan jedhan MM Abiy, "ummata keenya hunda qindeessinee ni buqqisna,'' jechuun lolli irra deebiin eegaluu akka malu akeekaniiru.

UN'tti Ambaasaaddarri US Liindaa Toomas Giriinfiild gabaasni waraanni Tigraay babal'achaa akka jiru isaan qaqqabe isaan yaaddessuu ibsa har'a baasaniin beeksisaniiru.

Waraanni kun itti fufuun dararaa barbaachisaa hin taaneefi duuti akka itti fufu godha jechuun waan isaan yaaddesse ta'uu ibsan.

Waraana kana keessatti qaamoleen hirmaachaa jiran hunduu atattamaan waraana dhaabuutti waliigalanii dhibdee jiruuf fala siyaasaa mariin barbaaduu qabuu jedhan.

Leetanaal Jeneraal Baacaan maal jedhan?

TPLF labsii dhukaasa dhaabuu kan fudhachuu dideef, gaaffii nagaa uummanni Tigraay kaasuuf deebii kennuu waan hin dandeenyeefi jedhan Leetanaal Jeneraal Baacaan.

"Raayyaan ittisaa yoomii fi eessatti haleellaa raawwachuu akka qabu murteessee irratti hojjechaa jira," jedhan.

Loltootni mootummaa sababoota naannoo Tigraay keessaa bahaniif keessaa tokko bakka ijaaramuuf mijatutti of ijaaruuf akka ta'es Leetanaal Jeneraal Baacaan dubbataniiru.

''Hoomaan waraanaa kun eessatti ijaaramuu danda'a. bakki itti ijaaramu aggaammii haleelamuuf lafa hin mijanne ta'u qaba. Tariimmoo haleellaan yoo raawwatees deebisanii haleeluuf lafa mijataa ta'e ta'uu qaba yaada jedhuun'' Tigraay keessaa baahuu ibsan.

Lola guyyoota muraasa darba gama Kibba Tigraayiin godhameen humnoonni Tigraay magaalota akka Koramii fi Allaamaaxaa to'annoo isaanii jalatti deebisaniiru.

Gama Lixaatiinis bakkoota akka Walqaayit fi Humaraa to'achuuf lolaa akka jiran mootummaan Naannoo Amaaraa ibsa baaseen beeksiseera.

Lola adda durummaan humnoonni TPLF humna addaa naannoo Amaaraa fi milishaa naannichaa waliin godhan keessatti qoodni raayyaa ittisa biyyaa maal akka ture ifatti wanti beekamu hin jiru.

Sababa kanaan raayyaan ittisaa maaliif tarkaanfii fudhachuu dide gaaffileen jedhan marsaalee hawaasaa irratti heddummataa jiru.

Leetanaal jeneraal Baacaan hojiin loltummaa loltootaan malee rogeeyyiin kan hojjetamu miti jechuudhaan eessaa fi akkamiin tarkaanfiin fudhatamuu akka malu ifa akka hin godhamne dubbatan.

Lolli godhamu Itoophiyaa akka biyyatti itti fufsiisuuf lola godhamu kan jedhan qondaalli waraanaa kun, "karoorri biyya diiguu juuntaan qabatee socho'aa jiru hin milkaa'u" jedhaniiru.

Uummanni Itoophiyaa akkuma amma duraa raayyaa ittisaa cinaa akka dhaabbatus waamicha dhiyeessaniiru.

Mootummaan federaalaa Itoophiyaa dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsuun loltoota isaa naannoo Tigraay keessaa erga baaseen booda, TPLF Maqalee dabalatee naannicha harka caalu to'annoo jalatti deebifateera.

Daangaan naannoo Tigraay bakka waraanaan dura tureetti hanga deebi'uutti waraana akka itti fufan dubbi himaan TPLF Obbo Geetaachoo Raddaa Rooyitarsitti himaniiru.